Arsenaal yeroo ammaa kana addunyaarratti kilaba tokkoffaadha - Peep Gaardiyoolaa
Leenjisaan Maanchester Siitii Peep Gaardiyoolaa, " yeroo ammaa kana Arsenaal addunyaarratti kilaba tokkofaadha," jedhe.
'Arsenaal yeroo ammaa addunyaarratti kilaba tokkofaadha' kan jedhu itti waliigaltaa jedhamee kan gaafatame Gaardiyoolaan, "eyyeen" sirriidha jedhe.
Arsenaal yeroo ammaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa irratti tapha hunda taphatan mo'anii dursaa jiru. Piriimer Liigiittis akkuma kana dursaa jira.
Kana malees, FC Cup fi Karabaa'oo kaappiinis ittuma jiru.
Isin itti waliigaltuu?