Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Sagantaan gabbisa Nikuleraa Iraan waggaa lamaaf duubatti deebi'eera - US

Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp haleellaan Ameerikaa kun dhaabbilee niwukilaraa Iraan hunda barbadeesse jechuun cichanii dubbatu.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Buufanni xiyyaaraa Heetroo rakkoo waggaa torba dura mul'ateen cufamuun ibsame

    Rakkooleen buufata xiqqaa elektirikii ibidda kaasuuf madda ta'uun Buufata Xiyyaaraa Heetiroo cufamuuf sababa ta'e, jalqaba kan adda baafame waggaa torba dura ta'ulleen garuu akka hin sirreeffamne gabaasni tokko adda baaseera.

    Qorannoon kun akka agarsiisutti, Buufanni Ibsaa Biyyaaleessaa kan buufata xiqqaa kana abbuummaan bulchu, bara 2018 irraa eegalee rakkoo kana qaba ture.

    Gabaasni kunis rakkoowwan buufata xiqqaa kana keessatti mul'atan sirreessuuf carraawwan hedduu bal'inaan kan ibse yoo ta'u, suphaan irra deddeebiin yeroo biraatti akka dabarfame adda baaseera.

    Sababa humni ibsaa addaan cituutiin kan cufame buufanni xiyyaara Heetiroo cufamuun balaliinsi kumaatamaan lakkaa'aman akka haqaman fi imaltoonni akka danqaman taasiseera.

    Dhaabbanni anniisaa to'atu, Ofgem argannoo gabaasa kanaa hordofuun qorannoo Dhaabbata Annisaa Biyyaaleessaa (National Grid) kan jalqabee yoo ta'u, kanas Ministirri Inarjii, Ed Miliband ''baay'ee yaaddessaa'' jedhaniiru.

  2. Helikoptarri waraana Yugaandaa buufata xiyyaaraa Somaaliyaatti kufuun ibsame

    Helikooptarri waraana Yugaandaa namoota saddeet fe'ee ture buufata xiyyaaraa guddicha idil-addunyaa magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishootti kuftee cacabuu qondaalli aviyeeshinii BBC'tti himan.

    Dhaabbanni oduu mootummaa akka gabaasetti, helikooptarri kun buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Adeen Addeetti erga kufeen booda ibiddi ka'uufi tajaajila balaa tasaatiin battalumatti ibiddichi to'atameera jedhe.

    Waraabbiin viidiyoon gadiifame tokkos buufata xiyyaaraa irraa aarri gurraachi samiitti ol ka'aa agarsiisa.

    Hojjettoota buufata xiyyaaraa keessaa tokko kan taate Faaraa Abdullee dhaabbata oduu Rooyitarsiif akka himtetti, "Dhohinsa akkuma dhageenyeen helikooptara tokkorra aarrii fi ibiddi ka'ee argine. Aarri kun guutummaan guutuutti helikooptara sana uwwisee mul'ata ture," jedhan.

    Sababni balaa kanaas ta'e baayyinni lakkoofsa namoota lubbuun darbe ammatti ifa miti.

    Hogganaan Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Somaalii Obbo Ahmad Maalim BBC'tti akka himanitti, helikooptarri kun buufata xiyyaara Baalidooglee kan riijina Shaabel Gadiitti argamu irraa erga balalii'uun kutaa waraana buufata xiyyaaraa keessatti kufuushee ibsaniiru.

    Sababa balaa kanaa adda baasuuf qorannoon gaggeeffamaa akka ture himaniiru.

    Loltoonni Yugaandaa qaama humna Gamtaa Afrikaa (AU) garee al-Qaayidaa waliin hidhata qabu, garee Al-Shabaab kan Somaaliyaa keessatti fincila gara jabinaa geggeessaa jiru, waraanuuf mootummaa gargaaraa jiruudha.

  3. Waraanni Koongoo xiyyaara finciltootaaf gargaarsa baatee deemaa ture barbadeesse jedhe

    Mootummaan Koongoo xiyyaara finciltoonni gargaarsa nyaataa geessisaa akka ture himan Aanaa Minembwe, daangaa biyyattii kan Ruwaandaa fi Burundiitti dhihoo jiruu keessatti haleelluu hime.

    Taateen kunis erga Jimaata darbe Waashingitanitti waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallattaa'ee booda taatee jeequmsaa naannichatti mudate isa dhiheenyaa ta'uu ibsameera.

    Waraanni xiyyaaricha raadara fayyadamuun hordofuu irra gahuu, hayyama seeraa malee naannoo qilleensaa Koongoo seenuu isaa fi lakkoofsa eenyummaa akka hin qabne adda baasuusaa hime. Kanaafuu, humni waraanaa ''tarkaanfii barbaachisaa ta'e'' fudhachuu malee filannoo biraa akka hin qabne himeera.

    Haata'u malee, finciltoonni garee M23 kan bara kana kutaalee baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo bal'aa ta'e qabatan waliin michuu ta'an himannaa kana ni mormu.

  4. Yukireen haleellaa diroonii Raashiyaa irratti gaggeessiteen namooni sadi du'anii heddu madaa'an

    Yukireen haleellaa diroonii Raashiyaa irratti gaggeessiteen namoonni sadi yoo du'an 45 ammoo madaa'an.

    Haleellaan diroonii kun daangaa Yukireen irraa fageenya km 1,000 o, irratti yoo ta'u, warshaa galtee misaa'elaafi sirna ittisaa irratti kan xiyyeeffate ta'uu qondaalonni Raashiyaa beeskisann.

    Kanneen madaa'an keessaa jaha haala yaaddessaa keessa jiraachuu qondaalli Raashiyaa bulchaa bulchiinsa Udmaartiyaa kan ta'an Aleeksaandar Bireechaaloof himan.

    Wa'ee haleellaa Yukireen kana ilaalchisee Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliinis dubbachuu beeksisan qondaalli kun.

    Dirooniwwan Yukireen lama fageenya dheeraa imaluu danda'an warshaa meeshaalee waraanaa Raashiyaa omishu haleeluu qondaalli Yukireen tokko BBCtti himan.

    "Oppireeshiniin addaa akkanaa dandeettii waraana diinaa kan hir'isuufi cancala omisha meeshaalee waraanaa kan jalaa jeequdha. Bakki waraanaa daangaa Raashiyaa fageenya irratti argamu illee haleelamuu akka danda'u agarsiistudha " jedhu qondaalli Yukireen kun.

  5. Ho'i biyyoota Awurooppaatti cimee itti fufee jiruun Xaaliyaaniitti namoonni lama du'an

    Biyyota Awurooppaa hedduu keessatti ho'i cimaan bu'uun yaaddoo cimaa uumera.

    Xaaliyaan keessatti namootni lama sababa kanaan yoo du'an lixa Turkiitti ammoo ibiddi bosona mudatee namoonni kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa'aniiru.

    Paaris keessatti ammoo bakki hawwata turistii Eefal Taawor dabalatee biiroowwan hedduun sababa ho’a kanaan cufameera.

    UK'tti hoo'i olaanan waggaa keessatti muudatee hin beekne galmaa'era. Ispeeniifi Poorchugaalitti ho’i hanga yoonaa galmaa'ee hin beekne kan mudachuun gabaafameera.

    Paaris naannawa imalli namootaa heddummatu keessatti daandii irratti bishaan imaltootaaf raabsamaa jira.

  6. Keeniyaan mormii tibbana biyyattitti ka'ee hordofee namoota 485 to'annaa jala oolchite

    Aangawoonni Keeniyaa hiriira mormii mootummaa torbee darbe gaggeeffame kan kutaalee biyyattii hedduu keessatti hookkaraatti jijjiirame keessatti hirmaachuu isaaniitiin shakkaman jedhe namoota 485 to’annaa jala oolchuu ibsan.

    Daarektarri qorannoo yakkaa biyyattii Mohaammad Amiin namoonni kunneen yakka ajjeechaa, shororkeessummaa, gudeeddii, hanna, qabeenya barbadeessuu fi poolisoota irratti reebicha raawwachuu dabalatee yakkoota adda addaatiin to’annoo jala oolanii jedhan.

    Namoota to'annoo jala oolan keessaa 448 mana murtiitti kan dhiyaatan yoo ta'u, kanneen hafan 37 ammoo qoratamaa jiraachuu himan.

    Mormiin kun waggaa tokkoffaa mormii daballii gibiraa mootummaa bara 2023 gaggeeffame irratti namoota ajjeefaman yaadachuuf kan karoorfamee yoo ta'u kan tibbanaa kana keessattillee namootni 8 akka falmitootni mirgaa jedhanitti ammoo namootni 16 ajjeefamaniiru.

  7. Himannaa gudeeddii kunuunsaa daa'immaniin booda daa'imman dhibbaan lakkaa'aman qorataman

    Magaalaa Awustiraaliyaa Meelboorn keessatti hojjataan Wiirtuu kunuunsa daa'imanii, daa'imman gudeeduudhaan himatamuu hordofee daa'imman 1,200 qorannoon dhibbee daddarbaa irratti gaggeeffamuuf.

    Jooshwaa Daalee Biraawun namni jedhame tokko, daa'ima umuriinshee baatii shanii dabalatee daa'imman saddeet irratti miidhaa raawwachuun himannaawwan irratti banameera.

    Namni kunis daa'imman kanneen irratti bara 2022-2023tti akka yakka kana irratti raawwate ibsameera.

    Namni umuriinsaa waggaa 26 ta'e kun bara 2017 irraa kaasee wiirtuulee kunuunsa daa'immanii 20 keessa hojjateera.

    Daa'immanni kunuunsa hojjataa kanaa jalatti argaman kamuu ''of eeggannoof'' qorannoon akka taasifamu aanga'oonni fayyaa maatiitti beeksiisaniiru.

    Shakkamaan kunis yeroo ammaatti hidhaarratti kan argamu yoo ta'u, Fulbaana dhufaatti mana murtii Meelboorniitti argamutti dhiyaata.

    Daa'imtii umuriinsaanii waggaa shanii gadi kan shakkamaan kun miidhaa irraan gaheerra jedhaman saddeeti, kanneen Wiirtuu 'Kireetiiv Gaardan'' jedhamu keessa turaniidha.

  8. Keeniyaatti daldalaan daandiirraa tibba mormiitti rasaasa poolisiin rukutame du'e

    Torban lamaan dura hiriira mormii Keeniyaatti gaggeeffamerratti daladalaan daandiirraa rasaasa poolisiitiin mataansaa rukutamuun meeshaa deeggarsa lubbuutiin gargaaramaa ture amma lubbuunsaa darbuu maatiin beeksiisan.

    Abokaatoon maatiisaa, Emaalii Waanjiiraa ''Booniifees amma hin jiru. Amma reeffa isaa argeerra'' jechuun BBCtti himan.

    Booniifees Kaaruuyuukii barsiisaa waggaa 31 fi barreessaa Albart Ojwaang erga lubbuunsaa buufata poolisii keessatti darbee argameen booda mormii umameen ture rasaasa poolisiin kan rukutame.

    Daandiirratti maaskii gurguraa kan ture Booniifees erga rasaasa fageenya dhihoo irraa itti dhukaafameen rukutameen booda hospitaala Naayiroobiitti wallaansa irra ture.

    Osoo maatii isaatti onneessaa akka dhawattu garuu sammuunsaa hojjachuu dhaabuu osoo maatiisaatti hin himamiin dura baatii lamaaf deeggarsa maashiinaatiin tursiifamee ture.

  9. Tiraamp qoqqobbii Sooriyaarra kaa'amee ture kaasan

    Doonaald Tiraamp qoqqobbiiwwan US yeroo garaagaraatti Sooriyaa irra kaa'aa turte irraa kaasuuf ajaja pirezidantummaa mallatteessaniiru.

    Waayit Haawus akka jedhutti tarkaanfiin kun ''daandii nagaa fi tasgabbii'' biyyattiin irra jirtu degegaruuf kan fudhatamedha.

    Qoqqobbiiwwan maallaqa biyyattiin biyya alaatii argattutti daandii cufan hedduun mootummaan Bashaar al-Asaad, kan Muddee darbe hidhattootaan aangoorraa ari'ame, irraa kaa'amanii turan.

    Waayit Haawsu adeemsa mootummaa Sooriyaa yeroo ammaa akka hordofu ibseera.

    ''Tarkaanfii biyyattiin Israa'el waliin hariiroo cimsachuurratti fudhattu,'' dhimmoota Waayit Haawus xiyyeeffannaan hordofu keessaati.

    ''Shororkeessitoota alaa seenan dura dhaabbachuu fi garee shororkeessitootaa Filisxeem irra dhorkaa kaa'uunis'' waan Ameerikaan Sooriyaa irraa feetudha.

    Ministirri Dhimma Alaa Sooriyaa Asaad al-Shibani tarkaanfiin kun biyyasaaniif daandii diinagdee kan saaquu fi addunyaatti kan dhiheessu ta'uu dubbatan.

    Haata'u malee US ammallee qoqqobbii Bashaar al-Asaad fi michuuwwan isaa akkasumas garee IS fi caasaalee Iraaniin deeggaraman irra keessee turte hin kaasne.

    Tiraamp Caamsaa darbe wayita Riyaaditti Pirezidantii Sooriyaa kan ta'an hoogganaa duraanii hidhattootaa, Ahmad al-Sharaa waliin wal argan akka qoqqobbii biyyattiirraa kaasan ibsan.

    Oduun sun Damaskas keessatti gammachuu guddaa uumeera.

  10. MM Taayilaand sababa iccitii ergaa bilbilaa hojiirraa gaggeeffaman

    Manni murtii heeraa Taayilaand- kan seerrii fi hojiiwwan mootummaa kaan heera mootummaa waliin walsimuusaanii hordofu, Ministira Muummee biyyattii Paetongtarn Shinawatra hojiirraa ari'e.

    MM kun erga dubbiin isaan bilbilaan qondaala duraanii Kamboodiyaa waliin dubbatan miliqee ba'ee booda aangoo akka gadhiisan dhiibbaan irratti cimee ture.

    Sagaleen wayita MM Taayilaand kun qondaala Kaamboodiyaa kanaan ''eessumoo'' jedhanii fi humna waraanaa Taayilaand qeeqan waraabame erga miliqee ba'uu booda uummata baayyee mufachiisee ture.

    Kana hordofuun akka qondaalli kun anagoo gadhiisan mallattoo walitti qabaa turan. Manni murtiis amma kanuma raawwachiise.

    Gosa Shinawatra jedhaman keessaa osoo yeroo aangoo hin xumurin aangoorraa ari'amuudhaan MM Paetongtarn qondaala lammaffaadha.

    Gosi kun siyaasa Taayilaand keessatti waggoota kurna lamaan darban olaantummaa qabatanii bulchaa turan.

    Paartii Pheu Tai jedhamurraa kan ta'an MM kun erga bara darbe Hagayya keessa hoogganaa isaan dura turan aangoorraa kaafamanii booda ture kan aangoo qabatan.

    Yeroo sana MM kan turan Sretha Thavisin abbaa seeraa duraan hidhamee ture kaabinee isaanii keessatti muuduudhaan himatamanii aangoorraa kaafaman.

  11. Gaazaa keessatti haleellaa Israa'el kaafee irratti gaggeessiteen yoo xiqqaate namoonni 20 du'an

    Haleellaa Israa'eel kaafee bakkee namoonni heddu itti wal-gahan irratti gaggeessiteen yoo xiqqaate Filisxeemonni 20 du'uu maddeen ogeeyyii fayyaafi namoonni ijaan argan himan.

    Kaafeen haleellan irratti gaggeeffame jedhame kun bakka aktivistoonni, gaazexeessitoonnifi jiraattonni naannichaa heddumminaan fayyadamaniifi garqara galaanatti argamuudha.

    Hojjaattoonni lubbuu baraaran guyyaa kaleessaa, Wiixata, reeffa namoota 20 fi namoota madaa'anii Kaafee Al-Baqaa keessaa baasuu dubbi himaan Ittisa Sivilii Gaazaa BBCtti himan.

    "Intarneetii fayyadamuuf gara kaafichaa deeman ture, achi gahuuf meetirri muraasi yoo na hafu dhohiinsi guddaan mudate," ogeessa kaameeraa kan ta'e Aziiz Al-Afiifii.

    "Bakkichattan fiige, hiriyoonni koo yeroo hunda wal-agarru achi jiru, bakkichi reeffafi dhiigan guutee iyyaafi wawwaanatu ture," jechuun BBCtti hime Aziiz.

    Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa ture, yeroo misaa'elli xayyaarri waraanaa Israa'el dhukaase fakkaatu bakkicha haleelu ni mul'ata. Sana booda suurawwan qoodaman, reeffi namaa bakkee keessa ciciisee mul'ata.

    Kaafen haleellan itti gaggeeffame kun Kaaba Gaazaa qarqara galaatti bakka beekamaafi gaazexeessitoonni, aktivistoonnifi hojjattoonni garaa garaa itti wal-gahan ta'ee tajaajila intarnetii fa'aa dhiyeessun bakka filatamaadha.

  12. Ibiddi bosona Turkiitti qabate jiraattota baqachiise

    Bulchiinsa dhiha Turkii Izmir keessatti namoonni abidda dhaamsan guyyaa lammaffaaf ibidda bosona waliin wal’aansoo qabaa akka jiran aanga’oonni himaniiru.

    Ibiddi kun sababa bubbee hamaa naannawa sana jiruun akka malee babal'ataa to'achuuf rakkisaa ta'aa jira.

    Helikooptaroonni ibidda dhaamsan fi konkolaattonni biroo, akkasumas namoonni 1,000 ol ta’an ibidda dhaamsuuf yaalii gochaa jiru.

    Naannoleen qarqara galaanaa Turkii sanatti waggoota dhiyoo asitti ibidda bosonaatiin miidhamaa kan jiran yoo ta'u kunis gogiinsa jijjiirama qilleensaa waliin kan walqabatu akka ta'e ogeeyyiin kan ibsan

    Manneen jireenyaa naannawa balaan kun itti muudatee ibiddaan gubachuun jirattonni hedduun baqachuuf dirqamaniiru.

    Sababa balaa ibiddaa kanaan buufata xiyyaaraa Izmir Adnaan Menderees keessatti hojiin akka addaan cituu miidiyaaleen Turkii gabaasan.

  13. Kaanaadaan doorsisa Ameerikaa booda qaraxa dhaabbilee teeknooloojii US addaan kutte

    Mootummaan Kaanaadaa qaraxni haaraan teeknooloojii kun hojiirra ooluu isaa guyyaa muraasa dura akka addaan citu beeksiseera.

    Jimaata darbe pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp marii daldalaa Otaawaatti taasifamaa ture adda kutuun qaraxa kanaan walqabatee Ameerikaan taarifa haaraa Kanaadaa irra akka keessuu doorsisanii ture.

    Angawoonni faayinaansii Kaanaadaa akka jedhanitti qaraxni teknooloojii Ameerikaa irraa kaa'ame kun hanga waliigalteen daldalaa bal’aan Ameerikaa waliin taasifamutti akka addaan citu himaniiru.

    Gibirri teeknooloojii kun Amaazoon, Meetaa fi Aappilii dabalatee dhaabbilee teeknooloojii Ameerikaa irratti dhiibbaa ni qabaata.

    Pirezidanti Tiraamp Kanaadaan taarifa dhaabbilee teknooloojii Ameerikaarra baaste kana yoo hin haqne haalli kun daldala Ameerikaa fi Kaanaadaa ji’ootaaf tasgabbiin turee jeequmsa keessa galchuu akka danda’u himaniiru.

    Ministirri Muummee Kaanaadaa Maark Kaarnii fi pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp jalqaba baatii kanaa walgahii G7 irratti kan wal argan yoo ta’u,waliigaltee dinagdee haaraa guyyoota 30 keessatti xumuruuf waliigaluun isaanii ibsameera.

  14. Manguddoon waggaa 80 Museeveeniin filannoo prezidaantummaa marsaa 7ffaaf akka dorgoman ibsan

    Pirezidaantiin Yugaandaa Yoweeri Museveeniin filannoo bara dhufu gaggeeffamu irratti marsaa 7ffaa Pirezedaantii ta’uun dorgomuuf akka yaadan beeksisan.

    Museveeniin kan duraan bulchaa turan caalaa waggoota shanan dhufan keessatti biyyatti gara dinagdee fooyyee qabutti ceessisuuf cimsanii kan hojjatan ta'uu eeran.

    Kanaanis biyyattiin gara jaarraa walakkatti siquuf nama tokkoon buluuf deemti jechuudha.

    Yoweri Museeveniin bara 1986 waraana riphee loltootaa hoogganuudhaan erga aangoo qabatan irraa kaasee waggoota 35 ta'uuf Yugaandaa bulchaa jiru.

    Yeroo pirezidaantummaa isaaniitti heera mootummaa yeroo lama fooyyeessuun turtii isaanii akka dheereffatan hayyamameefiira.

    Kunis qeeqa fi mormii falmitoota mirgaa fi namoota siyaasaa mormitootaa kanneen humna nageenyaa fi maallaqa itti fayyadamuun aangoo dheereffataa jiru jedhamuun qeeqamu.

    Hogganaan paartii mormituu Yugaandaa Boobii Waayinis yeroo lammataaf pirezidaantii ta’uuf dorgomuu akka barbaadan beeksisaniiru.

    Waayiniin filannoo darbe bara 2021 gaggeeffameen sadarkaa lammaffaa qabatus filannoon kun hanna sagaleetiin kan bade ta’uu himachuun bu’aa filannoo kana kuffisaniiru.

    Qondaaltonni mootummaa garuu waliindhahuu himannaa sagalee kana haalaniiru.

    Biyyattiin bara dhufu baatii Amajjii keessa filannoo pireezidaantummaa gaggeessuuf jirti.

  15. Maakroon Iraan gara mariif taa'uutti akka deebitu gaafatan

    Pireezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon gita isaanii Iraan Masuud Pezeshkiyaan waliin bilbilaan wayita dubbatan Iraan gara mariif taa'uutti akka deebitu gaafataniiru.

    Maakroon Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu Iraani fi Israa’el gidduu jiru kabajuun sagantaa niwukilaraa fi misaa’ela ishee irratti mari’achuutti deebi’uu qabdi jedhan.

    Maakroon Iraan waliigaltee meeshaa niwukilaraa hin babal’isne kabajuu fi tumsa dhaabbata niwukilaraa to’atu kan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti, Ejansii Anniisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) waliin taasiftu deebisuu akka qabdu Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyaanitti himaniiru.

    Hanga ammaatti Iraan dhaabbatichi dhaabbilee niwukilaraa ishee Ameerikaa fi Israa’eliin boombii itti darbatame akka sakatta’u hayyamuu didde.

  16. Hojjettoonni balaa abiddaa US lama rasaasaan ajjeefamuu poolisiin hime

    Hojjettoonni balaa abiddaa lama rasaasaan dhahamuun yoo du'an tokko ammoo akka malee madaa'uu pooliiin hime.

    Hojjettoonni kunneen lamaan bakka Idaahoo jedhamutti rukutamuu ibsame.

    Namichi tahe jedhee balaa abiddaa dhaqabsiise yeroo baraartonni balaa abiddaa dhaamsuuf deeman dhukaasa itti bane jedhe poolisiin.

    Qorattoonni akka jedhanitti, namichi dhukaasa bane qofuma isaa tahuuni.

    Balaan abiddaa sun halkan guutuu babal'achuun bosona gubaa ture jedhan.

    Humni nagaa kabachiisaa 300 tahan birmatanii helikooptera lamaan dhaquun balicha to'achuuf yaalaa turuu himan.

  17. Lammiileen Noorway hedduun maallaqa miiliyoonaan lakkaa'amu lootariin mo'achuun dogoggora ta'uun mufii uume

    Kubbaaniyyaan tirgaa (qummaaraa) qabeenya mootummaa ta'e al takkaatti namoota hedduu miiliyeenaroota godhe.

    Lammiileen Noorway hedduun maallaqa jireenyasaanii jijjiiruu danda'u erga argatanii booda dogoggoraan ta'uun itti himame.

    Jaarmiyaan Norsk Tipping akka ibsetti ''namoota kumaatamaan lakkaa'aman'' kanneen qumaara Eurojackpot jedhamu mo'ataniif maallaqi dogoggoraa ergameeraaf.

    Jaarmiyaan kun sababa kanaan namoonni meeqa irra akka dhiibbaan ga'e BBC'f hin ibsine.

    Hoogganaan jaarmiyaa qumaaraa kanaa Tonje Sagstuen taatee mudateef dhiifama gaafachuun aangoo gadhiisan.

    Jaarmiyaan kun wayita maallaqi Eurocents irraa gara maallaqa Noorway- Kroner jedhamutti sharafamu adeemsa keessa dogoggora uumameen ''badhaasi namoonni argatan humnaa ol dabaleera,'' jedhe.

    Maallaqi namoonni mo'atan 100f hiramuun osoo irra jiruu 100n baayyifamuun akka ergame miidiyaaleen biyya keessaa gabaaseera.

    Norsk Tipping maallaqa badhaafamtootaaf kennu kana Jarmany irraa Yuuroodhaan erga fudhatee booda maallaqa Noorway- Kroner jedhamutti geeddaruun namootaaf erga.

    Maallaqi namoonni mo'atan inni sirriin sambata darbe kennameera.

    Jaarmiyaan qumaaraa kun kaffaltiin walqabatee amma dogoggorre tokkollee akka hin jirre ibse.

    ''Namoota hedduu gaddisiisuu keenyaan nutis gaddineerra. Namoonni akka nutti mufatan hubadheera,'' jedhan Tonje Sagstuen.

    ''Amanamummaa kan faallesse'' waan ta'eef ''qeeqi isaan dhiheessan sirriidha,'' jedhan.

    Namoonni hedduun bashannaaf, mana isaanii haaressuuf akkasumas appaartaamaa bituuf akka karoorsan ergaan hedduun isaan ga'uus ibsan hoogganaan kun.

  18. Taphataan lammii Arjentiinaa ganna 18 yaalii baqaqsanii hodhuu jilbaarratti du'e

    Taphataan sarara gidduu lammii Arjentiinaa Kaamiloo Nuu'iin, osoo yaaliin baqaqsanii hodhuu jilba taasifamaafii jiru du'unsaa gabaafame.

    Taphataan ganna 18 kun bara 2022 irraa eegalee garee diviziyoonii lammaffaa Saan Telmoof taphachaa kan ture yoo ta'u, yeroo ammaattis akkaadaamii dargaggoota 'Boca Juniors & Independiente' jedhamu keessatti taphataa ture.

    Sababnii du'a isaa hanga ammaatti hin ibsamne.

    "Taphataan kutaa dargaggootaa fi rizarvii keenyaa kan osoo yaalii baqaqsanii hodhuuf irra ture, Kaamiloo Ernesto Nuu'iin du'aan boqochuu isaa gadda guddaadhaan beeksifna," jedhe Saan Telmoo.

    Sababii kanaanis guyyaa sanatti "Kilabichi gadda itti dhagahame agarsiisuuf cufamee oola."

    "Yeroo rakkisaa kana keessatti maatii, hiriyoota isaa fi hiriyyoota garee isaa waliin ta'uun waan isaan barbaachisu hundaaf isaan bira turre."

    "Yeroo rakkisaa kana keessatti maatii, hiriyoota isaa fi waahillan garee isaa waliin ta'uun waan isaan barbaachisu hundaan isaan bira dhaabanna."

    Pirezidaantiin Waldaa Kubbaa Miilaa Arjentiinaa (AFA) Kilaawudiyoo Taapiyaa toora X irratti akkas jechuun maxxanseera: "Oduu baayyee gaddisiisaa addunyaa kubbaa miilaa guutuu raasudha."

    Ibsa AFAn baaseen, ''Waldaan Kubbaa Miilaa Arjentiinaa karaa pirezidaantii isaa Kilaawudiyoo Taapiyaa fi koree hojii raawwachiiftuu du'a Kaamiloo Nuunitti gadda itti dhaga'ame ibsuun maatii taphatichaaf jajjabinan hawwa'' jedheera.

  19. Tiraamp dhukaasi akka dhaabbatuuf dhiibbaa cimsanis Israa'el uummanni akka Kaaba Gaazaa gadhiisu akeekkachiiste

    Humni waraanaa Israa'el akeekkachiisa kana kan labseef haleellaa cimsuuf akka ta'e ibseera. Yeroo Israa'el haleellaa cimsuuf dhaadattu kanatti michuunshee Ameerikaan dhukaasi akka dhaabbatu dhiibbaa cimsaa jirti.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp waraanni Israa'el fi Iraan akka dhaabbatuuf sababa akka ta'anitti of ilaalu, ergasii ammoo Gaazaa keessatti dhukaasi akka dhaabbatuuf dhiibbaa cimsaa jiru.

    Oppireeshiniin Israa'el hammaannaan jiraattonni Gaazaa Siitii fi Jabaliyaa gara al-Mawasi akka godaanan dirqamsiifamaa jiru.

    Ministeerri fayyaa Hamaasiin hoogganamu akka ibsetti haleellaa Israa'eliin sa'atii 24 keessatti yoo xiqqaate namoonni 86 ajjeefamaniiru.

    Tiraamp ammallee Gaazaa keessatti dhukaasi dhaabbatee namoonni butaman akka gadhiifaman irra deddeebiin gaafataa jiru.

    Pirezidantichi Sambata darbe miidiyaa hawaasummaa isaanii- Truth Social irratti akka maxxansanitti Beenjaamin Neetaaniyaahuu garee Hamaas waliin marii dhukaasa dhaabuu eegaluuf adeemsarra akka jiran ibsan.

  20. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra.

    Odeeffannoo Baha Giddugaleessaa- dhimma waraana Israa'el fi Gaazaa, Iraan akkasumas yaada gama Ameerikaan jiru irratti xiyyeeffanna.

    Odeeffannoo biyya keessaa fi addunyaa mara irraa gaggabaabsinee karaa kanaan isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattii kanaan dura ture kan dhimma waraana Israa'el fi Iraan irratti xiyyeeffatu asii argattu.