Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Sagantaan gabbisa Nikuleraa Iraan waggaa lamaaf duubatti deebi'eera - US

Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp haleellaan Ameerikaa kun dhaabbilee niwukilaraa Iraan hunda barbadeesse jechuun cichanii dubbatu.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Lammiin Ameerikaa xiyyaara xiqqoon ardiiwwan naannawuuf karoorfate odola Antaartikaarratti hidhame

    Balaliisaan lammiin Ameerikaa ardiiwwan hundatti xiyyaara xiqqoon balalii'uuf karoorfatee ture harkiifannaa balaliinsaatiin odola xiqqoo Antaartikaa keessatti hidhame.

    Adeemsa imalaa kanas namoonni miliyoona tokkoo ol ta'an karaa onlaayinitiin hordofaa turan.

    Odolichaatti Bulchaan Chiiliiyaan, jiraataa Itaahaan Guwaa, kan umuriin waggaa 19, karoora balaliinsa sobaa dhiyeesseera jechuun to'annoo jala oolchuu waahila BBC Ameerikaa CBS gabaaseera.

    Daareektarri olaanaan Chiiliiyaanii, namni kun karooraan ala balalii'insaa sirni akeekkachiisa qilleensaa biyyattii akka mallattoo kennuuf sababa ta'eera jedhan.

    Dargaggoon kun buufata xiyyaaraa Odola Joorji Kiing kan hojjattoonnii fi qorattoonni idili addunyaa keessatti argaman wayita gahuutti to'annoo jala oolfame.

  2. Suuraa: Deeggartoonni Liivarpuul Jootaaf gadda ibsan

    Deeggartoonni Liivarpuul taphataa Diyoogoo Jootaa Kamisa darbe Ispeenitti balaa konkolaataatiin du'eef gadda isaaniif Anfiilditti kaa'aa turan suuran.

  3. Yaada dhukaasa dhaabuu irratti mari'achaa jirra - Hamaas

    Hamaas yaada dhukaasa dhaabuu Ameerikaan dhiyaate irratti gareewwan Filisxeem biroo waliin mari’achaa akka jiru ibse.

    Marii kana boodaas ejjennoo isaa biyyoota dhiima kana giddu seentummaan qindeessa jiraniif akka dhiyeessan eeran.

    Yaada araara Ameerikaan dhiheessites qorachaa jira jedheera.

    Hamaas kanaan dura waliigaltee waraanni kun akka xumuramu, loltoonni Israa’el Gaazaa keessaa akka ba’anii fi gargaarsi namoomaa gara naannoo sanaatti akka seenu taasisu barbaadaa akka jiru ibsee ture

    Biyyoonni jaarsumman dibbii waraana isaanii xumuruuf hojjatan kunneen dhukaasi ji’a lamaaf akka dhaabbatuu fi karaa waraanni kun hundeerraa itti xumuramuuf yaada dhiyeessan.

    Kunis walgahii torbee dhufu Waashingitanitti Doonaald Tiraamp fi MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu gidduutti gaggeeffamuuf beellamame irratti marii eegaluufi

    Tiraamp ammoo yaada dhukaasa dhaabuu Gaazaa ilaalchisee Hamaas sa’aatii 24 keessatti deebii isaanii akka eegan gaafatan.

  4. Yukireen haleellaa gaggeessiteen qondaala waraanaa olaanaa Raashiyaa ajjeeste

    Yukireen haleellaa daangaa Raashiyaa keessatti gaggeessiteen ajajaa ittaanaa Humna Galaanaa Raashiyaa kan ta'e Meejar Jeneraal Mikhaayil Gudkoov ajjeefte.

    Qondaalli waraanaa olaanaan kun "dirqamarra osoo jiru du'e" jechuun waraanni Raashiyaa beeksie.

    Meejar Jeneraal Miikhaayil kan du'e haleellaa misaa'elaa Yukireen daangaa Raashiyaa Kursk irratti gaggeessiteen ta'uutu ibsame.

    Qondaalli waraanaa ajjeefame kun bara darbe itti aanaa ajajaa Humna Galaanaa Raashiyaa ta'uun Pirezidaant Puutiniin muudamee ture.

    Bulchaa bulchiinsa Pirimooriskii kan ta'an Oleeg Kozhemiyakoo beeksisanitti jeneraala waraana Raashiyaan kanaan alatti loltoonni biroo 10 ajjeefamaniiru.

    Gabaasaleen chaanaalii Telegiraamii waraana Yukireenifi Raashiyaan hidhata qaban akka agarsiisanitti, Yukireen wiirtuu ajajaa Raashiyaa naannoo Kurisk keessatti argamurratti haleellaa misaa'elaa gaggeessiteeni jeneraalli Raashiyaafi loltoonni biroo kan ajjeefaman.

    Erga waraanni Raashiyaafi Yukireen gidduutti eegalee as, haleellaa Yukireen gaggeessituun qondaalonni olaanon waraana Raashiyaa hedduu ajjeefamaniiru.

    Bara darbe ji'a Muddee keessa qondaalli olaanaan Raashiyaa Jeneraal Igoor Kiriiloov ajjeeffamee ture.

    Jalqaba bara kanaa ammoo Jeneraal Yarooslaav Moskaalik magaalaa Mooskoo keessatti dhohiinsa boombiin ajjeefamee ture.

  5. Arbi dheekkamtee tuuristoota lama ajjeefte

    Tuuristootni dubartootaa lama Zaambiyaatti arba dheekkamteen ajjeefamuu isaanii poolisiin BBCtti hime.

    Tuuristooota kunneen keessaa tokko lammii Biriitish sooruma baatee yoo taatu kaan ammoo lammii Niiw Ziilaand dha.

    Arbi dhalaa Paarkii Biyyaaessaa Luwaangaa keessa ilmooshee wajjin turte tuuristoota kunneen haleeltee jedhan hogganaan poolisii Roobartisan Weembaa.

    Tuuristoonni lamaan kunneen arba ilmaanshee kunuunsaa turteen dhidhitamanii achumatti du'an.

    Warreen tuuristoota kunneen karaa agarsiisaafi qajeelchaa turan waan kana dhaabuuf qawwee dhukaasnis isaan hambisuu hin dandeenye.

    Jarri lameen kunneen gareedhuma imaltuu paarkii keessa deemaa jiran wajjin kan turan yoo tahu arbi kuni saffisa guddaan itti fiigaa dhufte jedhan Weembaan.

    Tuuristoonni kunneen Kaampii magaalaa guddoo Zaambiyaa Lusaakaa irraa km600 fagaatu keessa qubatanii turan.

    Arbi dhaltuun ilmaan isaanii akkaan waan eeganiif tuuristoonni of eggannoo guddaan akka socho'an itti himamuu qondaaloti Zaambiyaa dubbatan.

  6. Hojjataan Faawundeshinii namoomaa Gaazaa hiriyoonnisaa Filisxeemootarratti yoo dhukaasan arguu BBCtti hime

    Hojjataan nageenya faawundeshiinii gargaarsa namoomaa Israa'eliifi Ameerikaan deeggaramuufi falmisiisaa ture tokko, waahillan isaa Filisxeemoota beela'an kan yaaddoo nageenyaa fiduu hin dandeenye irratti irra deddeebiin yoo dhukaasa banan arguu BBCtti hime.

    Yeroo tokko osoo dubartoonni, daa'immaniifi maanguddoonni haala tasgabaa'een bakka deeggarsi itti raabsamuu deemaa jiranuu hidhataan bakka waardiyyaa ture dhukaasa walitti fufaa akka itti bane himeera.

    Faawundeeshiniin namoomaa Gaazaa himannaa kanarratti deebii akka kennuuf gaafatamee himannichi guutummaatti dharadha jechuun haaleera.

    Bakkeewwan faawundeeshinichaa deeggarsi itti raabsamu keessatti nama nagaa tokkorratti illeen hin dhukaafamne jedheera.

    Gaazaa Kibbaa fi jidduu galaa keessatti deeggarsi erga adda citee tureen booda faawundeeshiniin namoomaa Gaazaa dhuma baatii Caamsaa irratti deeggarsa raabsuu eegaluunsaa ni yaadatama.

    Kaanis kan ta'e uggura Israa'el guutuu Gaazaa irratti torbanoota 11'f keessee turte hordofee waan nyaanni kamuu gara naannichaa hin seeniin hafeef ture.

    Sirna dhiyeessii deeggarsa kanaan namoonni hedduun qaxanaa waraanaa kana keessatti argaman bakkeewwan deeggarsi itti raabdamu muraasa akka dhaqan dirqiisiisuu isaatti qeequumsi irratti dhiyaataa jira.

  7. Sirni awwaalchaa Diyaagoo Jootaa boru raawwata

    Magaalaa dhalootaa Jootaa fi obboleessa isaa Silvaa Poortoo, Poorchugaalitti sirni dungoo ibsuu adeemsifamaa jira.

    Taphataa kanaafi obboleessa isaaf sirni yaadannoo mana sagadaa Chapel of Resurrection' tti akka jalqabuuf jedhu lubni beeksisuu maddi oduu PS himeera.

    Diyaagoo Jootaafi obboleessi isaa Andiree Siilvaa konkolaataa Laaborgiinii isaanii otoo magaalaa Ispeen, Zamooraa keessatti oofanii karaa irraa maqee dhohuun ibiddi qabate jedhe poolisiin.

    Diyaagon waqtii leenjii kubbaa miilaan duraaf yoo deebi'u miidhama waan qabuuf galaanaan malee xiyyaara akka hin fayyadamneef itti himamee ture.

    Zaamooraan magaalaa daangaa Poorchugaalitti dhihoo kan jirtu yoo tahu Poortoo irraa km305 fagaattii.

    Lubni magaalaa Gondomaar - bakka dhalootaa Diyaago Jootaa, sirni awwaalchaa taphataa Liivarpuul kanaa guyyaa boruu raawwata jedhan.

  8. Puutiin yaada waraana dhaabuu Tiraamp dide, Kiiv dirooniin haleelaa jira

    Haleellaa diroonii cimaa halkan darbe Raashiyaan iddoowwan magaalaa guddoo Yukireen hunda haleeluu hordofuun Jimaata ganama Kiiv irratti aarri gurraachi ol ka'ee mula'taa akka ture aanga'oonni Yukireen himan.

    Dukkannii sa'aatiiwwaniif ture ammas dhukaasa ittisa qilleensaa, sagalee diroonii fi dhohinsa gurguddaan addaan cite.

    Yukireen Raashiyaan halkan dheeraa haleellaa itti raawwattee kanattis diroonii 550 fi misaa'ela 11 dhukaasuun rikoordii galmeessiteetti jette.

    Haleellaan kun kan raawwatame erga Doonaald Tiraamp fi Vilaadmiir Puutiin bilbilaan mari'atanii sa'aatii muraasa booda yoo ta'u, kana booda pirezidaantiin Ameerikaa, Puutiin waraana Raashiyaan Yukireen irratti geggeessitu dhaabuuf qophii ta'uu dhabuusaatti ''mufanne'' jedhan.

    Haleellaa diroonii Raashiyaan Yukireen irratti raawwattee kana hordofuunis dubartiin tokko ajjeefamte jedhan qondaaltonni.

    Bulchaan ittaanaan naannoo kibba Roostoov, dubartiin tunis ganda daangaa Yukireen irraa fagoo hin taanerratti haleellaa raawwatameen ajjeefamte jedhan.

    Haleellaan qilleensaa halkan darbe Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte rikoordii biraa kan cabseedha jedha humni qilleensaa Yukireen, diroonii 550 keessaa 72 ittisa qilleensaa keessa kan seene yoo ta'u, rikoordii kanaan dura halkan Sambata darbe raawwattee turte 537 irraa ni caala.

  9. RaashiyaanTaalibaaniif beekkamtii kennuun biyya jalqabaa taate

    Raashiyaan mootummaa Afgaanistaan bulchuuf beekkamtii kennuudhaan biyya jalqabaa taate.

    Murteen kunis ministira dhimma alaa Afgaanistaan, Amiir Mutaakiin ''murtee ija jabiinaa'' jedhamuun leelliifameera.

    Ministirichi Afgaanistaaniitti Ambaasadara Raashiyaa kan ta'an Diimitirii Zihaaronofiin kaleessa Kaabuuliitti wal arganiiru.

    Yeroo kanatti ture Amabaasaadarri Raashiyaa murtee biyyasaanii mootummaa Afgaanistaaniitti kan beeksiisan.

    Mutaakiin mariisaanitiin ''walitti dhufeenya gaarii haaraa, wal kabajaa fi kan hirmaannaa ijaaraan keessatti mullate'' ture jedhan.

    Itti dabaluun murteen kun kan biyyoota biraatiif illeen fakkeenya ta'udha jechuun ibsan.

    Sarbama mirgaa Afgaanistaan keessatti baayyachaa jiraachuu gabaasaaleen bal'inaan dhagahaman illeen, gareen Taalibaan kan deebii'ee bara 2021tti aangoo biyyattii qabate, biyyoota biraarraa beekkamtii fi invastimantii gaafataa tureera.

  10. Tamsaasa kallattii har'aa eegalle

    Hordoftoota keenya waan addunyaafi biyyi keessa jiran jala jalaan hordofnee isin biraan geenya.

    Nu faana bu'aa!

  11. Kataar hoggantoonni olaanoo Hamaas meeshaa waraanaa akka hiikkatan gaafatte

    Akka Gaazexaa 'The Times' gabaasetti, waligaltee waraana dhaabuu prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp labsan hordofee Kataa hoggantoonni olaanoon Hamaas meeshaa waraanaa isaanii akka hiikkatan gaafatetti.

    Hoggantoonni olaanoo Hamaas Dohaa keessa jiran, Israa’el waliin waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra ga’uu fi waraana ji’oota 20 oliif Gaazaa keessatti geggeeffamaa ture xumuruuf Ameerikaan haala miijessaa akka jirtutu himame.

    Akka gabaasichaatti hoggantoonni olaanoo Hamaas kanneen Gaazaatiin ala jiran fi qondaalotni biroo dabalatee qajeelfamni meeshaa isaanii dabarsanii kennuun biyya jaarsummaan dubbicha ilaalaafi jirtu Kataar irraa isaan ga'eera.

    Erga Tiraamp waraana dhaabuu labsanii boodallee Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun “Hamaas dhabamsiisuuf” dhaadataa jiru.

    Gabaasichi qondaala ittisa Israa’elii fi madda Hamaasitti dhihoo ta’e wabeeffachuun akka ibsetti yaadni dhukaasa dhaabuu kun namoota lubbuun jiran hamaasiin butaman gadhiisisuufi reeffa namoota Gaazaa keessatti du'anii ammallee hin deebi'in deebisuu fi booji'amtoota Filisxeem Israa'eliin hidhamanii jiran wal jijjiruufaa kan dabalatuudha.

    Namootni booji’aman gadhiifamuu fi reeffa deebisuun guyyoota 60 keessatti sadarkaa sadarkaan kan raawwatamu ta’a jedhameera.

    Marichi itti fufuuf kan jiru ta'uus, Israa'el hanga ammaatti mariisistoota ishee gara Dohaa ykn Kaayirootti akka hin ergine gabaasni kun kan mul'isu.

  12. Sagantaan gabbisa Nikuleraa Iraan waggaa lamaaf duubatti deebi'eera-US

    Ministeerri Ittisa Biyyaa Ameerikaa ragaa basaasa isaanii irraa argatan eeruun akka ibsanitti haleellaan Ameerikaan baatii darbe kana buufataalee Nikuleraa Iraan irratti boombii dhoosteen sagantaa niwukilaraa biyyattii waggaa lama duubatti deebiseera jedhan.

    Odeeffannoo kana kan kennan dubbi himaa Peentaagoon Sehan Paarnelidha.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp haleellaan Ameerikaa kun dhaabbilee niwukilaraa Iraan hunda barbadeesse jechuun cichanii dubbatu.

    Ergasii Iraan dhaabbata UN nikularri to'atu Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) waliin akka hin hojjanne ifa gochuun sakatta'iinsi buufataalee Nikuleraa ishee hin taasifamne dhorkiteetti.

    Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa Iraan tumsa dhaabbata niwukilaraa UN waliin taasiftu ifatti dhaabuuf murteessite jechuun, tarkaanfii hin malle jechuun ibsan.

  13. Kooriyaan Kaabaa loltoota dabalataa hanga kuma 30 gara Raashiyaa erguufi

    Kooriyaan Kaabaa loltoota ishee gama Raashiyaan lola Yukireen waliin taasiftu dachaa sadii guddisuuf yaaddee, loltoota dabalataa 25,000 hanga 30,000 erguun Moskoo deeggaruuf ta’uu dhaabbati basaasaa Yukireen beeksiseera.

    Dhaabbileen miidiyaa Ameerikaa gabaasa basaasaa Yukireen wabeeffachuun akka jedhetti, loltoonni kun ji’oota dhufan keessatti Raashiyaa gahu.

    Walumaa galatti loltoonni Kooriyaa kaabaa kuma 11 baatii sadaasaa keessa gara Raashiyaatti ergamuun naannoo kursik keessatti loltoota Yukireen lolaa turan.

    Loltoota Kooriyaa Kaabaa sana keessaa gara 4,000 ta’an waraana kana irratti ajjeefamaniiru ykn madaa’aniiru.

    Ergasiis tumsi Piyoongiyaangi fi Moskoo caalaatti cimaa jira.

    Suuraan saatalaayitii dhabbata basaasaa Yukireen irraa argame akka mul'isutti xiyyaaronni waraanaa Raashiyaa loltoota kana fe’uuf deebi’anii akka qophaa’an mallattoon agarsiisuu ibsa.

  14. Yukireen halkan tokkotti diroonii 52'n haleelamu himatte.

    Akka waraanni Yukireen jedhutti, halkan edaa qofa dirooniwwaan gosa addaa addaa 52 Yukireen haleelaa turan.

    Isaan keessaa 40 ni barbadaa’uu Humni Qilleensaa Yukireen gabaasa ganama kana baaseen kan ibse.

    Haata'uu malee, Dirooniiwwan kunnen bakka 7 rukutuu isaanii himatte.

    Gama biraanis aangawoonni Raashiyaa dirooniiwwaan yukireen 69 rasaasaan rukutuun qolachuu ibsan.

    Ministeerri Ittisaa Raashiyaa “Halkan edaa sirni ittisa qilleensaa dirooniwwaan Yukireen 69 kuffiseera” jedheera.

    Itti aanaan hogganaa humna galaanaa Raashiyaa haleellaa Yukireen Kurski irratti raawwateen ajjeefamanis ibsameera

  15. Ertiraan waraanashee cimsaa Itoophiyaan akka hin tasgabboofne taasisaa jirti- gabaasa

    Eritraan uggurri meeshaa waraanaa irra kaa'amee ture kaafamuu hordofee waraanashee deebiiftee cimsuudhaan naannichaatti, keessattuu Itoophiyaatti tasgabbiin akka hin jiraannee taasisaa jirti jedhe gabaasni dhaabbanni mit-mootummaa Ameerikaa baasee tokko.

    Ertiraan garuu himannaan kanaan kan ta'e jedhamee umameefi akeekkachiisaadha jechuun muddama naannichaatti umameef itti gaafatamtuun Itoophiyaadha jechuun himatte.

    Dhaabbanni mit-mootummaa Ameerikaa dhimma mirga namoomaa hordoofuu fi Z Sentarii (The Sentry) jedhamu gabaasa Wiixata darbe baaseen, Ertiraan uggurri meeshaa wraanaa irra kaa'amee ture erga waggaa torbaan dura kaafameen booda, waraanashee deebiiftee ijaaruu fi cimsuudhaan ''ollootashee keessattuu Itoophiyaa keessatti tasgabbiin akka hin uumamne taasisaa jirti'' jedheera.

  16. Torban dura gaa'ila kan godhate jifataan Liivarpuul Diyaagoo Jootaa balaa konkolaataan du'e

    Torban dura gaa'ila kan godhate jifataan Liivarpuul Diyaagoo Jootaa balaa konkolaataan du'e.

    Gabaasonni Ispeen irraa ba'aa jiran taphataan sarara fuulduraa Liivarpuul balaa konkolaataa isa mudateen umriisaa waggaa 28tti du'uu ibsan.

    Obboleessi taphataa lammii Poorchugaal kanaa Andiree Silvaa jedhamus balaa kanaan du'eera.

    Balaan konkolaataa kun Ispeen bulchiinsa Zamora jedhamtu keessatti mudate.

    Taphataan umrii waggaa 26 kun kilaba Poorchugaal Penafiel jedhamuuf taphata.

    Humni nageenyaa Ispeen- Guardia Civil jedhamu obboleewwan lameen konkolaataa Lamborghini ittiin imalaa turanirra balaan ga'uun lubbuunsaanii darbe. Dabalata gabaasa kanaa asiin argachuu dandeessu.

  17. Israa'el haleellaa qilleensarraan raawwatteen daarektara hospitaala Gaazaa ajjeeste

    Ministeerri fayyaa Hamaasiin hoogganamu akka ibsetti daarektarri hospitaala Indoneezhiyaa kan Gaazaa keessatti argamuu haleellaa mana isaarratti qilleensarraan raawwatameen ajjeefame.

    Akka ministeera kanaatti Gaazaa Siitii keessa jiraataa kan ture Dr Marwan Sulxaan ogummaa fayyaan nama muuxannoo yeroo dheeraa qabudha.

    Waraanni Israa'el Gaazaa Siitii keessatti iddoo buufata Hamaas haleeluu hime. Haleellaa raawwateen lammiileen nagaa yoo miidhaman akka sakatta'us ibse.

    Ministeerri fayyaa Gaazaa ammoo ''kun yakka suukanneessaa ogeyyii tajaajila fayyaa kennan irratti xiyyeeffateedha,'' jechuun gocha kana balaaleffate.

    Haala walfakkaatuun haleellaa iddoo al-Masawa jedhamurratti raawwateen daa'imman dabalatee yoo xiqqaate namoonni shan ajjeefamaniiru.

    Hospitaalli Indoneezhiyaa kan Dr Sulxaan daarektara ta'uun tajaajilaa ture tajaajilaan ala ta'ee akka ture ministeerri fayyaa ibsee ture.

    UN akka jedhutti yeroo ammaa kaaba Gaazaa keessatti hospitaalli tokkollee tajaajila kennaa hin jiru.

  18. Kaani Weest akka Awustiraaliyaa hin seenne dhorkame

    Raappariin Ameerikaa Kaani Weest sirba hoogganaa Naazii Adoolf Hitilar leellisu sirbu isaan gara Awustiraaliyaa akka hin seenne dhorkame.

    Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Awustiraaliyaa Tooni Burkee vizaan weellisaa kanaa haqamuu mirkaneessaniiru.

    Sirbi inni ittiin hoogganaa Naazii leellisu baatii Caamsaa keessa gadhiifame.

    Sirbi isaa kuni balaaleeffatameera, pilaat formii garagaraarrattis dhorkameera.

    Weellisaan haalaan falmisiisaa ta'e kuni Ye jedhee of waama.

    Haati warraa isaas dizaayinara lammii Awustiraaliyaa Biyaankaa Sensoriidha.

    Dhorkaan irra ka'ame kuni kan barabaraa ta'un ifa miti.

    Haa ta'u malee, Obbo Burkeen akkaataa seera Awustiraaliyaan iyyannoon viizaa yeroodhaa yerootti ilaalama jedhaniiru.

  19. Paarkii Indaastirii Hawaasaatti 'dho'iinsa mudateen' lubbuun namoota lamaa darbe

    Guyyaa kaleessaa dhoyiinsa meeshaa bishaan itti danfu Paarkii Industirii Hawaasaa keessatti mudateen lubbuun namoota lamaa darbuu fi namoonni lama madaa'uun gabaafameera.

    Dhohinsi kun dhaabbata biyya keessaa Jas Holding jedhamu paarkii industirii kana keessatti waraqaa oomishuutti mudate.

    Hogganaan paarkichaa obbo Maatewoos Ashannaafi akka BBC'tti himanitti, balaa kanaan hojjattootti hojii idilee isaanii irra turan lama du'uu fi lama ammoo miidhaan irra ga'uu himan.

    Hojjattootni balaa ibiddaa paarkichaa miidhaan cimaan utuu hin ga'in to'achuu akka danda'an himan qondaalli kun.

    Namoonni balaa kanaan miidhaman lamaan Hospitaala Hawaasaatti yaalamaa jirus jedhan.

    Namoonni du’an hojjettoota yeroo dheeraaf tajaajila turan kan, umriin isaanii ganna 62 fi 45 ta’uu himaniiru.

    Sababni balaa kanaa adda baasuuf qorannoon gaggeeffamaa akka jiruu fi ''rakkoo teeknikaan walqabatu'' ta'uu akka malu obbo Maatewoos BBC'tti himaniiru.

  20. Liivarpuul gaaffii Baayermuunik Diyaaz fudhachuuf dhiheesse kuffise

    Liivarpuul gaaffii Baayermuunik taphataa sarara fuulduraa Luwiis Diyaaz fudhachuuf dhiyeesse kuffiseera.

    Kilabiin Piriimiyee Liigii Ingiliiz tapha bara darbe irratti Shaampiyoonaa ta'e Liiverpuu Diyaaz gurguruuf yaada akka hin qabnee fi taphataa sarara fuulduraa kanaa irratti gaaffii dhiyaatu akka hin fudhannee ibseera.

    Diyaaz kan ganna 28 kilaboota hedduun barbaadamaa kan jiru yoo ta'u haaluma walfakkaatuun Baarseloonaan illee gaaffii dhiyeessee ture.

    Liivarpuul bara 2022 Poortoo irraa Diyaaz kan gara kilabichaatti fide yoo ta'u ganna kana gatii kamiinuu gurgurtaaf akka hin dhiyeessine cimsee dubbateera.

    Taphataan lammii Kolombiyaa kun bara darbe garee Arne Isloot waliin waancaa injifachuu qofa utuu hin taanee taphataa murteessaa fi goolii 22 kilabichaaf akkasumas biyya isaaf lakkofsise ta'eera.

    Liigicha keessatti goolii 13 galchuun kubbaa goolii 7 mijeessee kennuudhaan Liivarpuul waancaa kana akka injifatuuf gumaacha guddaa ba'eera.

    Kontiraata Anfiild waliin qabuun waggaa lama kan hafeef Diyaaz ganna darbees Maanchistar Siitii irraa akkasumas Saawudi Arabiyaa irraa fedhiin Diyaaz fudhachuu dhiyaatee ture.

    Diyaaz "Liivarpuul waliin yeroo gaariif gammachuun qaba. Yoo kontiraata koo naaf dheeressan as turuun yaada, yoo ta'uu baates, waan egeree koof gaarii ta'u ilaalee kan murteessu ta'a'' jedhe.