Amma nu gahe, Israa'el hogganaa nageenyaa ijoo Iraan Alii Laarijaanii ajjeesuu beeksifte
Waraanni Israa'el hogganaa nageenyaa Iraan Ali Laarijaanii irratti haleellaa raawwachuun ajjeesuu ibse.
Qondaalli waraana Israa’el tokko humni waraanaa isaanii barreessaa Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Iraan Ali Larijani irratti haleellaa raawwachuu mirkaneessaniiru.
Qondaalii olaanaan nageenyaa kun waggoota jahaaf Garee Milishaa Iraan waliin hidhata qabu hogganaa ture jeette Israa'el
Yoo xiqqaate miidiyaaleen Iraan lama qondaalli nageenyaa olaanaa kana ilaalchisee odeeffannoo jiru ibsuuf akka jiran eeraniiru.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Israa'el Israa'el Katz Ali Larijani du'eera jedhan.
Hogganaan Olaanaan Iraan Ayatola Ali Kamneenii utuu hin ajjeefamin dura dhimma Iraan murtessuuf nama kana bakka buusanii ture.
Ali Laarijaanii kanneen Ameerikaan nama odeeffannoo waa'ee isaa kenneef doolara heddu ramaddee turtee keessati