Humni Eegdota Warraaqsaa Iraan shaakala waraanaa galaanarraa eegale
Yeroo US dooniwwan waraanaa gara Iraanitti geessitee jirtutti Humni Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan shaakala waraanaa galanarraa eegale.
Biyyattiin shaakala waraanaa galanarraa kan taasistu yeroo Tiraamp doonii waraanaa xayyaarota waraanaa fe'uufi ammayyaa ta'e dabalataan gara Baha Giddugaleessatti ergeefi mariin dhimma nikularaa bori Jeneevitti ni gaggeeffama jedhamee eegamutti.
US bakka bu'uun ergamaan addaa Istiiv Wiitkoof garas imalaniiru. Ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Argaachis marii dhimma nikularaa irratti bori US waliin gaggeessaniif magaalaa Jeneev seenaniiru.
Gama biroon ammoo Israa'el mariin gaggeeffamu kamuu yaaddoo nageenyaa Tel Aviiv Iraanirraa qabdu kan yaada keessa galche ta'uu qaba jechuun akeekkachiifte.
Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu Dilbata ibsa kenneen, Iraan yuraaniyeemii gabbiste guutummaan dhabamsiisuu qofa osoo hin taane, kan biraa gara fuulduraatti akka hin gabbisne wabiin jiraachuu akka qabu akeekkachiise.
Ministiirri dhimma alaa US Maarkoo daawwannaa biyyoota Baha Awurooppatti taasisaa jiraniin akka dubbatanitti, muddamni USfi Iraan gidduu jiru karaa mariin akka xumuramuufi Iraan waliigalteerra akka geessu fedhii Pirezidaant Tiraamp ta'uu dubbatan.