Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'Turkiin dhageettii qabduun Itoophiyaan galaanaatti akka baatu dhiibbaa akka gootu mari’anne' - MM Abiy

Pirezidantiin Turkii Reseep Tayiip Erdohaan daawwannaa hojiif gara Itoophiyaa dhufan. MM Abiy Ahmad simannaa ho'aa wayita taasisaniifitti, "Ankaaraa hanga Finfinneetti marii michummaa bara dheeraa biyyoota lamaanii caalaa cimsu arguun fedha," jedhan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Humni Eegdota Warraaqsaa Iraan shaakala waraanaa galaanarraa eegale

    Yeroo US dooniwwan waraanaa gara Iraanitti geessitee jirtutti Humni Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan shaakala waraanaa galanarraa eegale.

    Biyyattiin shaakala waraanaa galanarraa kan taasistu yeroo Tiraamp doonii waraanaa xayyaarota waraanaa fe'uufi ammayyaa ta'e dabalataan gara Baha Giddugaleessatti ergeefi mariin dhimma nikularaa bori Jeneevitti ni gaggeeffama jedhamee eegamutti.

    US bakka bu'uun ergamaan addaa Istiiv Wiitkoof garas imalaniiru. Ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Argaachis marii dhimma nikularaa irratti bori US waliin gaggeessaniif magaalaa Jeneev seenaniiru.

    Gama biroon ammoo Israa'el mariin gaggeeffamu kamuu yaaddoo nageenyaa Tel Aviiv Iraanirraa qabdu kan yaada keessa galche ta'uu qaba jechuun akeekkachiifte.

    Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu Dilbata ibsa kenneen, Iraan yuraaniyeemii gabbiste guutummaan dhabamsiisuu qofa osoo hin taane, kan biraa gara fuulduraatti akka hin gabbisne wabiin jiraachuu akka qabu akeekkachiise.

    Ministiirri dhimma alaa US Maarkoo daawwannaa biyyoota Baha Awurooppatti taasisaa jiraniin akka dubbatanitti, muddamni USfi Iraan gidduu jiru karaa mariin akka xumuramuufi Iraan waliigalteerra akka geessu fedhii Pirezidaant Tiraamp ta'uu dubbatan.

  2. Kaabineen Israa'el lafa Weest Baank akka qabeenya biyyatti akka galmaa'u raggaasise

    Kaanineen Israa'eel seera biyyattiin to'annaa Weest Baank irratti qabdu akka cimsituufi qubattoonni salphaatti lafa bitatanii qubsuma ijaarraachuuf isaan gargaara jedhame raggaasise.

    Seerri kunis lafti Weest Baank akka qabeenya biyyaatti galmaa'uu akka eegalu kan ibsuudha. Kuni ammoo Filisxeemota dheekkamsiisee jira.

    Filisxeemonni Weest Baank irratti biyya walabaa ijaarrachuu barbaadu. Haa ta'u garuu daangaan kun harki caalaan to'anaa humna waraanaa Israa'el jala kan jiru yoo ta'u, bakkeewwan muraasa qofaatti Bulchiinsa Abbaa Taayitaa Filisxeem jalatti Filisxeemonni ofiin of bulchu.

    Bara kana filannoof qophaa'aa kan jiru Netaaniyaahuun, qubattoota Israa'el Weest Baank keessa jiraatan irraa sagalee deeggarsaa guddaa qaba.

    Gamtaa mootummaa Netaaniyaahuu keessaa hedduunsaanii Weest Baank guutummaan Israa'el jala akka galtu kan amanan yoo ta'an, "lafa Waaqayyo nuuf kenneedha" jechuun warra amananiidha.

    Israa'el Weest Baank bara 1967tti Yordaanos irraa waraanan kan qabatte yoo ta'u, erga bara 1967 as lafti lafa Weest Baank akka galmaa'u gochuun kan jalqabaati jedhame.

  3. Tiraamp pirezidaantii Venezuweelaa erga fonqolchee booda yeroo jalqabaaf biyyattii akka daawwatu ibse

    Tiraanp pirezidaantii Venezuweelaa Nikoolaas Maduuroo humnaan aangorraa buusuun UStti erga hiisisee booda yeroo jalqabaaf biyyattii akka daawwatu ibse.

    Guyyaa itti Venezuweelatti daawwannaa taasisu gaafa akkanaati jedhee ibsuu baatus, Karaakaas daawwachuuf karoora akka qabu beeksiseera.

    Tiraamp karoora Venezuweelaa daawwachuu akka qabu Jimaata darbe ibse. Pirezidaantii US kana kan dubbate ministiirri annisaa US Kiriis Raayit Venezuweelatti daawwannaa guyyaa lamaa erga taasisee boodha.

    Tiraamp qondaala olaanaa gara Venezuweelatti erguunsaa biyyattiin US waliin hojjachuuf hangam qophii akka taate gamaaggama gochuuf akka ta'etu himama.

    Venezuweelaan bara bulchiinsa Huugoo Chaaveesii hanga Nikoolaas Maduurotti waggoota waggoota 20 oliif qabeenya boba'aa akka addunyaatti tokkoffaa ta'e abbootii qabeenyaa biyya alaa harkaa baasuun mootummaa harka galchitee turte.

    Nikoolaas Maduuroo erga loltoota UStiin aangoraa kaafamee booda garuu ejjaannoo kana jijjiiruun gabaa boba'aashee abbootii qabeenya biyya alaaf banaa gootetti.

  4. Ministirri dhimma alaa Iraan daayireektara ejensii atoomik inarjii idil addunyaa waliin mari'atan

    Marii boru Ameerikaa waliin taa'uuf jiraniif Jenevaatti kan argaman ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii daayireektara ejensii atoomik inarjii idil- addunyaa waliin mariyatan.

    Raafaa'eel Giroosii fuula X isaaniirratti ergaa barreessaniin ministira dhimma alaa Iraan waliin wal arguu eeruun "Marii boru Jenevaatti gaggeeffamuuf dhimmoota teeknikaa ka'uu malaniurrtti bal'inaan mari'aneerra" jedhan.

    Araagchiin Jenevaa gahanii sa'aatiiwwan muraasa keessatti fuula X isaanii irratti "ogeeyyii niwukilaraa biyya keenyaa waliin dhimmoota teeknikaa irratti waliin haasawuuf Raafaa'eel Giroosii waliin wal agarre" jedhanii turan.

    Ministirri dhimma alaa Iraan dabalataa gara Jenevaa kan imalan "walliigaltee haqa-qabeesaa fi madaalawaarra gahuuf" yaadota qabatamoo dandeessisan qabatanii akka ta'e dubbatan.

    Mariin marsaa lammaffaa Ameerikaa fi Iraan jidduutti godhamu boru Jenevaatti adeemsifama jedhamee eegama.

    Kaleessa ministirri muummee Israa'el Neetaniyaahun mariin Iraan waliin godhamu kamuu Yuraaniyeemiin Iraan gabbifte hunda kan dhabamsiisu ta'uu qaba jechuun akeekkachiisanii turan.

    Waliigalteen godhamus sagantaa misaa'el baalastikii Iraan hammachuu qabas jedhanii jiru.

  5. "Iraan yuraaniyeemii gabbiste guutummaan mancaasuu qabdi"- Netaaniyaahuu

    Iraan yuraaniyeemii gabbiste guutummaan mancaasuu qabdi jedhe Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu.

    Mariin nikularaa USfi Iraan taasisaa jiran biyyattiin yureeniyaamii gabbiste akka mancaastu qofaa osoo hin taane, haaraas akka hin gabbisne godhamuu akka qabu dubbate ibsa kenneen.

    Netaaniyaahuun Dilbata magaalaa Yerusaaleem irraa haasaa taasiseen marii USfi Iraan ilaalchisee maricharraa waan Israa'el barbaaddu jechuun ulaagaalee kaa'eera. Kanneen keessaa "Iraan yureniyaamii gabbiste guutummaan dhabamsiisuu qabdi" kan jedhu tokko yoo ta'u, haaraa akka hin gabbisnes US marii kanaan dhiibbaa gochuu akka qabdu dubbate.

    Dabaluunis, Iraan "dandeettii yuraaniyeemii gabbisu homaatuu qabaachuu hin qabdu" jedhe.

    Netaaniyaahuun kana kan dubbate, yeroo qondaalonni Iraanifi US Geneevitti wal-arguun dhimma nikularaa irratti mariyachuuf jedhanittiidha.

    US qoqqobbii Iraanirra keesse kan kaastu yoo ta'e, Iraan dhimma nikularaa irratti waliigalteerra gahuu akka dandeessu himan ittaanaa ministiira dhimma alaa Iraan kan ta'an Majiid Takhit Ravaanchii.

    US dooniwwan waraanaa gurguddoo xayyaarota waraanaa fe'an lama wal-duraa duuban gara Baha Giddugaleessatti erguun Iraan waliigalteerra akka geessuuf dhiibbaa cimaa gochaa jirti.

  6. Hojjattooni daandii qilleensaa Keeniyaa hojii lagannaan balaliin adda cite

    Dhimma mindaafi haala hojiirratti hojjettoonni hojii lagannaan buufataaleen daandii qilleensaa biyyattii keessa jiran balaliin idilee danqame jechuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

    Daandiin Qilleensaa Keeniyaa Wiixata har'aa balaliin buufata xiyyaaraa magaalaa guddatti biyyattii Naayiroobirraa ka'u harkifateera jechuun ibse.

    Abbaan Taayitaa Buufataalee Xiyyaaraa Keeniyaa gama biraan ibsa baaseen waldhibdee hojjettootaafi qondaalota aveeshinii gidduutti uumameen balaliin Buufata Xiyyaaraa Joomaa Keeniyaataa irraa ka'u harkifataa jiraachuu ibseera.

    Buufatni xiyyaaraa Joomaa Keeniyaataa buufataalee xiyyaaraa Afrikaa keessaa kan akkaan ko'omu yoo tahu waggaatti imaltoota miiliyoonaan lakkaa'aman keessummeessa.

    Imaltoonni tarkaanfii biraa rakkoo kana furuuf kennamu akka horofaniifi dursanii buufata xiyyaaraa akka qaqqaban beeksiseera.

    Qondaaloti waldaa hojjettoota aveeshinii hamma mariin hiika qabu taasifamutti lagannaan hojii akka itti fufu beeksisaniiru.

  7. 'Itoophiyaan Maandeellaa leenjisuun ishee bu'uura michummaa keenyaati'- Afrikaa Kibbaa

    Michummaan hundee gadi fagoo qabu biyyoota lamaan gidduu [Itophiyaa fi Afrikaa Kibbaa] bara Itoophiyaan Maandeellaa leenjisuu dabalatee Appartaayidii buqqisuurratti gargaarsa gochaa turte har'a gama dinagdeen cimee itti fufa jedhe mootummaan Afrikaa Kibbaa.

    Mootummaan Afrikaa Kibbaa ibsa Pirezidantiin biyyattii Siriil Raamaagfoosaa Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin wal arguun mariyachuu isaanii ilaalchisuun baaseen kana jedhe.

    "Afrikaa Kibbaa fi Itoophiyaan hariiroo gam-lamee cimaa fi tarsiimawaa deegarsa seena-qabeessa Itoophiyaan qabsoo farra Sirna Appaartaayidii keessatti taasisaa turte keessatti hundee gadi fageeffate qabu.

  8. Turk doonii boba'aa qotu gara Somaaliyaatti ergite

    Turkiin Dilabata dooniishee boolla boba'aa gadi fagoo qotu yeroo jalqabaatiif gara Somaaliyaatti erguu beeksifte.

    Ministirri Inarjii fi qabeenya uumamaa Turkii Alpaasilaan Baayiraakaataar tarkaanfii kana seena-qabeessa jedheera.

    Dooniin kun imala guyyoota 45 booda Moqaadishoo ge4essee qotuu akka jalqabdus himameera.

    Turkiifi Somaaliyaan bara 2014 galaana keessaafi qarqara galaanaarra boba'aafi gaazii barbaachuurratti waligalaniiru.

    Doonii amma ergamte kana dabalatee dooniiwwan boba'aa qotan ja'a qaqqabuu ministiricha eeruun burqaan oduu Turkii Anaaduuluu gabaseera.

    Turkiin boba'aa guddaa galaana qarqara barbaaduun addunyaarratti sadarkaa afraffaa irratti akka argamtus dubbateera.

  9. Chaayinaan Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 53f daldala qaraxarraa bilisaa hayyamuuf

    Chaayinaan Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 53f Caamaa 1, 2026 irraa kaastee omisha daldala agara biyyasheetti ergan qaraxa kamirraayu bilisa gochuuf akka jirtu sabaa-himaaleen biyyattii gabaasaniiru.

    Akkasumas, "karaa malawwan fooyya'oo akka 'Green Channal" omishaaleen Chaayinaatti ergaman akka calaa argachuun danda'amurratti akka ballistus gabaasni TV mootummaa biyyattii mul'iseera.

    'Green Channal' Chaayinaa miyawwan, taajaajilawwan ykn invesitimentiiwwan dursi kennamaniif birokiraasii salphaa ta'een, haala saffisaa ta'een gara biyyattii akka seenan hojmaata taasisudha.

    Chaayinaan tumsa faayidaa waloo qabu cimsuuf, akkasumas "fayyadama waloo gara fuula duraa hawaasa Chaayinaa-Afrikaa hunda hammatee" mirkaneessuuf qophii ta'uushees dubbatteetti.

    Musteen taarifaa Chaayinaa kun daldala alatti erguu Afrikaa dorgomaa ta'uusaa kan cimsu, carraa gabaa kan ballisuu, gufuuwwan daldalaa gara Chaayinaatti erguun daldaluu hir'suun walitti hidhaminsa industiriifi qonnaa deeggarra jedhame eeegaa.

    Carraa daldalaa qaraxarraa bilisaa Chaayinaan biyyoota Afrikaaf kennite kana biyyi hin fayyadamne Isiwaatiinii qofaadha.

    Isiwaatiin fayyyadamtuu ta'uu kan dhabdeef ammoo Taayiwaan waliin hariiroo dippilomaasii waan qabduuf akka ta'e gabaasaaleen miidiyaa ni mul'isu.

  10. Ministirri dhimma alaa Iraan Ameerikaa waliin mariyachuuf Jenevaa gale

    Ministirri dhimma alaa Ameerikaa Abbaas Araagaachii marii marsaa lamaffaa dhimma nukilaraarratti Ameerikaa waliin taasifamuuf magaalaa guddoo Siwiizerlaand, Jenevaa gale.

    Marii Ameerikaa fi Iraan al-kallattiin taasisan Kibxata Jenevaatti akka eegalu ibsameera.

    Marii kana gaggeessaa kan jirtu Omaan yoo taatu, gama Ameerikaatiin Istiic Wiitkoof fi Jaareed Kushneer bakka bu'aniiru.

    Ministirri dhimma alaa Ameerikaa maarkoo Ruubiyoo Waashingiten waliigaltee bu'a qabeessa ta'eerra ga'uudhaaf carraaqqii gochaa jiraachuu dubbateera.

    "iraan waliin eenyuyyu marii bu'a qabeessa ta'erraa ga'uu hin dandeenye, nuti garuu yalaa jirr," jedhan.

  11. Guutuu addunyaatti hiriirri mootummaa Iraan mormu gaggeeffame

    Ilmi mootii dhumaa Iraan Reezaa Pahlaavii ''guyyaa akka addunyaatti hojii qabatamaan hojjetamu'' jechuun labsuu hordofee biyyoota addunyaa keessatti hiriirri mootummaa Iraan mormu gaggeeffameera.

    Muunik keessatti Reezaa Pahlaavii wayita namoota kuma 250 ta'an duratti haasaa taasisu bulchiinsi Islaamaa Iraan aangoorraa bu'uu qaba jedhe.

    Haasaa isaa kanaan hiriira mormii dhiheenya Iraan keessatti gaggeeffame booda hidhaa, ajjeechaa fi dararaa raawwatame balaaleffateera.

    Muunik, Loos Anjalas fi Torontoo keessatti hiriirtonni heddumminaan ba'uun mootummaa Iraan akka morman ibsaniiru.

    Lakkoofsi isaanii muraasa ta'us Teel Aviiv, Liizban, Siidnii fi Landan keessattis hiriirri walfakkaataan gaggeeffameera.

    Quuqamtoonni mirga namoomaa akka jedhanitti, hiriira qaala'iinsa jireenyaa mormuun eegalamee booda sirna mootummaa mormuutti geeddarame kanarratti namoonni 6,000 caalan ajjeefamaniiru.

    Lakkoofsa namoota ajjeefamaniirratti ammallee qorannoon gaggeeffamaa jira.

    Reezaa Pahlaavii namoota hiriiraaf daandiitti ba'anitti akkas jechuun dubbate: ''Ergaan koo jalqabaa goototaa fi firoota keenya biyya jiraniif, kophaa keessan akka hin jirre hubadhaa! Har'a qabsoo keessan keessatti addunyaan isin bira jirti.''

    Hooggantoota Iraan kan qeeqe Reezaa Pahlaavii, ''mootummaa malaammaltummaan laaqame, kan nama dararu fi daa'imman ajjeesu kana caalaa isin uummata bakka buutu. Aadaa kabajamaa fi qarooma Iraan isintu bakka bu'a,'' jedhe.

    Kanaafuu, egeree Iraan keessatti biyyi keenya maal fakkaachuu akka qabdu kan addunyaatti agarsiisu isini jechuun uummatatti dubbate.

  12. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eeggalleerra. Odeessaalee Iraaniin walqabatan fi kaan karaa kanaan isiniif dhiheessina.

    Dhimmoota biyya keessaas asii ni argattu.

    Nu hordofaa!