Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Piriimer Liigii: Liiverpuul 1 - 2 Maanchester Siitii

Piriimer Liigii torban 25ffaan tapohni guddaan Dilabata LKiiverpuul fi Maanchester Siitii gidduutti eegamu gaggeeffamaa jira. Maanchester Siitiin mo'annaan garaagarummaa dursaa Liigichaa Arsenaal waliin qabu gara ja'aatti xiqqeeffata.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Arsenaal Saakaa fi Odegaard malee Sandarlaand morkata

    Arsenaal taphattoota galgala kana hiriiran ifa godhe.

    Saakaa fi Odegaard hin taphatan. Jifataa Gaabreel Jeesuus jalqabaa ka'ee taphata.

    Warri jalqabaa hiriiran: Rayaa, Timbar, Gaabreel, Kalafiyoorii, Zubimeendii, Raayis, Haaveeritiz, Maaduwiikee, Troosaardiifi Jeesuus

    Yokeereeshifi Eezee tessoo jijjiirrarra jiru.

  2. Diyaaloo

    49' Amaad Diyaaloo gooliin lakkoofsise taphaan ala jedhame.

  3. Yunaayitid vs Ispaars

    Morkiin boqonnaa boodaa eegaleera.

    Qabxiin amma 1-0 jira

  4. US buufataalee waraanaa meeqa qabdi?

    Ameerikaan addunyaarraa biyya humna waraanaa cimaa qabaachuun gita hin qabneedha.

    Waggaa 70 dura garuu seenaan waan biraa dubbata. Amma buufataalee waraanaa meeqa qabdi?

    Daawwadhaa!

  5. Romeeroon tapha afur adabame

    Kiristiyaan Romeeroo balleessaa Kasemiroorratti dalageef adabbiin taphoota afurii irratti darbeera.

    Kana jechuun taphoota Niwkaasil, Arsenaal, Fulhaamiifi Paalaas waliin qaburratti hin hirmaatu.

    Taphatti kan deebi'u morkii Liiverpuul waliin qaban irratti ta'a.

  6. Romeeroon kaardii diimaan bahe

    Taphataan sarara ittisaa Teetenhaam Roomeroon balleessaa Kazemiiroorratti hojjeteen kallattiin kaardii diimaan bahe.

    Kun jalqabee daqiiqaa 30 osoo hin guutuun taphataan Tootenhaam kun jalaa baheera.

    Kun Maanchester Yunaayitidiif carraa guddaadha.

  7. Maanchester Yunaayitid Sheeskoo kaa'ee Kuunyaa galche

    Maanchestewr Yunaayitid sarara duraarratti Sheeshkoo eeggataa godhee, Kuunyaan jalqabe.

    Dorguun miidhamarra jira.

  8. Maanchester Yunaayitid 0-0 Tiitenhaam

    Maanchester Yunaayitid Totenhaam simatee taphachaa jira.

    Amma lachuu goolii hin lakkoofsifne.

    Imbuumoon daqiiqaa jalqabaarratti kubbaa argate qixa malee dhiitee karra gooliirra qaarisiiseera.

    Kazemiiroon ammoo qixuma gooliitti dhiitee karra eegaan qolateera.

    Taphni kun lamaan isaaniif barbaachisaadha.

    Keessumaa Maayikel Kaarik leenjisaa man Yunaayitid ta'ee dhaabbataanitti fufuuf madaalamaa jira.

    Leenjisaan Tootenhaam Toomaas Firaankis kilabicha sadarkaa foyyee qabutti ol hin butu taanaan dhiibaa jala jira.

    Tapha kana mo'achuun eenyuuf caalaa barbaachisaa?

  9. 'Zhaakaan guyyooya dukkanaa' Arsenaal keessatti, guyyoota gammachuu Sadarlaan keessatti dabrseratti waan jedhe

    Giraanayit Zhaakaa Sanderlaand waggaa saddet Piriimer Liigii keessaa bahanii akka itti deebiyan gochuu keessatti gahee ajaa'ibaa taphateera.

    Taphataan sarara gidduu lammii Simiizerlaand, Zhaakaan waggaa torbaaf (2016 - 2023) Arsenaal keessatti erga dabarseen booda, kilaba gara gadii jirutti deebiyee Sanderlaandiin Piriimer Liigii Arsenaal keessaa bahee hin beeknetti fide.

    Taphataan umuriin waggaa 33 ta'e Zhaakaan Arsenaal si'a lama waancaa FA CUP akka argatu taasiseera. Akkasumas Arsenaal xumura Yurooppaa Liigiitiif akka qaqqabu gargaareera.

    Haata'u malee, deeggartoota Arsenaal waliin wal dhabuufi amballummaan kilabichaa hanga irraa mulqamuutti Landan Kaabaatti bu'aa ba'ee jireenyaa dabarseera.

    Arsenaal keessaa erga baheen booda gara Jarman deemee Baayer Liivarkusanitti makamuun akka waancaa lama mo'atu godhee deebiyeera.

    Zhaakaan Piriimer Liigiitti deebiyuu hawwuu hin dhiisne. Akkuma hawwe ammoo gara Sanderlaanditti deebiyee kilabicha dorgomaa cimaa taasiaa jira.

    Gaaffiifi deebii Kelii Soomers waliin taasiserratti Zhaakaan, maaliif akka Sanderlaanditti deebiyee fi walitti bu'insa deeggartoota Arsenaal waliin ture dabalatee dhimmoota hedduurratti dubbateera.

    Jiruu isaa kubbaa miilaa keessatti dabarse keessatti waan lama hin dagatamne isa mudachuu hima.

    Inni tokkoffaan, yeroo itti umuriisaa waggaa 19 jirutti maatiisaarraa adda ba'uu yoo ta'u, gargaarsaafi gorsa abbaasaatiin qofaa bahee jireenya moa'chuu akka danda'u kaasa.

    Qormaanni lammataa isa mudate ammoo kan Arsenaal waliin wal qabatudha.

    Kunis wal hubachuu dhabuutiin waana bara 2019 keessa deeggartoota Arsenaal waliin uumame akka ta'eef ibsa.

    Mudannoon kunneen lamaan akkan cimu na taasisaniiru jedha Zhaakaan.

    Manaajera Arsenaal Mikeel Arteettaa garuu addatti galata guddaa akka qabuuf dubbata.

    Mikeel Arteettaaf kabaja guddaa akka qabu ibsuun, "inni nama kilabicha keessa akkan turu na taasisedha. Kana eenyuyyu ni beeka. Animmoo waan inni naaf godhe gonkumaa hin dagadhu," jechuun Arteettaa dinqisiifata.

    Zhaakaan tapha Ar'a Arsenaal Sanderlaand waliin taphaturratti sababa miidhamaan hin hirmaatu.

    Kun ammoo Sanderlaanditti aanee manasaa lamaffaa Arsenaal deemee dirree Emireetisirratti argamuuf carraa dhabsiise.

  10. Yunaayitid 'ulfina duriitti kan deebisaa jiru' Maayikil Kaarik turuu fedhaa?

    Erga Ruuban Amoorim Maanchistar Yunaayitid keessaa ari'amee bakka isaa kan bu'e taphataan duraanii Yunaayitid Maayikil Kaarik milkaa'aa jira.

    Ta'us, inni yeroof leenjisuun itti fufamoo egereen isaa maali kan jedhu hin baramne.

    Ta'us, Kaarik leenjisaa Maanchistar Yunaayitid ta'e bara dorgommii baranaa darbee leenjisuu akka barbaadu waan akeeku dubbateera.

    Amajjii keessa yeroof Amoorim bakka bu'ee kan muudamee Kaarik egeree isaa Old Tiraafolditti qaburratti dubbachuurraa of qusatee ture.

    Kaarik akka Amoorim nama baay'ee hin dubbannee ta'uun isaa yaada isaa kana gatii jabeessa godha.

  11. Maanchester Yunaayitd Tootenhaam mo'atee Kaarik jalatti injifannoorra bubbulaa?

    Piriimer Liigii torban 25ffaan taphoonni torba Sambata gaggeeffamu. Taphni Jimaata galgala LiidYunaayitd Tootenhaam simatee, Arsenaal, Sanderlaan simatee, Bornimaawoz Aston Viilaa simatee kan taphatan akkaan eegamu.

    Maanchester Yunaayitid fi Tootenhaam guyyaa 9:30 irratti taphatu. Maanchester Yunaayitid Tootenhaamiin mo;atee Maayikel Kaarik jalatti rikkardii osoo hin mo'amiin itti fufuu isaa jabeeffachuu danda'a ta'a.

    Dirreesaarratti waan taphatuufi carraa qaba. Kana malees Tootenhaam taphattoonni isaa Mahaammd Kudus dabalatee warri ciccimoo ta'a hedduun miidhamarra jiraachuun Maancshter Yunaayitidiif carraa gaariidha.

    Ammoo Maayik Kaariik jalatti tapha walitti aanu sadii injifataniiru. Akka gaarii jiru jedha xiinxalaa kubbaa miilaa Kiriis Suutan.

    Totenhaamiis torbee darbe Siitii duubaa ka'ee 2-2n qixa bahe.

    Solaankeen akka gaarii taphate.

    Kiriis Suutan taphani kun morkiin jabaan kan irratti mul'atu akka ta'u tilmaameera.

    Ammoo Yunaayitiid karaa itti injifatu hin dhabu jedha.

    Maanchester Yunaayitid 2 fi 1'n Tootenhaam mo'atu jechuun tilmaameera.

    Tilmaama kanatti waliigaltuu?

  12. ASHAMAA - Tamsaasa kallattii oduu ispoortii jalqabneerra

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Oduu ispoortii, keessumaa taphoota Piriimer Liigii Ingilizii torban 25ffaa kallattiin isniif dhiyeessuu jalqabneerra.

    Nu hordofaa