Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Arsenaal 2-1 Biraayitan mo'achuun dursummaa Piriimer Liigiitti deebi'e

Piriimer Liigiin torban 18ffaa gaggeeffamaa jira. Tapha tokko eda Maanchester Yunaayitid fi Niiwukasil gidduutti gaggeeffameen Yunaayitid 1 fi 0n mo'ateera. Har'a ammoo Notingihaam Forest v Maanchester Siitii, Arsenaal v Biraayiten dabalatee taphoota torbatu gaggeeffama.

Guduunfaa

  • Piriimer Liigii torban 18ffaa: Notingihaam Forest v Man Siitii dabalatee taphoota torba
  • Kophee warqee argachuuf taphattoota sadii kokkee walqabaa jiran
  • Odeeffannoo biroo addunyaaf

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Notigihaam Forest v Maanchester Siitii

    Notingihaam Forest ammallee kufaatiirraa fagaatee hin jiru. Wiixata darbe ammoo Fuulhaamiin mo'amuun isaa haala jiru daran rakkisaa taasiseera.

    Taphni kun Siitiif salphaa ta'uu baatus, gahumsi amma irra jiran garuu ajaa'ibadha.

    Wayita barri dorgommii kanaa deemee dhufetti Maanchester Siitiin caalaa cimaa dhufeera.

    Raayaan Cherkii fi Fiil Fooden dandeettiin isaanii bilchaataa jira. Kubbaa isaan Erliing Halaandiif mijeessanii kennan waan addaati. Karaa biraan ammoo goolii itti galaas hin jiru.

    Tilmaama: 0 - 2

    Isin maal jettu?

  2. Notingihaam Forest v Maan Siitii: Hanga Arsenaal taphatuttu dursa qabataa?

    Tapha Priimer Liigii torban 18ffaa gaggeeffamaa jiruun qabxii lama qofaan Arsenaaliin caalamee sadarkaa lamaffaarra kan jiru Maanchester Siitiin dirree Notingihaam Forest deemee taphata.

    Miidhama yeroo dheeraarra kan ture utubaan kilabichaa Roodiriin deebiyeeraaf.

    Maan Siitiin hanga Arsenaal galgala kana Biraayteniin keessummeessutti dursa qabatamoo, torban guutuu tokkoffaa ta'ee itti fufa jettu?

    Maaliif?

  3. ASHAMAA

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Toora tapha priimer Liigii kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Dhiyaadhaa!