Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Michoonni waliin Hormuuz tiksuu baannaan egereen NATO ‘baayyee fokkisaa’ akka ta'u Tiraamp akeekkachiise

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp fi Ministirri Muummee UK Kiiri Istaarmer dhimma Ulaa Hormuuz irratti wayita marii taasisanitti, Israa'el ammallee Iraan keessatti bakkeewwan kumaan lakkaa'aman irratti xiyyeeffadhee haleelu qaba jechuun dubbatte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ameerikaan hanga yoonaa waraana Iraanirratti hangam baaste?

    Gorsaan olaanaa dinagdee Pirezidant Tiraamp, Kevin Haseet, waa'ee baasii waraana kanaa gaafatamaniiru.

    Akkasumas Ministeerri Ittisaa Kongirasiin maallaqa dabalataa yoo gaafata ta'es.

    ''Ammaaf waan barbaannu qabna,'' jechuun Ameerikaatti michuu BBC kan ta'e CBS News'tti dubbatan.

    Dabaluunis, Ameerikaan hanga yoonaa dolaara biiliyoona 12 waraana Iraanirratti akka baaste himan.

    Amma rakkoon ijoo boba'aadha jechuun himan.

    Iraan ''humna shororkeessaa yoo ta'uu dhaabde ...oomishi boba'aa ni guddata,'' jechuun himan.

    Hamma waraanichi dheeratu gaafatamanii ''jalqabarraa torban afurii hanga jaha dheerrata, nuti karoora dura akka jirru'' nuuf ibsame jedhan.

  2. Iraan Giddugala Bahaatti diroonii akkamii dhukaasti?

    Waraana Ameerikaafi Israa'el Iraan lolaa jiraniin meeshaa waraanaa hojiirra oolaa jiru keessaa tokko diroonii Iraanidha.

    Shaahid -136 jedhama. Xinxaltoonni akka jedhanitti galma isaa sirnaan rukuta.

    Waraana Yukireen keessattis Raashiyaa haalaan gargaareera.

  3. Biyyoonni ulaa Hormuuz maaliif barbaadu?

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ulaa Hormuuz 'tiksuuf' sosso'aa jiru.

    Ulaan kuni baay'ee barbaachisaadha. Boba'aa addunyaa gabaa bahu keessaa 20% asiin darba.

    Kan to'attummoo Iraanidha. Iraanimmoo waraana kana keessatti akka qabataatti itti dhimma bahaa jirti.

  4. Finfinneetti gatiin taaksii dabale waraana Iraaniin wal qabataa?

    Gatiin geejjiba ummataa magaalaa Finfinnee birrii shanii hanaga birrii 20tti akka dabale ibsame.

    taarifaa haaraa bahe kanaan daballii guddaan kan taasifame otoobisoota magaalaa irratti yoo ta'u, gatiin ol'aanaan birrii 50 irraa gara 70tti ol guddateera.

  5. Biyyoonni Galoo Galaanaa halkan Iraan haleellaa dabalataa irratti gaggeessaa buluu gabaasan

    Aanga'oonni abidda Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Dubaay mudate to'annoo jala oolchuu himaniiru. Haleellaa diroonii taankarii boba'aa rukkutuun uumame hordofee balaa mudate kanaan namni madaa'e hin jiru.

    Iraan erga waraanni kun jalqabee misaa'eloota 2,000tti siquufi dirooniiwwan Yunaayitid Arab Emireetisitti (UAE)'tti kan dhukaafte yoo ta'u, harki caalaan isaanii humna ittisa qilleensaan qolatamaniiru.

    Ameerikaa fi Israa’el Iraan irratti haleellaa isaanii itti fufanii yeroo jiranitti, Tehran keessatti boombii cimaan dhoo’uu gabaafameera. Magaalaa guddoo Libaanos Beerut keessatti dhohinsi guddaan kan mudate yoo ta’u, waraanni Israa’el bu’uuraalee misoomaa Hizbullaah irratti xiyyeeffate jedha.

    Israa’el keessatti sababa misaa’ela Hizbullaah kaabaan, kibbatti ammoo misaa’ela Iraan dhufaniin saayireniin dhaga’ame.

  6. Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Dubaay balalii dhaabe

    Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Dubaay yeroodhaaf balalii dhaabuu aanga'oonni ibsan.

    Kun ammoo abidda "waan dirooniin walqabatee uumamuun" taanarii boba'aa miidhe hordofeeti.

    Namni madaa'uun gabaafameeru hin jiru, garuu aanga'oonni akka jedhanitti nageenya ummataa amansiisaa gochuuf "tarkaanfii barbaachisaa ta'e hunda" fudhachaa turan.

    Ergaa fuula X irratti baasaniin aanga'oonni akka jedhanitti, tiraafika qilleensaa dhaabuun "tarkaanfii barbaachisaa nageenya imaltootaafi hojjetootaa mirkaneessuuf fudhatamedha," waan ta'eef oduu haaraa jiruuf imaltoonni daandii qilleensaa isaanii akka qunnamaniif gorsaniiru.

    Balaliiwwan tokko tokko gara Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Al Maktuumitti, kaan ammoo gara buufata idil-addunyaa biraa Dubaayitti akka goran taasifamaniiru.

    Buufanni Xiyyaaraa Dubaay bara 2025 addunyaarratti buufata xiyyaaraa namoota baayyee keessummeessuun beekamu yoo ta'u, waggaatti imaltoota miliyoona 90 keessummeessa.

  7. Michoonni Hormuuz waliin oolchuu baannaan egereen NATO ‘baayyee fokkisaa’ akka ta'u Tiraamp akeekkachiise

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp michoonni walgargaaruun Ulaa Hoormuuz oolchuu baannaan "egereen NATO baayyee fokkisaa" ta'a jechuun akeekkachiise.

    Ulaan Hormuuz Iraan cufte kun ulaa galaanaa baayyee murteessaa dooniiwwan boba'aa fe'an addunyaa keessa darbanidha.

    Tiraamp gaaffiifi deebii Faayinaanshiyaal Taayims waliin taasiseen akka jedhetti, Chaayinaan Ulaa Hormuuz akka bansiisuu keessatti gargaartu eega. Kun ta'uu baanaan kora pirezidantii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin qaban akka tursiisu dubbateera Tiraamp.

    Itti dabaluun, akkaataa Ulaa Hormuuz kana ittiin eeguun danda'urratti "biyyoota torba" biroo waliinis dubbachaa jiraachuu himeera.

  8. Israa'el ammallee Iraan keessatti bakka irratti xiyyeeffattu kumaataman qaba jetti

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp fi Ministirri Muummee UK Kiiri Istaarmer dhimma Ulaa Hormuuz irratti wayita marii taasisanitti, Israa'el ammallee Iraan keessatti bakkeewwan kumaan lakkaa'aman irratti xiyyeeffadhee haleelu qaba jechuun dubbatte.

    Dubbi-himaan Waraanaa Israa'el Efii Derfiin kana kan jedhe haleellaa Israa'el Iraan keessatti gaggeessitu erga babal'atee lixaa fi giddugaleessa Iraan akka dabalatu taasifameen boodadha.