Faransaay doonii boba'aa Raashiyaa qoqqobbii irra kaa'ame cabsuun deemaa turte galaana Mediteraaniyaarratti qabuu beeksifte.
Pirezidantiin Faransaay Emaanu'eel Maakiroon akka dubbatetti, dooniin 'Ze Giriinch' jedhamtu boba'aa feetu "alaabaa sobaan socho'aa kan turte" yoo ta'u, "qoqqobbiin sadarkaa idil-addunyaatti" kan irra kaa'amedha.
Humni galaana Faransaay michootasaa warra akka Yunaayitid Kingidam waliin ta'uun osoo dooniin kun Ispeeniifi Morookoo gidduu socha'aa jirtuu to'ateera.
Imbaasiin Raashiyaa Paaris jiru dooniin kun to'atamuushee odeeffannoon akka isa hin geenye beeksiseera.
Dooniiwwan boba'aa fe'an moggaasni "Shadow fleet' jedhu kennameef qoqqobbii biyyoonni Lixaa Raashiyaarra kaa'an jalaa miliquudhaaf warra socho'anidha. Dooniiwwan kunneen abbummaan isaanii osoo ifa hin ta'iin boba'aa deddeebisu jedhameera.
Dooniin 'Ze Giriinch' jedhamte osoo Kaaba Raashiyaa keessa osoo sochootuuti kan qabamte. Dooniin kun alaabaa Morookoo akka qabdu Faransaay beeksifteetti.
Maakiroon fuula X isaarratti, "Qoqqobbiiiwwan hojiitti akka hiikamaniif seera idil-addunyaa raawwachiifna. Dooniin kun waraana Yukireen irratti baname deeggaruuf sochii gargaaru taasisaa jirti," jedhe.
Ministirri Ittisaa Joon Eelii akka jedhetti, humni galaanaa UK doonii kana "hordofuufi to'achuu keessatti" tumsa godheera.
"Michoota keenya waliin taanee dooniiwwan waraana seeraan alaa Puutin Yukireen irratti gaggeessurratti qabsoofna," jedhera.
UKn dooniiwwan 544 Raashiyaa jalatti bulanirra qoqqobbii keesseetti.
Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin tarkaanfii fudhatame kana dinqisiifateera.
"Boba'aan Raashiyaa waraanichaaf galtee akka hin tane tarkaanfii gargaarudha. Dooniiwwan kunneen qabamuu qabu. Boba'aan fe'an hoo osoo gurguramanii haqa-abeessa hin ta'uu?" jechuun fuula X isaarratti barreesseera.