Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Raashiyaa fi Yukireen marii nagaa Istaanbuliin sa'aatii muraasaan dura waliitti dhukaasan

Raashiyaafi Yukireen marii nagaa Istaanbuliitti har'a gaggeefamun sa'aatii muraasaan dura waliitti dhukaasan. Haleellaa diroonii Yukireen buufataalee xiyyaara waraanaa Raashiyaarratti raawwatteenis yoo xinnaate xiyyaaroonni 13 barbadaa'u qondaalli yukireen ibsan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waraana Misaa'elaa fi jechootaa- Eenyutu maal jedhe?

    Guyyaa kudhan dura bakka bu'oonni Ameerikaa, Raashiyaa fi Yuukireen Tarkiitti wal arguun dhimma dhukaasa dhaabuu irratti mari'atanii ture. Garuu jijjiirama guddaa hin fidne.

    Ergasii waraanni jechootaa gaggeessitoota biyyoota sadeenii gidduutti hammaate.

    Pirezidaantii US, Doonaaldi Tiraampi

    • Tarkitti Tiraampi walgahicha irratti hin argamne. Garuu bilbilaan Puutin waliin dubbataniiru. Yuukireenii fi Raashiyaan ''hatattamaan'' dhukaasa dhaabuuf marii jalqabu jedhan. Garuu homtuu hin eegalle.
    • Halkan darbe ammoo Putiniin ''maraataadha'' jechuun ibse. Puutin haleellaa Yuukireen irratti hammeesse. Akkasumas ''haala amma odeessaa jiruun homaa biyya isaa gargaaraa hin jiru'' jechuun Zeleniskiis komatan.

    Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin

    • Puutin marii Tarkiitti gaggeeffame irratti argamuu hin barbaanne. Garuu ''rakkoo bu'uuraa waraana Yuukireen fide'' irratti dubbachuun waliigaltee dhaabbataa irra gahuu qabna jedhe.
    • Har'a ammoo kallattiidhaan Puutin irraa deebin kenname hin jiru. Garuu dubbii himaan Kireemliin Dimtirii Peeskoov, ''Raashiyaan dhiyeenya waan Tiraampi marii nagaa jalqabsiisaniif ni galateeffatti'' jedhan.

    Pirezidaantii Yuukireen Zeeleniskii:

    • Raashiyaan ''yeroo bitachuuf yaalaa jirti'' jechuun himatan. Kunis erga Tiraampii fi Putin bilbilaan haasa'aniiti.
    • Har'a ''dhiibbaa guddaa fi qoqqobbiin irratti darbuu qaba'' jechuun waamicha dhiyeessan.
    • Erga Raashiyaan Yuukireeniin bara 2022 weerartee as haleellaa diroonii rikardii taheen torbee darbe magaalaa Kiyeev rukutte jedhan.
  2. Waraanni Yugaandaa Jarman waliin tumsa waraanaa adda kutuu hime

    Waraannii Yugaandaa wal tumsa waraanaa Jarman wajjin qabu addaan kutuu beeksise.

    Kunis Yugaandaatti ambaasaaddari biyyattii Maatiyaa Shooweer ''scochii farra mootummaa'' tahe raawwachuun biyyoota Afrikaa Bahaa keessatti hojjechuuf ''gahumsa hin qabu,'' jechuudhaani.

    Waraaanni biyyattii himannaa kanaaf ragaa dhiyeessuu baatus biyyoota lameen gidduu hariiroon akkaan laaffachaa deemuu agarsiisa.

    Dubbii himaan ministeera hajaa alaa Jarmanii himannaa irratti baname fudhatama dhabsiisuun ''bu'uuraafi faayidaa kan hin qabne,'' jechuun Rooyitarsitti himan.

    Himannaan maqaa dhahuun taasifamaa jiru kuni kan hin baramne yoo tahu, kan dhagahames ambaasaaddarichi ilma pireezidantichaafi hogganaa waraanaa biyyattii kan tahe Muhoozi Kaayineerugaabaa irratti yaaddoo qabu kaasuun booda dha.

    Dhihoo kana jeneraalli kuni hogganaa paartii mormituu Roobart Kayaahulaanii Boob Waayiin jedhamuun beekamu akka isa ''qalu' doorsisee ture.

  3. Taphataa cimaa Piriimer Liigii bara 2024-25 kan tahe Mohaammad Saalaa hagam beektu?

  4. Imalaan balbala banuuf yaallaan xiyyaarri tasa qubate

    Xiyyaarri Jappaan Tookiyoo irraa ka'ee Teeksaas Ameerikaatti qubachuuf ture yeroo balaliitti imalaan balbala banuuf yaallaan qubannaa tasaa taasise.

    Daandii xiyyaaraa All Nippon Airways 114 gaafa Sambataa ka'e sababa imalaa kanaaf Siyaatilitti qubateera.

    Poolisiin Siyaatil waa'ee imalaa otoo xiyyaarri balali'uu ''balbala banee bahuuf turee'' itti himameera.

    Imalaan maqaan isaa hin eeramne ''nama fayyaan isaa jeeqame'' waan tureef balalistoonni biroofi hojjettoonni xiyyaarichaan qabamee akka turu taasisan.

    Boodarra namni kuni gara hospitaalaa geeffame. Himannaan akka irratti banamu garuu waanti beekame hin jiru.

    ''Nageenyi imaltootaafi hojjettoota keenyaa waan dursa kenninuufi dha,seera raawwachiiftoota Siyaatil nu gargaaranis ni galateeffanna,'' jedhe daandiin qilleensaa ANA.

  5. Maarkoon amma Tiraamp dhimma Yuukireen irratti Puutiin akka 'sobe' hubatera jedhan

    Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon dheekkamsa pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gitasaanii Raashiiyaa pirezidaanti Puutiin irratti dhiheenya dubbatan hordofuun yaada kennan.

    Imala gara Veetnaamiitti taasisaniin, Tiraamp Puutiin waraana Yukireen irratti akka isa ''sobe hubateera'' jechuun gaazexeessitootatti hima.

    Itti dabaluudhaanis, aariin Tiraamp Puutiin irratti qaban gara ''gochatti akka jijjiiramu'' abdii qabaachuus himaniiru.

  6. Maaree Jaldeessaa tibbana Oromiyaa Moyaaleetti daa'imarratti mul'ate maali, akkamiin daddarba?

    Kibba naannoo Oromiyaa magaala bulchiinsa Moyyaaleetti daa'imti dhalattuun tokko dhibee Maaree Jaldeessaa (Mpox)n qabamun mirkannaa'uu Ministeerri Fayyaa fi Institiutiin Fayyaa Hawaasaa beeksiise.

    Namoota dhibee maaree jaldeessaa kanaan qabamaniiru jedhamuun shakkaman irraa saamuda fudhamee qoratame keessatti vaayirasiin dhibee kanaa dhalattuu guyyaa 21 irratti argamu beeksiise ibsi Dilbata kaleessaa Ministeerri fayyaa fi inistitiyuutichi baase.

    Itti aansee qorannoo taasisameenis haatii daa'ima dhallattuu sanaatiis vaayirasichaaf saaxilamtu ta'un hubatamu ibsichi eereera.

    Abbaan daa'ima kanaa gara biyya ollaatti imalee akka ture waan barameef, naannoon inni itti imaleefi namoonni tuxuqaa waliin qabu adda baasuufi hojiin hordoffii eegalamuun ibsameera.

    Odeessaa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin seenuu dandeessu.

  7. Tigraayitti qondaalli daddabarsa namootaan himataman maal jedhu?

  8. Barattuun Chaayinaa eeyyama marsaa laguuf 'kofoo baaftee akka agarsiistu dirqamsiifamuu' himte

    Kolleejjiin Chaayinaa erga barattuu sababa marsaa laguuf eeyyama gaafatte mirkaneessuuf akka kofoo baafattee agarsiistu dirqamsiise jedhamee booda uummata keessatti mufii gudda uumeera.

    Wayita barattuun kun ''shamarran marsaa laguu keessa jiran hundi eeyyama fudhachuuf kofoo baasanii agarsiisuun mirkaneessuu qabuu?'' jettee dubartii tokkoon falmitu viidiyoon mul'isu akkaan qoodameera.

    ''Eeyyeen, sirriitti,'' jechuun deebisti dubartittiin. ''Kun seera mana barumsaa kanaati,'' jetti.

    Booda miidiyaan biyya keessaa taateen kun kilinika Yuniversitii Gengdan- Gengdan Institute university college jedhamu keessatti akka raawwate mirkaneessan.

    Kolleejjichi boodarra hojjettoonni mana barumsichaa ''qajeeltoo mana barumsichaa eeganii kan deemanidha,'' jedhe.

    Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa garuu viidiyoo kana erga arganii booda kun gocha iccitii namaa saaxiluuti jechuun qeeqaa jiru.

    Barattuun kunis, kolleejichis dhimma kanarratti BBC'f yaada hin kennine.

    Viidiyoon barattuu kanaa fi ibsi kolleejichi kenne amma haqamaniiru. Haata'u malee suuraan kaafame qoodamaa jira. Miidiyaa mootummaa dabalatee hunduu wal harkaa fuudhaa jiru.

    Dhimma kanarratti miidiyaaleen mootummaa falmii cimaatti galaniiru.

    Raadiyoon biyyaalessaa Chaayinaa- China National Radio jedhamu ''marsaan laguu jireenya dubartootaan akka walqabatu beekamaadha. Seerri akkanaa miira barattoota shamarranii akkaan jeeqa. Xiinsammuu isaaniirratti miidhaa guddaa qaba,'' yaada jedhu dhiheesse.

    Tarkaanfiin kanaan walfakkaatu kanaan duras manneen barnootaa Chaayinaa keessatti mufii kaasaniiru.

    Bara darbe yuiniversitiiwwan tokko tokko doormii barattootaa keessatti golgaan (maggaarajaan) akka hin jiraanne dhorkeera. Golgaan barattoonni iccitii dhuunfaasaanii akka eeggataniif gargaara ture.

    Akkasumas bara darbe tibbana ayyaana dafqaan bultoota- May Day, yuniversitiiwwan gariin akka barattoonni hin imalle dhorkanii turan.

  9. Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Af-warqii haasaa Guyyaa Walabummaa taasiserratti waa'ee Itoophiyaa maal jedhe?

    Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Af-Warqii kabaja Guyyaa Walabummaa biyyattii 34ffaa ilaalchisuun haasaa taasiserratti mootummaa Itoophiyaa jabeessee qeeqeera.

    Pirezidant Isaayyaas qophii Ertiraanonni baayyeen irratti argaman istaadiyeemii keessatti gaggeefameefi kan karaa sabaa-himaalee biyyattiin kallattiin tamsa'een haasaa taasise kanaan, "humnoonni alaa karaa bakka bu'aasaanii kan ta'e Badhaadhinaa [Biltsiginnaa] waraanni ummata Itoophiyaarratti waggoota shanan darban labsan hangam akka abdii kutatan agarsiisa," jedheera.

    Pirezidaantichi haasaa isaa keessatti warra 'humnoota alaa' jedhe kanneen eenyu akka ta'an hin ibsine. Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin seenuu dandeessu.

  10. Israa'el guutummaa Gaazaatti haleellaa raawwachuun namoota 24 ajjeeste- Ogeeyyii fayyaa fi qondaalota

    Haleellaa halkan edaa Israa'el qilleensarraan guutummaa Gaazaa irratti marsaa lamaan raawwatte kanaan kan ajjeefaman namoota nagaa Filisxeem.

    Haleellaa guddaan handhuura Gaazaa bakka manni barumsaa buqqaatonni keessa buufatan jiru irratti raawwatameen namoonni ajjeefaman heddduun daa'immanii fi dubartoota.

    Akka ogeeyyiin fayyaa fi qondaalonni Ittisa Siivilii (Civil Defence) jedhanitti haleellaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 24 ajjeefamaniiru.

    Magaalaa Gaazaa keessatti kan argamu manni barumsaa Fahmi Al-Jargawi jedhamu namoota magaalaa Beit Lahia irraa buqqaafaman dhibbaan lakkaa'amaniif dawoo ta'ee tajaajila.

    Magaalaan kun yeroo ammaa weerara hamaa loltoota Israa'el jala jirti.

    Humni ittisaa Israa'el haleellaan kun ''maandhee Hamaas fi giddugala ajajaa fi to'annoo Jihaadii'' irratti xiyyeeffate jedhe.

    Haleellaa bakka kanarratti raawwateen namoonni 20 caalan akka du'an qondaalli Hamaas ibsan. Loltoonni Israa'el mana barumsaa kana erga haleelaa booda bakka biraattis darbanii haleellaa raawwataniiru.

    Ministeerri Fayyaa Hamaas akka jedhutti haleellaa handhuura Gaazaatti raawwatame kanaan namoota afur ajjeefamaniiru.

    Israa'el Jimaata darbe haleellaa mana doktara tokkoo irratti raawwatteen daa'imman ogeettii fayyaa kanaa 10 keessaa sagal ajjeesteetti.

    Ijoollee Dr Alaa Al-Najaar keessaa daa'ima umrii waggaa 11 qofatu lubbuun hafe. Daa'imi kuniifi abbaan warraashee akka malee madaa'an.

    Amma daa'imi homaa hin jedhu, abbaan warraa ishee garuu yaaddoo keessa jira.

    Gama kaaniin haleellaa Sambata mana isaanii Kaan Yuunis keessatti argamurratti raawwateen hojjettoota isaa keessaa lama ajjeefamuu Waldaan Addeessa Diimaa ibseera.

  11. Kooriyaa Kaabaa doonii waraanaa gaafuma eebbifamu manca'een wal qabatee aanga'oota olaanoo hite

  12. ASHAMAA!

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo akkam jirtu? Toora tamsaasa kallattii odeeffannoo addunyaa ittiin isin biraan geenyuun dhufneerra.

    -Oduu Israa'el - Gaazaa fi Baha Giddu-galeessaa

    -Waraana Raashiyaa-Yukireen

    -Odeeffannoo Ameerikaafi Awurooppaa, akkasumas

    -biyyoota ollaafi Afrikaa jiru isin biraan geenya.

    Dhiyaadhaa!