Pirezidaantiin naannoo Somaalee fi Ambaasaadar Baacaa Dabalee dhalattoota Somaalee Itoophiyaa Keeniyaa jiraatan waliin mari'atan.
Pirezidaantiin
naannoo Somaalee Obbo Musxafee Umar dhalattoota Somaalee Itoophiyaa keeniyaa
keessa jiraatan waliin dhimmoota investimantii fi kaan irratti Naayiroobiitti
mari’atan.
Dhalattoonni Somaalee-Itoophiyaa Keeniyaa keessa jiraatan 2,000tti siqan mari'acha irratti hirmaachuu Imbaasii Itoophiyaa Keeniyaa jiru irraa BBC'n odeeffateera.
Keeniyaatti
Ambaasadara Itoophiyaa kan tahan Jeneraal Baacaa dabalee, saganticha irratti
argamuun, Itoophiyaan ''haaromsa’’ keessa jirti.
Bulchiinsa MM
Abiy Ahimed jalatti haaromsi gama misoomaafi badhaadhinaan dhufeera jedhan.
Fooyya’insa
guddaa mootummaan kun fide keessaa tokko haala dinagdee mijataa uumuudha
jedhan.
Mootummaan
dameewwan investeroonni biyya keessaafi diyaaspooraan irratti hojjechuu qabu
jedhee dursa kenne adda baasuu himan.
Isaan keessaa dame
qonnaafi bu’aawwan qonnaa oomishatti galchuu,albuuda, aannisaa, oomisha, turizimii
fi tajaajiloota dijitaalaa fa’aa akka tahan ibsan.
Mootummaan
haaromsa dinagdee gaggeesseen gatiin sharafaa gabaa addunyaa irratti akka
hundaa’u gochuun isaa investerootaaf haala mijata uumuuf akka tahes himan.
Pirezidaantiin
naannoo Somaalee Obbo Musxafee Umar, dhalattoonni Somaalee Keeniyaa keessa
jiraatan haala mijataa mootummaan uumeefiitti fayyadamuun investimantii dame adda
addaa irratti hirmaachuu qabu jechuu isaanii madden Imbaasii Itoophiyaa BBCtti
himan.
Dhalattoonni
Somaalee kumaatamni Keeniyaa keessa jiraatan hojii daldalaa fi investimantii
hedduu irratti bobba’aniiru.
Dhalattoonni
Somaalee keeniyaa keessa jirattan misooma biyyaaf hedduu gumaachaa turtan. Amma
garuu Itoophiyaan isa yeroo kamiyyuu caalaa investimantii, ogummaa, mul’ataa fi
sagalee keessan hedduu barbaaddi’’ jedhan Jeneraal Baacaa dabalee.
Dhuma irrattis
gahumsa gama gaggeessummaan pirezidaantiin naannoo Somaalee Musxafee Umar
kennaa jiran dinqisiifataniiru.
Gagaggeessummaan kee diyaaspooraaf kaka’umsaa fi
fakkeenya gaarii waan tahudha jedhan. Musxafee Umar erga aangoo qabatanii naannoon Somaalee naannolee nageenyi keessatti fooyya'e keessaa tokko.