Mata dureen torban kana gaazexaa guyyuu Israa'el liberaal Ha'aretz jedhamu irratti ba'e tokko: "Sunaamiin dippilomaasii dhiyaachaa jira," jechuun, "Awurooppaan 'maraatummaa guutuu' Israa'el Gaazaa keessatti raawwataa jirturratti tarkaanfii fudhachuu jalqabeera" jechuun barreesse.
Haleellaan dippilomaasii torban kanaa bifa hedduu kan qabu yoo ta'u, hundi isaanii kan tilmaamaman hin turre.
Gochaa Israa'el Gaazaa keessatti raawwattuuf idil-addunyaa waliin balaaleffachuu irraa eegalee, hanga ajjeechaa rifachiisaa dargaggoota hojjettoota imbaasii Israa'el lama Waashingitanitti raawwatameetti, kun hundi salphaadhumatti, mootummaa Yihudootaaf torban cimaa ta'ee darbe.
Dambaliin kun qarqara galaanaa Israa'el irratti kan kufe Wiixata galgala yoo ta'u, innis yeroo Biriteen, Faransaayii fi Kaanaadaan ibsa waloo baasuun gocha "hamaa" Gaazaa keessatti raawwatte balaaleffataniidha.
Biyyoonni sadan kunneenis Israa'el yoo haleellaa waraanaa haaromfame itti fufuun uggura gargaarsa namoomaa irra kaa'ame kaasuu baattee ammoo, ''tarkaanfii qabatamaa dabalataa'' fudhachuu akka danda'u akeekkachiisan.
Akkasumas sochii qubsuma Israa'el Weest Baankii dhuunfatame keessatti raawwatteef deebii kennuudhaan, ''qoqqobbii xiyyeeffannoo qabu'' akka fudhatan doorsisaniiru.
Itti aansuudhaan, ibsi biyyoota arjoomtoota 24 irraa ba'e, moodeela haaraa, Israa'eliin deeggaramuun ittiin Gaazaa keessatti gargaarsi raabsamuu balaaleffate.
Haata'u malee kun kan yeroo jalqabaa balaaleefateme hin turre.
Gaafa Kibxata darbe ammoo Biriteen marii daldalaa Israa'el waliin taasiftu addaan kutuun, roodmaappiin bara 2023tti tumsa gara fuula duraa gamaaggamaa akka jiru ibsiteetti.
Daani'eelaa Weiss, nama beekamaa dokumeentii dhiheenya kana Luwiis Teerooks hojjete, 'The Settlers' jedhamu keessatti mul'atte dabalatee, qoqqobbii marsaa haaraan qubsiistota Yihudootaa irratti kaa'ameera.
Ambaasaaddarri Israa'el Landanitti argamu, Tzipi Hotovelii gara Waajjira Dhimma Alaatti kan waamame yoo ta'u, tarkaanfiin kun akka waliigalaatti bakka bu'oota biyyoota akka Raashiyaa fi Iraan qofaaf kan kenname ture.
Israa'eliitti dhimmicha hammeessuudhaaf, hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Kaja Kaalaas miseensonni gamtichaa "harki caalaansaanii" Waliigaltee gamtichi Israa'el waliin waggoota 25'f qabaachaa ture gamaaggamuu akka deggeran dubbatan.