Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tarkaanfii haaloo bahu Iraan fudhachaa jirtuun wiirtuun industirii Qaataar ‘barbadaa’e’

Calaltuun boba’aa Qaataar Raas Lafaan wiirtuuwwan Iraan akka haleeltu akeekkachiisaa turte keessaa tokkodha. Wiirtuun kun amma dhaabbata gaazii Kibba Paarsiin jiru kana dura haleelameen booda irratti xiyyeeffatameera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Imbaasii US Iraaq jirurratti haleellaan irra deebiin raawwatame

    Mooraa imbaasii Ameerikaa Iraaqittti argamu keessatti haleellaan haaraan raawwatamuun dhaga'ameera.

    AFP fi Rooyitars akka gabaasanitti, Roobii ganama naannawaa Imbaasichaatti dhohinsi dhaga'ameera.

    Sabaa-himaaleen maddeen achi jiraniifi gaazexeessitoota AFP magaalattiitti argaman eeruun naannawaa hawaasni dippilomaatii itti baayyatutti kan argamu Imbaasii US'tti dhiyoo dhohinsa dhaga'uu gabaasaniiru.

    Erga waraanichi jalqabee kaasee imbaasiin Ameerikaa irra deddeebiin haleellaan irra gaheera.

  2. Lammiilee Iraanitti waayee waraanichaa maaltu itti himamaa jira?

    Waayeen waraana kanaa kan jalqaba gaabafame miidiyaalee biyya alaa kan lammiileen Iraan hiree hordofuu hin qabne irrattidha. Guraandhala 28, Ministitti Muummee Israa'el Benjamiin Netaaniyaahuu ''abbaan irree sun akka lubbuun hin jirre mallattooleen jiru'' jedhe.

    Yaadni kun haleellaa waloo US fi Israa'eel Iraan irratti bananiin hogganaa Olaanaa Alii Kameenii ajjeefamuu akeeke. Lammiileen Iraan miidyaa biyya keessaa hordofan ammoo callisa keessa turan.

    Miidiyaa mootummaa Iraan haala jiru akkamiin dhiyeessu?

  3. Iraan ajjeefamuu qondaala olaanaa ishee haaloo ba'uuf dhaadatte

    Hogganaan waraanaa Iraan ajjeefamuu qondaala olaanaa nageenyaa Alii Laariijaanii deebii “murteessaa” kennuun akka haaloo bahan dhaadatan.

    Hogganaan waraana Iraan, Amiir Hatamii, haleellaa qiulleensaa Israa’el raawwatteen hogganaan nageenyaa Alii Laarijaanii ajjeefamuu isaa hordofee, haaloo baafachuuf dhadatan.

    “Yeroo fi bakka barbaachisaa ta’etti, yakkamtoota Ameerikaa fi Israa'eliif adabbiin murteessaa fi gaddisiisaa ni kennama,” jechuun ibsan

    Ajjeefamuun aanga’aa Iraan kun bulchiinsa Iraan keessatti qaawwa uuma jedhamaa jira.

    Gama kaaniin waraanni US boombii humna guddaa qabu “kan humna lafa gadi fagoo uree seenu” fayyadamuun fuulawwan misaa’elaa Iraan toora Ulaa Hormuuz haleeluu ibse.

    Eegduun Warraaqsa Iraan qaama tarkaanfii haaloo ba'uuti jedheen wiirtuu Israa'elirratti haleellaa misaa'elii dhukaasaa jira.