Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Arsenaal mo'achuun qabxii 25'niin gahe, Cheelsii fi Liiverpuul yoo mo'atan Maan Yuunaayitid qixa bahe

Taphoonni torban salgaffaa Piriimer Liigii har'a gaggeeffamu. Arsenaal dursummaa isaa cimsate, Liiverpuul Astoon Viilaa mo'ate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

Zelalem T Duressa

  1. Taphoota Piriimer Liigii Sanbata Duraa waliigalaan

    Barnilee 0- 2 Arsenaal

    Nootiingiham Foorest 2-2 Maanchister Yuunaayitid

    Liiverpuul 2- Aston Viilaa

    Tootenhaam 0-1 Cheelsii

    Fuulham 3- Wolvis

    Biraayitan 3- 0 Liidsi

    Kiristaal Paalas 2- 0 Bireentiford

    Kan har'aa asuma irratti xumureerra. Waan nu hordoftaniif guddaa galatoomaa.

    Halkan gaarii!

  2. Liiverpuul taphoota afur mo'amee shanaffaatti milkaa'e

    Mohaammad Saalaa barana akka malee qeeqamaa ture kubba Emiliyaanoo Maartinez dogogoraan itti kenne lakkoofsisuun dhiibbaa garee isaarra jiru salphise.

    Giraavenberg miidhama irraa deebi'ee galchii lammaffaa lakkoofsiseera.

    Aanfiildi irratti taphoota 15 keessaa 12 Liiverpuuli injifate. Gareen Arne Isloot har'a ittisa irrattis of eeggannoon taphate.

    Aleeksaander Isaak akka Faarfame hin taane. Miidhamarra jiraatus haga taphate hundarrattiyyuu gahumsa guddaa hin agarsiifne.

    Qabxii 18tiin Arsenaal irraa qabxii torbaan duubatti hafanii argamu.

  3. Imbaappee namni dhaabu hin jiru

    Riyaal Maadirid galchii 3-0 Vaalensiyaa dursaa jira. Imbaappeen galchii lama lakkofsiseera.

    Baranuma Riyaal Maadiridiif galchii 18ffaa lakkoofsisuun isaati.

    Taphataa cimaa Laaliigaa fi Riyaal Maadirid tahuun Ji’a kana xumure.

    Galchii hedduu akka Awurooppaatti lakkoofsisuun badhaasa isaa kaleessa fudhate.

    Badhaasni Ballon D’Or bara kanaa Imbaappee kan darbu hin fakkaatu.

    Viinishiyes Juuner El Kilaasikoo irratti akkaman jijjiiramee baha jechuun amala gaarii hin taane agarsiise. Zhaavii Aloonsoo isa adaba jedhamee eegamaa ture.

    Ergasii Viinishiyes dhiifama gaafate. Imbaappeen rukuttaa peenaaliitii kenneefii jennaan ni dhabe.

    Torbeen kun isaatti hammaateera.

  4. Waa'ee Liiverpuulii fi Aston Viilaa qabxiilee kanneen beektuu?

    • Liiverpuul taphoota torba Aanfiildi irratti Astoon Viilaa morkate keessaa jaha mo'ateera.
    • Tokko ammoo qixa bahe. Isa dura garuu taphoota afur keessaa lama mo'amuun lama qixa bahanii ture.
    • Astoon Viilaan taphoota 15 Liiverpuul morkate keessaa tokko qofa mo'e. Inniyyuu 7-2'n kan dirree isaa irartti mo'atedha. Taphoota sadii ammoo qixa bahan.
    • Liiverpuul walitti aansanii taphoota shan mo'amuu irraa of oolchuuf har'a falmii jabaa gaggeessu.
    • Liiveruul taphoota shan walitti aansuun kan mo'ame Fulbaana 1953 keessa ture.
    • Arnee Isloot Bireentifoordiin erga mo'amanii har'a dirree isaanii irratti injifachuu dirqama isaanitti taha.
    • Walakkaa biliyoonaa baasuun kan taphattoota maqaa guddaa qaban mallattesise Liiverpuul inumaayyuu qormaata keessa gale.
    • Yoo har'a mo'ate garuu Arsenaal irraa qabxii torba qofaa duubatti hafa.
  5. Darbii Landan: Tootenhaam v Cheelsii, kamtu irra aana?

    Cheelsiin galchii Jaayoo Peediroo lakkoofsiseen 1-0 dirree isaan alatti dursaa jira.

    Toomas Firaank jalatti haala gaarii irra kan jiru Tootenhaam isa bara darbeerra baay'ee fooyya'aa tahus akkuma Maan Yuunaayitid walitti fufinsaan injifachuu irratti rakkoo qaba.

    Darbee Lnadan irartti Cheelsiin olaantummaa qaba.

  6. Yaamaal maaliif jaalallee isaarraa akka adda bahe ibse

    Yamaalii fi Niikii Niikol jalaala jalqabuu qofa osoo hin taane waan hundaa ariifachiisanii beeksisan.

    Akkuma surree [kofoon] osoo fiiganii hidhatan osouma fiiganii hiikkatti jedhan tahe.

    Jaalalli artistii beekamtuu Arjentiinaa fi taphataa Baarseloonaa Lamiin Yaamaal ji’a sadii caalaa hin turre. “Kana booda wlaiin hin jirru.

    Kachachala jedhamee akka odeeffamu miti. Isa waliinis wal hin qabatu.

    Callisnee adda bahuuf murteesine. Kanuma. Isheef amanamuu hin dhiisne. Nama biraa waliinis hin argamne.

    Amma boqonnaan kun cufameera. Seenessi kana boodaa gara dirree kubba miilaatti deebi’a.

    Yamaal akkuma kana dura jireenya isaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa ture kana boodas gara gahumsa kubba miilaa isaatti xiyyeeffata,’’ jechuun fuula Inistaagiraamii isaa irratti barreesera.

    Dabalataan gaazexaaleen biyya Ispeen akka gabaasanitti yoo tahe Yamaal dhiyeenya gara Xaaliyaaniitti imalee ture.

    Eessuma isaa fi hiriyyaa isaa tokko waliin xiyyaara dhuunfaan kireeffatanii gara Miilaan deemaniiru. Suuraan hiriyyaan isaa qoodes kanuma mirkaneessera.

    Yamaal achitti dubartii Xaaliyaanii miidiiyaa irratti dhiibbaa uumuun beekamtu argatee deebi’e jedhamaa jira.

    Yamaal ergasii karaa gaazexessaa Ispeen Haavii Hoyos yoo ibsu, gara Miilaanitti imaluukoon dura Niikii Niikol waliin adda baaneerra jedhe.

  7. Deklaan raayis gahumsa Arsenaalii fi icciitii harka ol qabee gammachuu ibsachuu dubbate

    Deklaan Raayis ji’a 18 keessatti al takkaa mo’amne natti fakkaata.

    Taphoonni hundinuu akka ulfaatan ni beekna. Garuu qajeeltoo keenya cimsinee hordofuu qabna. Jedhe.

    Cimina akkamii akak qabnu mul’isneerra. Boqoannaa dura galchii afur ykn shan galchuu qabna ture jedhe.

    Galchii lakkoofsisuun keenya gaariidha. Galchii lama har’aas waanuma nuuf malu. Yoo taphicha ilaaltee jiraatte walakkaa dirreetti ofirraa ittisaa turre.

    Raayis galchii lakkoofsisuun harka isaa gara samiitti ol qabee gammachuu isaa ibsate. Maaliif jedhamee yoo gaafatamu tapha Fuulhaam waliin taphanne dursee adaadaankoo boqattee ture.

    Akka lubbuukoottan ishee jaalladha. Harmeekoo waliin bakka taphannu hunda deemuun na daawwatti ture. Akka isheen jannata keessaa taphakoo daawwattu nan amana. Kanaafan harkakoo samiitti ol qabee gammachuukoo ibsadhe. Yaaddannoo isheefidha jedhe.

  8. Deeggaraan Maanchister Yuunaayitid kun osoo rifeensa isaa hin muratiin hafuu isaati

    Deeggaraan maanchister Yuunaayitid hamma kilebnikoo walitti aansee tapha shan mo’utti rifeensakoo hin muru jedhee kunoo waggaa tokko tahaa jira.

    Abdii gidduu kana milkaa’aa laata jedhu ammo Nootingiham Foorest jalaa fashalsaa jiru.

    Yuunaayitid taphoota sadii wlaitti aansee mo’atee ture. Har’a tapha arfaffaa Nootingiham Foorest waliin taasisan jalqaba galchanii dursani daqiiqaa lamaa gaditti galchii lama irratti lakkaa’amuun dursamaa turan.

    Amaad amma galchii wal qixxeesituu lakkoofsise.

    Deeggaraan Firaank Ilet kan amma Ispeen jiraatuu fi Oksifoorditti dhalate ji’a Onkoloolessaa bara darbee ture kan murtee kana fudhachuu ibse.

    Hamma kana osoo rifeensakoo hin muratiin tura jedhee hin eegne jedhe.

  9. Daqiiqaa tokko galchii lama Maan Yuunaayitid irratti lakkaa'ame

    Boqoannaa booda Maanchister Yuunaayitid daqiiqaa lama osoo hin guutiin galchiin lama irratti lakkaa'ame.

    Tapha sadii walitti aansee kan mo'ate Yuunaayitid har'a Nootingiham Foorestiif harka kennaa jira.

    Leenjisaan Foorest akkuma dhaadatan Amoorim caalaa qabxii argachaa kan jiran fakkaatu.

  10. Lamiin Yaamaalii fi jaalalleen isaa Niikii Niikol adda bahuu ibsame

    Taphataan Baarseloonaa ganna 18 guute Lamiin Yaamaal jaalallee isaa Niikii Niikol waliin adda bahuu ibse.

    Jaalala jalqabanii guyya guyyaan suuraa maxxansaa kan turan Yaamaalii fi jaalalleen isaa lammii Arjeentiinaa Niikii Niikol adda bahuu isaanii gaazexessaa ispoortii beekamaa Faabriziyoo Roomaanoo ibse.

    Yaamaal erga jaalala jalqabuu ibsame miidhamni itti hammaatee ture. Miidhamni isa irra gahaa ture ammoo jalqaba naannoo qaama saalaa dhukkubbii itti dhagahamu jedhamaa ture.

    Tapha El Kilaasiikoo irratti Yaamaal dursee akka malee dhaadachuu isaan namoonni isa irratti ka'anii fi qeeqan haalaan dabalaniiru.

    Irra caalaan isaanii ammoo Yaamaaliin ''oduu jaalatta'' kan jedhuun ibsan.

    Ergasii Niikii Niikol Yaamaal waliin yeroo baay'ee hin argamne. Tarii erga Riyaal maadiridiin mo'amanii Yaamaal akkas qeeqamee isarraa adda bahuf murteessitee? Waanti ibsame hin jiru.

    Garuu Yamaal akka Liyonel Mesii fa'aa gadi of qabee jireenya isaa icciitiin qabatee nama jiraatu miti.

    Miidiyaa hawwaasaa irratti waa'een isaa akka malee akak haasa'amu taphataa barbaadudha.

    Erga badhaasa Ballon d'Or irratti nama 22 fudhatee deemee lammaffaan xumuree itti qoosamee Yaamaal gahumsa gaarii irra hin jiru. El Kilaasiikoo booda ammoo ittuu hammaate.

    Jaalalli isaanii kun akkamiin jalqabe? Maaltu ammoo jedhamaa ture?

  11. Barri kan Arsenaal fakkaata

    Arsenaal tapha torban salgaffaan Barnilee galchii Giyookeresiifi Raayisiin 2-0 injifatan.

    Taphattoota haaraa ciccimoo saddet garee isaatti kan dabale Arteettaan bara kana filannoo hedduu qaba.

    Miidhama taphattootaa fi kanneen galchii lakkoofsisaniif yaaddoo hin qabu.

    Awurooppaa keessaa garee taphattoota ciccimoo akka Arsenaal kilebni qabu hin jiru jedhu xiinxaltoonni kubba miilaa.

    Keesumaa taphoota 13 keessaa taphoota 11 irratti galchiin osoo irratti hin lakkaa'amiin xumuruun isaanii cimina kilebichi ittisa irratti qabu agarsiisa.

    Awurooppaa keessaa bara kana rikardii kana kilebni galmeesse hin jiru. Ittisni Arsenaal Saaliibaa, Magalesh, Tiimber, Kaalafiyoorii fi kaaniin dursamu kilebicha shaampiyoonaa taasisuu mala.

    Odeegardi akkuma jedhe barri kun kan Arsenaalii?

  12. Kaazemiiroo- Gool: Maan Yuunaayitid Nootingiham Foorest dursuu jalqabe

    Maanchister Yuunaayitid galchii Kaazemiiroo lakkoofsiseen 1-0 Nootingiham Foorest dursuu jalqabe.

    Kaazemiiroon torban darbe Biraayitan irratti lakkoofsiseera.

    Tilmaamaa.

  13. Arsenaal galchii Giyookeresiin dursuu jaqlabe

    Arsenaal galchii Viktar Giyookeres lakkoofsiseen Barnilee dursuu jalqabe.

    Kubba Deklan Raayis dabarseef lakkoofsise. Fulhaam Wolvisiin dursaa jira.

    Kun leenjisaa Woolvisiif tapha dhumaa tahuu mala.

    Biraayitanis galchii Welbeekiin Liidsi Yuunaayitidiin dursaa jira.

  14. Mikeel Arteettaa eenyu, Amaloota akkamii qaba?

    Maqaan isaa guutuun Mikeel Arteettaa Amaatiri’aan jedhama. Bitootessaa 26, 1982 dhalate.

    Ga’eessi lammii Ispeen kun taphachuurraa hanga leenjisaatti kubbaa-miilaa jiruu godhateera.

    Arteettaan hojii manaajerummaa isaa keessatti taaktika kalaquufi falaasama kubbaa-miilaa hunda hammataa ta’een beekamaa dhufeera.

    Arteettaan manaajera kilaba guddaa kanarra gahuuf bu’aa ba’ii hedduu keessa darbeera.

    Yeroo Baarseloonaa keessa turetti hiriyaa isaa Peeppee Reenaa waliin baayyee walitti dhiyaatu ture.

    Arteettaa fi Reenaan ijoollummaan ture kan gara mana leenjii ykn akaadamii kubbaa-miiilaa Baarseloonaa dhufan.

    Reenaan akka jedhutti, Arteettaan eenyummaa isaa har’aa kanarra akka gahuuf kan gumaachee, leenjistoota Awurooppaa filatamoo keessaa tokko akka ta’u amala isa dandeessise kan horachuu jalqabe Akaadaamii Baarseloonaa kana keessa osoo jiruuti.

    Bilchina sammuu qabu cinaatti Arteettaan falaasama kubbaa-miilaa ammayyaa gaggeessuun kan beekamu Peep Gaardiyoolaa irraa waan hedduu qayyabateera.

    Peep Gaardiyoolaa qofa osoo hin taane manaajerri duraanii Arsenaal Arsen Veenger irraas waan hedduu barateera Mikeel Arteettaan.

    Arteettaan akkuma gara Arsenaalitti bara 2019 deebi’ee leenjisuu jalqabeen FA CUP kan mo’ate Maanchester Siitii mo’atee ture.

  15. Arteettaan tapha Barnileef garee cimaa hiriirsise

    Bara kana waancaa injifachuun dirqama kan jedhe leenjisichi tapha kana mo’achuun dursummaa isaanii itti fufuu barbaadu.

    Wiiliyaam Saaliibaan miidhama irraa deebi’eera. Eezzee, Zuubimandii fi Raayis sarara gidduu irra taphatu.

    Sarara duraa ammo Giyokeres, Tiroosaadii fi Saakaan dursu.

    Tiroosaad paawondii miliyoona 21 erga Arsenaal galee tapha 100ffaa isaa har’a taphara.

    Kalafiyooriin carraa jalqaba hiriiruu argateera.

  16. Mohammad Saalaa ilaalcha namoonni amantii Islaamaa irratti qaban akkamiin fooyyeesse?

    Saalaan jalqabuma wayita Liivarpuul seenu taphataa collee goolii hedduu galche ta'e, isa booda kilabasaa chaampiyoonaa Awurooppaa fi Ingiliiz taasisuu keessatti qooda olaanaa gumaacheera.

    Oolee bulee beekamtii daangaa hin qabnetti seene, dirree keessatti amala agarsiisuun qalbii namaa booji'e.

    Taphataa gameessi kun hojii tola ooltummaa barnoota, fayyaa fi mirga bineensota airratti hojjeteen badhaasa gonfateera.

  17. Maanchister garee Biraayitaniin mo'ate osoo hin jijjiiriin taphata

    Ruuben Amoorim garee torban darbe Biraayitan mo'ate osoo hin jijjiiriin dirree galchan.

    Tapha 4-1 xumurame irratti filannoon Amoorim gaarii akka tahe xiinxaltoonni himaa turan.

    Waan haaraan maan Yuunaayitid keessaa dhagahame Haarii Maaguwer miidhama irraa deebi'uun taa'umsa jijjiirraa irra taa'eera.

    Liisaandiroo Maartinez gara waggaa tokkoon booda miidhama jilba isaa mudate irraa bayyaannachuun shaakala jalqabeera.

    Taphoota sadii fi afur miidha carraa argachuu danda'a.

  18. Ruuben Amoorim wagga har’aa leenjisaa Maanchister Yuunaayitid tahuun ibsame

    Erik Ten Haag kan gaggeesse Yuunaayitid guyyaa akka har’aa ture leenjisaa Ispoortiingi Liisban kan ture Amoorim leenjisaa isaa gochuun kan qacarate.

    Amoorim haga hojii isaa tokko jedhee jalqabutti ammo yeroodhaaf lenjisaa kan ture Vaan Nilstruuy ture.

    Amoorim taphoota hedduu hin mo’anne. Maan Yuunaayitid sadarkaa 15ffaan xumure.

    Waancaa Awurooppaa Liigiif dhaqabee Tootenhaamiin mo’amee dhabe.

    Bara kana garuu taphattoota barbaadu mallattesise. Kuunaa, Embuumoo fi Seeskoo isaan kilebicha keessatti dhiibbaa gaarii fidu jedhamanidha.

    Biriyaan Embuumoon inumaayyuu taphataa cimaa Maan Yuunaayitid ji’a kanaa tahee filameera.

    Amoorim yeroo jalqabaaf leenjisaa cimaa ji’a kanaa tahuuf kaadhimamtoota afur keessa galeera.

    Har’a Nootingihaam kan morkatu Maan Yuunaayitid yoo mo’ate kufaatii keessaa bahaa jiraachuu isaa kan itti dhugoomsaa jiru tahuu agarsiisa.

    Leenjisaa haaraan Nootingiham Shoon Daayish bara darbe osoo Maan Yuunaayitid natti kennan qabxii Amoorim argate caalaa nan fida jedhee ture.

    Har’a lameenuu wal morkatu. Tilmaama keessan nuuf barreessaa.