Maqaan isaa guutuun Mikeel Arteettaa Amaatiri’aan jedhama. Bitootessaa 26, 1982 dhalate.
Ga’eessi lammii Ispeen kun taphachuurraa hanga leenjisaatti kubbaa-miilaa jiruu godhateera.
Arteettaan hojii manaajerummaa isaa keessatti taaktika kalaquufi falaasama kubbaa-miilaa hunda hammataa ta’een beekamaa dhufeera.
Arteettaan manaajera kilaba guddaa kanarra gahuuf bu’aa ba’ii hedduu keessa darbeera.
Yeroo Baarseloonaa keessa turetti hiriyaa isaa Peeppee Reenaa waliin baayyee walitti dhiyaatu ture.
Arteettaa fi Reenaan ijoollummaan ture kan gara mana leenjii ykn akaadamii kubbaa-miiilaa Baarseloonaa dhufan.
Reenaan akka jedhutti, Arteettaan eenyummaa isaa har’aa kanarra akka gahuuf kan gumaachee, leenjistoota Awurooppaa filatamoo keessaa tokko akka ta’u amala isa dandeessise kan horachuu jalqabe Akaadaamii Baarseloonaa kana keessa osoo jiruuti.
Bilchina sammuu qabu cinaatti Arteettaan falaasama kubbaa-miilaa ammayyaa gaggeessuun kan beekamu Peep Gaardiyoolaa irraa waan hedduu qayyabateera.
Peep Gaardiyoolaa qofa osoo hin taane manaajerri duraanii Arsenaal Arsen Veenger irraas waan hedduu barateera Mikeel Arteettaan.
Arteettaan akkuma gara Arsenaalitti bara 2019 deebi’ee leenjisuu jalqabeen FA CUP kan mo’ate Maanchester Siitii mo’atee ture.