Badhaasni Ballon D’Or bara kanaa Imbaappee kan darbu hin fakkaatu.
Viinishiyes Juuner El Kilaasikoo irratti akkaman jijjiiramee baha jechuun amala gaarii hin taane agarsiise. Zhaavii Aloonsoo isa adaba jedhamee eegamaa ture.
Toomas Firaank jalatti haala gaarii irra kan jiru Tootenhaam isa bara darbeerra baay'ee fooyya'aa tahus akkuma Maan Yuunaayitid walitti fufinsaan injifachuu irratti rakkoo qaba.
Awurooppaa keessaa bara kana rikardii kana kilebni galmeesse hin jiru. Ittisni Arsenaal Saaliibaa, Magalesh, Tiimber, Kaalafiyoorii fi kaaniin dursamu kilebicha shaampiyoonaa taasisuu mala.
Odeegardi akkuma jedhe barri kun kan Arsenaalii?
Kaazemiiroo- Gool: Maan Yuunaayitid Nootingiham Foorest dursuu jalqabe