Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Piriimer Liigii: Siitiin Tootenhaam waliin qixa, Viilaan mo'amuun Arsenaal biraa isaan hambisaa jira

Arsenaal kaleessa dirree Liids deemee 4 fi 0'n mo'atee garaagarumaa qabxiin ittii dursaa jiru gara torbaatti ol guddifateera. Aston Viilaa fi Maanchester Siitiin ammoo Dilabata taphataniiri. Siitiin Tootenhaam waliin qixa, Aston Viilaan ammoo Bireentifoordiin mo'ameera. Kun ammoo morkii waancaa Arsenaal waliin taasisanirraa duubatti isaan harkisaa jira.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. GOOOOOL: GIYOOKERESH - ARSENAAL

    Viktor Giyookeresh dheebuu goolii bahe, Arsenaal ammoo sadiin dursaa jira.

    Jijjiiramee kan gale Gabreel Maartineel kubbaan bareechee ergeef miila bareedaa Giyookeresh argatte.

    Liids 0 - 3 Arsenaal.

    Maal jettu?

  2. GOOOOL: Liids 0 - 2 Arsenaal

    Arsenaal goolii 2n Liidsiin dirree isaarratti dursaa jira.

    Karra eegaan warra Liids Kaarl Daarlow kubbaa Maduweekeen itti erge qabachuu dadhabee ofirratti galche.

    Ammas Maduweekeen gumaacha gaarii godheera.

    Tapha biraan Bornimaawoz dhumarra kan jiru Woolvisiin 1 fi 0n dursaa jira.

  3. Arsenaal dhiibbaa gochuun isaa bu'aa buuseera

    Arsenaal Liidsirratti dhiibbaa gochuu dhufee akka duubatti deebiyanii cufanii ittisa godheera.

    Ta'us irratti galuu hin oolchine.

    Dhumarratti bakka Saakaa kan bu'e Maduweekeen kubbaa bareedduu Zuubiimendiif kennee mataan bareechaa lakkoofsise.

  4. GOOOOOOL: Liids 0 - 1 Arsenaal

    Arsenaal daqiiqaa 27 ffaa irratti goolii Zubimendiin lakkoofsiseen dursa qabateera.

    Maduweekeen kubba mijeessee kenneera.

    Daawwadhaa

  5. Dekilaan Raayis tapha 300

    Dekilaan Raayis har'a Piriimer Liigii keessatti tapha 300ffaa isaa taasisaa jira.

    Taphataa umurii xiqqaan seenaa Liigichaa keessatti tapha hanga kana baayyatu taphate ta'eera.

  6. Taphoonni sadii gaggeeffamaa jiru

    Liids 0-0 Arsenaal

    Biraayitan 0-0 Everton

    Woolvis 0-0 Bornimaawoz

  7. Mikeel Arteettaa maal jedhe?

    Kaa'i Aveertis irratti: "Yeroo dheeraaf isa eegaa turre, amma garuu gaariirra waan jiru fakkaata. Morkii taphataan akka isaa nu barbaachisa jennee eegnurratti isa galchuufmurteessineerra"

    Mikeel Meriinoo irratti: "Miila isaarratti rakkoon isa mudateera. Lafeen isaa xiqqoo isa dhukkubdi. Hanga tokko qoratameera, garuu ispeeshaalistiin dabalataa akka isaa ilaalu feena. Isaan booda yeroo hangamiif akka tapharraa fagaatu ilaalla."

    Ellaand Rood irratti Liids waliin morkachuurratti: " Seenaa Priimer Liigiidha, dirree addaati. Bakkaafi miira addaa keessatti morkatamu keessaati."

  8. Saakaan dirree seenee osoo qaama ho'ifataa jiruu midhame

    Saakaan ammuma tphni jalqabuuf osoo jedhuu dirree seenee osoo qaama ho'ifataa jiruu midhame bahe.

    Bakka isaa Noonii Maaduweekee buusaniiru.

  9. Arsenaal goolii lakkoofsisuurratti....

    Ammas Arsenaal sarara fuula duraarratti rakkachaa akka jiru ragaan ni agarsiisa.

    Waggoota sadan darbanis sababiin isaan itti mo'achuu hanqatanis taphataa goolii lakkoofsisu dhabuu isaaniiti.

    Bara haaraa kana keessa (Amajji erga seenee) taphattoota sarara duraa Arsenaal (Saakaa, Maartineelii, Giyookeresh, Jeesus, Maaduweekee , Tiroosaard) goolii hin lakkoofsisne.

    Har'a maaltu eegama?

  10. Arsenaaliif Kaa'i Aveertis jalqabarraa ka'ee hiriira

    Yeroo dheeraaf miidhamarra kan ture Kaa'i Aveertis har'a jalqabarraa ka'ee Arsenaaliif hiriira. Giyookeresh akkuma kana jalqabarraa kaasee taphata.

    Saakaa fi Tiroosaard sarara duraarraa jalqaba warra hiriiranidha.

    Sarara gidduurraa amballiin kilabichaa Maartiin Odegaard eeggataa yoo ta'u, Zubimendii fi Raayis jiru.

    Ittisarratti ammoo Saliibaa Gabreel Magaalesh, Hinkaappii fi Timber jiru.

  11. Deggartoonni Arsenaal imala kilabichi gara waancaatti taasisurratti dhiibbaa uumaa jiruu?

    Arsenaal dorgommii waancaa Piriimer Liigii olaantummaan dursaa jira, garuu muddamaa fi naasuun itti hammaateera, deeggartoonnii fi jaallattoonni dhiibbaa iraan ga'aniiruu?

    Kilabni kun dorgommii Chaampiyoonsi Liigiis osoo hin mo'amin taphoota saddeet mo'achuun gara 16tti darbeera.

    Dorgommii Waancaa Karabaawoo ammoo maayii xumuraaf tapha jalqabaa Chelsii injifatee xumuraaf darbuuf tapha lammataa eegaa jira.

    Dorgommii Waancaa FA keessas jira, marsaa afraffaatti darbeera.

  12. Tilmaama Piriimer Liigii: Siitiin qabxii gataa laata? Arsenaal hoo?

    Tootenhaam Shaampiyoons Liigii Awurooppaa keessatti ga'umsa ajaa'ibaa agarsiisaa jira. Haata'u malee, haalli Piriimer Liigii keessatti itti jiru garuu leenjisaa garichaa Tomaas Firaankiif yaaddoodha.

    Torban darbe barnilee waliin walqixa yeroo bahe dirree seenee kan daawwate xiinxalaan ispoortii BBC Kiriis Saatan deeggartoonni Tootenhaam akka aaranii turan dubbata.

    Tootenhaam Dilbata dhufu Maanchester Siitii simatee keessummeessa. Dursaan Liigichaa Arsenaal ammoo gara Liidis deeme etaphata.

    Taphoota Piriimer Liigii torban 24ffaa Suutan akka itti aanu kanaan tilmaameera.

  13. Taphoota shanan Sambata har'aa kunooti

    Sambata har'aa morkii Piriimer Liigii torban 24ffaa gaggeeffamu keessaa shan kunooti.

  14. Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal gara Liids deemee taphatuufi kaan

    Amma barri dorgommii kun bakka kilaboonni ‘mo’uu qabnaan’ seetoo jedhuun morkatanirra gaheera.

    Dursaan Priimer Liigii Arsenaal har’a gara Liids deemee yoo mo’ate gara qabxii torbaan dursuutti deebiya, yoo mo’ame ammoo warra lamaffaa isa hordofaa jiran Maanchester Siitii fi Aston Viilaa waliin garaa garummaan qabu ni dhipahata.

  15. YOOYYAA!

    Akkam jirtu?

    BBC Afaan Oromoo morkii Piriimer Liigii torban 24ffaa kallattiin isiniif dhiyeessuu jalqabneerra.

    Yaada keessan nuun gahaa,nu hordofaa.

    Galatoomaa!