Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp Iraan waliin mari'achuu dubbatan, Iraan garuu marii quba hin qabu jette
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Iraan waliin mari'anne jedhanii dubbatanii turan. Ministirri Dhimma Alaa Iraan ibsa baaseen immoo marii Tiraamp Iraan waliin taasifne jedhan ''hin beeknu'' jechuun ibsa baase.
Guduunfaa
- Miidiyaan Iraan Tiraamp "sodaatee duuba deebiye" jedhe
- Iraan Tiraamp waliin waan mari'anne hin qabnu jette
- Iraan waliin haalli jiru akka gaariitti deemaa jira, ta'uu baannaan haleeluu itti fufna – Tiraamp
- Tiraamp marii 'bu'a-qabeessa' US fi Iraan taasisan hordofee wiirtuu annisaa haleeluuf ture dabarsuu hime
- Iraan waraanni karaa lafoon irratti banamnaan "guutummaa Galoo Galaanaa Faars keessa boombii dhohun awwaala" jette
- Af-yaa'iin paarlaamaa Iraan US waliin hin mari'anne jedhan eenyudha?
- USfi UKn Ulaa Hormuuz bansiisuu irratti waliin mariyanne jedhan
- Haleellaan qilleensaa itti fufe, Israa'el waraanni 'torbee baayyeef' akka itti fufu akeekachiifte
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Sudaanitti haleellaa diroonii hospitaala irratti gaggeeffameen namoonni 64 ajjeefaman
Haleellaa diroonii hospitaala irratti gaggeeffame jedhameen namoonni 64 du'uu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) beeksise. Isaan keessaa daa'imman 13 yoo ta'an, narsoonni lamaafi doktarri tokkos ajjeefamaniiru.
Kanneen du'aniin alatti namoonni 89 madaa'uu dhaabbatichi beeksiseera.
Haleellaan kun Jimaata darbe Lixa biyyattii bakka Humni Addaa (RSF) to'atee jirutti kan gaggeeffame yooo ta'u, Humni Waraanaa Sudaan garuu haleellaa diroonii hin gaggeessine jechuun waakkate.
Daarektara Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan ta'an, Dr Teediroos Adihaanom fula X gubbaatti akka barreessanitti, haleellichi Hospitaala el-Daein jedhamurratti gaggeeffame.
RSF ibsa baaseen, Humni Waraanaa Sudaan magaala guddoo bulchiinsa Baha Daarfuur kan taate el-Daeinitti kan argamu hospoitaala irratti haleellaa gaggeessuu beeksise.
Waraana bara 2023 Humna Addaafi Humna Waraanaa Sudaan gidduutti eegaleen hanga ammaa namoonni 150,000 yoo du'an, miliyeena 12 ammoo qe'eesaaniirraa baqataniiru.
Haleellaan qilleensaa itti fufe, Israa'el waraanni 'torbee baayyeef' akka itti fufu akeekachiifte
Reef waa'ee waraana Iraan hubachuuf nu mil'achaa jirtu taanaan sa'atii muraasa dura waan tahe kunooti:
- Ministara Mummee UK Kiir Istaamariifi Donaaldi Tiraamp barbaachisummaa Ulaa Hoormuuz deebisanii banuu irratti marii'atanillee, gumeen marii isaanii hin ibsamne.
- Iraan dachee ''keenya warra sarbeef malee,'' daandiin doonii banaadha jette.
- Gabaan istookoo Eeshiyaa yoo raafamu, gatiin boba'aas tasgabbiirra hin jiru.
- Gama biraan waraanni Isaraa'el lolli Iraaniifi Hezboollaa irratti geggeefamu ''torban dabalataaf'' akka itti fufu hime.
- Har'a ganama waraanni Israa'el magaalaa guddoo Iraan Teehraan irratti haleellaa 'bal'aa ' bu'uuraalee misoomaa ''shororkeessaa'' irratti banuu hime.
- Haleellaa Heezboollaa irratti raawwate jabeessuuf eeyyama argachuu himuun, waraanni lafoo jalqaba sodaa jedhu kaaseera.
- UAE'n haleellaa misaayelaa qolachaa akka jirtu himuun dabalataan, Baahireen akeekkachiisa haleellaa misaayelaa qophii gochuu himtee jirti.
Ashamaa
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.
Dhimmi Waraana Baha Giddu Galaa ammayyuu ajandaa ijoo idiladdunyaa ta'ee itti fufeera.
Odeeffannoo biyya keessaafi idiladdunyaa, kana Waraana Iraan dabalatee, duuka buunee isin biraan geenya.
Tamsaasa kallattii asii argattu!
Dhiyaadhaa!