Waraanni US haleellaa Iraanirratti gaggeesse
US kibba Iraanitti haleellaa haaraa gaggeessuu beeksifte. Haleellaa kanaanis buufataalee misaa'elaa, fi bidiruuwwan waraanaa fanjii kaa'uuf yaalaa turan irratti xiyyeeffachuus ibsite.
Ajaji Giddugaleessaa US ibsa baaseen "haleellaa of ittisuu" jechuun yaaddoo humnoonni Iraan waraana US irratti uume maqsuuf haleellaa fudhatame ta'uus beeksise.
Dubbii himaan Ajaja Giddugalaa US Kaapteen Tiim Haawkiins waraanni US "yeroo waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanatti loltoota keenya ittisuuf jecha tarkaanfii of-ittisuu ni fudhata" jedhan.
Iraan haleellaa US kana ilaalchisee homaa hin jenne. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baqayi haleellaa kana dura ibsa kennaniin, marii US fi Iraan gidduutti gaggeeffamuun jijjiiramni hammi tokko jiraatus garuu waliigalteerra gahuun "waan battalatti ta'u miti" jedhan.
Haleellaa haaraan US Iraanirratti gaggeessite kun marii gaggeeffamaa jiru irratti dhiibbaan inni fidu ifa miti.
Haleellaa kana booda ministiirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo Iraan waliin waliigalteerra gahuun akka danda'amu ibsuun, ammayyuu biyyoota lamaan gidduu ergaa wal-jijjiiruun akkuma itti fufetti akka jiru ibsan.