Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Kaamalaa Haaris yoo filamte lola Gaazaa dhaabuudhaaf dhaadatte

Doonaald Tiraamp fi Kaamalaa Haarsi filannoo guyyaan lama qofti hafeen duula na filadhaa gaggeesuu itti fufan.

Guduunfaa

  • Kibba-baha Ispeenitti lolaa uumameen yoo xiqqaate namoonni 95 du'uu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.
  • Jechi ‘garbage’ [kosii] jedhu filannoo US keessatti waca uume
  • Dubartootni waraana Sudaaniin gudeedaman of ajjeesan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

BBC Afaan Oromoo

  1. Raashiyaan Google’n maallaqa guutummaa addunyaarra jiru caaluun adabde

    Manni murtii Raashiyaa maallaqa qabeenya waliigalaa guutummaa addunyaarra jiruu ol ta’uun Google adabe.

    Hangi maallaqa manni murtii Raashiyaa Google ittiin adabe jedhe kun baayyee dhaga’amee kan beekamu miti.

    Raablii (maallaqa Raashiyaa) andessiiliyoonii lama – lakkoofsa lama zeeroo 36 itti aansuun- chaanaalonni miidiyaaleen mootummaa Raashiyaa akka YouTube irratti hin darbine dhorkuutiin adabeera manni murtii Raashiyaa.

    Dolaaraan ammoo kampaniin tekinooloojii guddichi kun $20,000,000,000,000,000,000,000,000,000,000,000 akka kaffalu itti himame.

    Kampaniiwwan sooreyyii addunyaa kana keessaa tokko ta’us, qabeenyi waliigalaa Google garuu dolaara tiriiliyoona lamaa ol ta’a jedhamee yaadama.

    Akka Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) kaa’utti qabeenyi (GDP)n addunyaa waliigalaa dolaara tiriiliyoona 110 ta’a.

    Adabbiin manni murtii Raashiyaa Google irratti dabarse kun garmalee guddaa ta’uu isaatiin dubbi-himaan Kireemiliin Dimiitirii Peskoov “lakkoofsa kana dubbisuu hin danda’u” jechuun amane.

    Kampanichi hanga ammaatti dhimma kanarratti yaada hin kennine, yookaaan ammoo yaada akka irratti kennuuf gaaffii BBCn dhiyeesseef deebii hin kennine.

  2. ‘Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa daangaa Ertiraa keessa akka hin balaliine dhorkame jedhu soba’

    Oduun har’a ‘Daandiin qilleensaa Itoophiyaa daangaa Ertiraa keessa akka hin balaliine dhorkame’ jedhu fuula miidiyaa hawaasaa tokko tokkorratti qoodame soba ta’uu Daandiin qilleensichaa beeksise.

    Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, Daandiin qilleensaa Itoophiyaa daangaa qilleensaa Ertiraa akka fayyadamu Abbaa Taayitaa Sivil Aveeshinii Ertiraa irraa hayyamni kan kennameef yoo ta’u, daangaa qilleensaa Ertiraa balallii maamiltootaatiif itti fayyadamaa jiraachuu mirkaneesseera.

    Miseensa Istaar Alliyaans kan ta’e Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa, odeeffannoon miidiyaalee hawaasaarratti ibsame dogoggora ta’uus beeksiseera.

    Xiyyaarri Itoophiyaa waggoota jaha booda Fulbaana darberraa kaasee gara Asmaraa balali'uu dhaabeeera.

  3. Dubartoonni jaallatanis jibbanis ani eegumsa isaaniif nan taasisa-Tiraamp

    Hiriira deeggersaa Wiskiinsiitti qophaa’erratti “dubartoonni jaallatanis jibbanis ani eegumsa nan isaaniif taasisa,” jedhe Tiraamp.

    “Misaa’el irraas ta’e, godaantotarraa nan isaan eega” jedhe.

    Jecha Donaald Tiraamp kanaaf fuula X irratti deebii kan kennite morkattuun isaa Kaamalaa Hariis ammoo “Doonaald Tiraamp dubartotaan jaallattanis jibbitanis qaama keessan irratti maal akka gochuu qabdan anatu isiniif murteessa jedhee yaada jedha,” jette.

    Yaada sassabamaa jiruun Donaald Tiraamp deeggarsa dhiirotaa argachaa kan jiru yoo ta’u, dubartoonnii ammoo Kaamalaa Hariis filachaa jiru.

  4. Galiin kampanii konkolaataa Chaayinaa-BYD yeroo jalqabaaf Teslaa caale

    Dhaabbanni konkolaataa elektirikii Chaayinaa BYD jedhamu galiin isaa bara kanaa yeroo jalqabaaf Tesla caaleera.

    BYD baatii Adoolessaa hanga fulbaanaa gidduutti galii Yuuwaan biiliyoona 200 ol ykn Doolaara biiliyoona 28 ol aragate.

    Dhaabbatni Tujaara Addunyaa Elan Maaski Teslaan yeroo walfakkaataa keessatti galiin isaa doolaara biiliyoona 25.2 ture.

    Kunis sababa biyyootni fayyadama konkolaataa boba'aa fayyadamu caalaa kan elektiriikaa jajabeessaniin akka ta'e eerameera. Ta'us garuu lakkoofsa konkolaattota gurguramaniin ammayyuu teslaatu caalaa

    Chaayinaan dinagdee ishee deebistee dammaqsuuf oomishaalee teeknooloojii olaanaa ta'an irratti xiyyeeffattee hojjataa jirtuun addunyaa irratti gabaa guddaa argataa jirti.

  5. Miidhamuu taphattoota isaanin kan yaadda'e Gaardiyoolaan 'rakkoo keessa jirra' jedhe, Dhuguma Maanchistar Siitiin taphattoota 13 qofa qabaa?

    Leenjisaan Maanchistar Siitiin Peep Gaardiyoolaan Maanchistar Siitiin taphattoota 13 qofa akka qabuu fi gareen isaa Roobii darbe waancaa Liigii Tootinaam waliin taphateen miidhaan dabalataa erga mudatee booda ''rakkoo keessa akka jiru" dubbateera.

    Duraan taphattoota garee tokkoffaa jaha kan hin qabne Siitiin,tapha kana irratti taphataa sarara ittisaa Maanu'eel Akaanjii dhabe.

    Daqiiqaa 63ffaa irrattis taphataa sarara fuulduraa Saaviinhoon erga jilba isaa miidhamee booda Siitiin dhiphina keessa gale.

    Gaardiyoolaan taphataa sarara ittisaa Ruuben Diyaas kan boqonnaa irratti dirreetii ba'e, yeroo tokko tokko ''rakkachaa'' akka jirus dubbate.

    ''Taphattoota 13 qofa qabna, rakkoo guddaa keessa jirra, waggoota sagal keessatti miidhaan hamma kanaa nu mudatee hin beeknu." jedheera Gaardiyoolaan.

    "Warri taphatan, irra caalaan isaanii rakkoon xumuranii akkamitti akka dandamatan ilaalla."

    Taphataan saraara ittisaa Roodriin,Oskaar Boobis,Keevin De Bruyne, Kaayil Woolkar,taphattoonni sarara fuulduraa Jeremy Dokuu fi Jack Giriilish dabalatee kanneen miidhaman Siitiin qormaataf saaxilan keessa yoo ta'an, tapha dhufurratti taphataa kamtu jalaa miidhamaan yaaddoo Gaardoolaa isa cimaa ta'eera.

  6. Israa'eliifi Libaanos guyyoota keessatti waraana dhaabunsaanii hin oolu - Ministeera Muummee Libaanos

    Waraanni Libaanositti gaggeeffamaa jiru guyyoota gidduutti akka dhaabbatu Ministeerri Muummee Libaanos Naajib Mikaatii beeksisan.

    Gaggeessan Libaanos akka jedhanitti, kaleessa Baha Giddu Galaatti ergamaa addaa US kan ta'an Amoos Hochestiin waliin erga dubbatanii booda Israa'el wajjin waliigalteen dhukaasa dhaabuu guyyoota gidduutti mallattaa'uu akka malu akeekan jechuun Rooyitars gabaase.

    Waraana Israa'elifi Hezbollaa gidduutti gaggeeffamu dhaabsisuuf sanadi USn qophaa'e jiraachuu ragaa argadheera jechuun miiidiyaan KAN gabaasee ture.

    Rooyitars akka gabaasetti dhukaasa dhaabun marsaa jalqabaa guyyoota 60 kna turu yoo ta'u loltoonni Israa'el kibba Libaanos keessaa ni bahu.

    "Sa'aatiwwan muraasa dhufan ykn guyyoota muraasa keessatti dhukaasi ni dhaabata jennee abdanna, waan dandeenye hundas ni goona, jechuun miidiyaa Al Jadeed TVtti dubbatan Naajib Mikaatii.

    Miidiyaan Israa'el ammoo wixineen waraana dhaabuu kun qondaalota Israa'elifi dhiyaachuu beeksisee ture.

  7. 'Eenyuyyuu ol nagaa barbaanna; Kilaashii baachuun miidhaa hagamii akka qabu nuuf gala'

    Ministirri Muummee Abiy Paarlaamaatti dhiyaatanii gaaffii dhiyaateef deebii kennaa jiru.

    Mootummaan humnootii hidhatanii socho’an waliin mari’achuuf fedhii qabaachuu Ministirri Mummee Abiy Ahimad himan. Gaafilee dhimma nageenyaan walqabatee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyeeteef yemmuu deebisan, “Waraana hinbarbaannu” jechuun dubbatan.

    Humna fayyadamuurraa karaa nagaa fayyadamuun caalmaatti faayidaa qabeessa ta’u kan himan Ministirri Mummee Abiy, “namoonni karaa nagaa hinfilanne jiru” jedhan.

    “Eenyuyyuu ol nagaa barbaanna. Kilaashii baachuun miidhaa hagamii akka qabu nuuf gala” jechuunis mootummaan isaanii nagaaf kutannoo qabaachuu dubbatan.

    Nagaan yoo hin mirkanaa’in guddina fiduun akka ulfaatu kan himan MM Abiy, mootummaan yeroo garagaraatti waamicha nagaa taasisuu dubbatan.

    Humnootii naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti hidhatanii socho’an waliin haasaa qabaachuu eeruunis, namoonni qaamolee mootummaa waliin haasaa godhan irratti dhiibbaa godhan akka jiran dubbatan.

    Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa hidhaarra jiran ilaalchisee gaafii gaafatamniif mootummaan jumlaan osoo hintaanee gochaa raawwatan irratti hundaa’uun namoota hidhuu dubbatan.

  8. Sudaanitti dubartoonni loltoota Humna Addaan gudeedaman heddu of ajjeesan

    Akeekkachiisa: Qabiyyeen oduu kanaa isin jeequu mala.

    Sudaan bulchiinsa Geziiraa keessatti dubartoonni loltoota Humna Addaa (RSF)tiin gudeedaman heddu of ajjeesuu dhaabbileen mirga namoomafi aktivistoonni ibsan.

    Oduun kun kan dhagahame gabaasni UN, "Hidhattoonni Humna Addaa (RSF) ajjeechaa jumlaa dabalatee yakkoota garaa garaa rawwatu" jedhu torbee darbe erga bahee booda.

    Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu tokko dubartoota jaha sababa humnoonni RSF irra deddeebin isaan gudeedaniif lubbuusaanii baasuf yaadaa akka jiran dubartootasanarraa odeeffachuu BBCtti hime.

    Lolli humnoota RSF fi Humna Waraana Sudaan gidduutti gaggeeffamaa jiru lubbuu lammiilee heddu galaafacuu bira darbee yakkoonni garaa garaas akka raawwatamaniif balbala baneera.

    Humnoonni RSF bulchiinsa Geziiraa keessatti bifa haaran saamicha, namoota nagaa ajjeesufi gudeeddii kan eegalan dhiyenya kana qondaalli waraanaa RSF naannicha to'ataa ture ganee mootummaatti dabalamuu hordofeeti jedhama.

    Qondaalli waraanaa olaanan RSF mootummaa biyyattiitti dabalame Abu Kaaykaa Aqlaa jedhama.

    "RSF naannoo Abu Kaykaan to'ataa ture irratti haaloo bahuu eegale. Namoota isaanin mormaan saamaa, ajjeessafi dubartoootafi shamarran xixiqqoo gudeedaa turan," jechuun BBCtti himte hoggantuu dhaabbata Strategic Initiative for Women in the Horn of Africa (Siha) kan taate Hala al-Kariib.

    Bulchiinsa Geziraa keessatti torbee darbe qofaa dubartoonni sadi sababa gudeedamaniif of ajjeesuu dubbatti.

    Isaan keessaa tokko loltoota RSFtiin abbaafi obboleessa ishee fuulduratti gudeedamuu himti.

    Gama biraan reeffi namoota hidhattoota RSFtiin ajjeefaman jedhamanii heddu pilaastikaan maramee miidiyaa hawaasaa gubbaas heddu qoodamaa ture.

    Buchiinsa Geziiraa keessatti activistii kan taatefi nageenyasheef jecha maqaan akka hin himamne gaafachuun BBCtti dubbatte, dubartoonni humnoota RSF erga gudeedamanii booda of-ajjeesan akka jiran dubbatti.

    Ergaa karaa WhatsApp qoodamaa tureen, dubartiin tokko obboleettinshee loltoota RSFtiin erga gudeedamtee booda of ajjeesuusheefi humnoonni RSF obbolootashee shaniifi firootashee biroo jalaa ajjeesus qoodaa turuushee argeera jechuun BBCtti himte.

    Gabaasni UN dhiyeenya baase akka ibsutti, hidhattoonni RSF ijoollee waggaa 8 hanga manguddoo ganna 75 jiran irratti haleellaa raawwachuu ifa godheera.

    Dubbi himaa RSF kan ta'an Niizar Saayed garuu gabaasni UN dhugaarraa kan fagaate ta'uu BBCtti himan.

  9. Lolaa Ispeenitti uumameen yoo xiqqaate namoonni 72 du'an

    Kibba-baha Ispeenitti lolaa uumameen yoo xiqqaate namoonni 72 du'uu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

    Mootiin Ispeen Filiip VI lolaa uumame kanaan "bu'uuraaleen misoomaa gudddaan manca'uu" akka danda'u himuun, bakkawwan lolaan kun irra galagala tokko tokko qaqqabuufillee rakkisaa ta'uu mala jechuun akeekkachiisaniiru.

    Viidiyoon miidiyaalee hawaasaarratti qoodaman akka agarsiisanitti lolaan jabaan bakka tokko tokko liqimsaa yoo jiru agarsiisu.

    Balaa lolaa kana hordofee biyyattiin guyyaa gaddaa sadii Kamisaa hanga Sambataatti turu labsiteetti.

    Viidyoo yeroo namoonni lubbuu baraaran namoota kutaa Ispeen lolaan irra galagale keessaa baasaa jiran daawwadhaa.

  10. Jechi ‘garbage’ [kosii] jedhu filannoo US keessatti waca uume

    Amma jechi ‘Garbage’ jedhu US keessatti duula filannoo US keessatti miyeessituu taateetti.

    Jechi ‘Garbage’ jedhu kun hiikni isaa ‘Kosii’ jechuudha.

    Jechi kun maaliif duula filannoo Ameerikaa amma ho’aa jiru keessatti waca uume?

    Dilbata darbe komediyaaniin deeggaraa Tiraamp ta’e Toonii Hinchikiliif Poortoo Rikoo “odola kosii bololi’u” [floating island of garbage"] jechuun waltajjjii hiriira deeggarsaa Niiw Yoork Maadisan Iskuweer Gaardenitti qophaa’erratti duubbate.

    Gareen Tiraamp qoosaa kana “ilaalcha Pirezidant Tiraamp ykn duula filannoo isaa kan calaqqisiisu miti” jedhe.

    Komeediyaaniin kun garuu jecha dubbate kana omaa rakkoo hin qabu jechuun yaadni qeeqxotaa “miira kan hin qabnedha” jedhe.

    Rippabilikaanonni baayyeen-warra hawaasa Laatiinoo olla jiran dabalatee- yaada kana mormaniiru.

    Gaggeessitoonni Portoo Riikoo ammoo Tiraamp addatti dhiifama akka gaafatuuf waamicha godhaniiru.

    Duulli filannoo Kamaalaa Hariis ammoo lammilee Ameerikaa hiddi isanaii laatiinoo ta’an hawwachuuf yaada kanatti fayydamaeera.

    Namoonni bebbeekamoon Pootoo Riikoo ta’an – raapparii beekamaa Baad Banii, weellee Riikii Maartiin fi taatoofi weellistuu beekamtuu Jeniifer Looppez dabalatee- Tiraamp qeequun deeggarsa Kaamalaa Hariisiif qaban ibsaniiru.

    Kibxata darbe ammoo Tiraamp ifatti yeroo jalqabaatiif dhimma jecha ‘Kosii’ jedhame kanaaf deebii kennaniiru.

    “Namni ta’e waan badaa ta’e jedhe! garuu namni kana jedhe kun waan badaadha jedhee hin yaadne waan ta’eef “kun waan guddaa miti” jechuun dhiifama hin gaafanne” jechuun deebise Tiraamp.

    Pirezidant Joo Baayidan ammoo karaa Zoom filattoota Laatiinoo ta’anitti dubbataa turan. Dubbii isaanii kanaan, “kosiin bololi’u tokkichi yoo jiraate deeggartoota isaati” jedhan.

    Pirezidant Baayiden kana jechuun deebiyee warra Rippablikaaotaa waccisiiseera.

    Baayidan fi Waayis Hawus garuu deeggartoota Tiraamp hunda walitti qabnee miti, addatti komeediyaanichaafi yaada isaa jenne malee jechuun ibsan.

  11. Bareedduun Ruwaandaa (Miss Rwanda) dhugdee konkolaataa ooftee to’atamte

    Bareedduun Ruwaandaa dorgommii miidhaginaa biyyaalessaa mo’achuun ‘Giiftii Miidhagduu’ jedhamte irra deddeebiin alkoolii dhugdee konklaataa oofte jedhamuun to’atamte.

    Kana malees, ‘Giiftiin Miidhaginaa’ Ruwaandaa kun bu’uuraalee misomaarras miidhaa geessisteetti jechuun ibseera poolisiin.

    Poolisiin ibsa baaseen shamarreen maqaan ishee Diviin Muhetoo jedhamtu kun osoo hayyama konkolachisummaallee hin qabaatiin konkolaataa ooftee qabeenyarraan miidha ageessifteetti jedhe.

    Shamarreen kun himannaa isheerratti dhiyaateef deebii ifatti hin kennine.

  12. Hundeessaan TikTok Chaayinaatti abbaa qabeenyaa tokkoffaa ta’e

    Guutummaa addunyaarratti beekamtiin isaa dabalaa kan dhufe TikTok warra hundeessan keessaa tokko kan ta’e Zhaang Yiimiing Chaayinaatti sooressa tokkoffaa ta’e

    Tarree sooressoota addunyaa dhaabbanni qorannoo Huruun jedhamu baase keessaa tokko ta’uu kan danda’e Yiimiing, qabeenyi isaa Dolaara Biliyoona 49.3 ta’uun isaa ibsameera. Kun ammoo baruma baraanaa keessa dhibbentaa 43'n dabaleeti.

    Gaheessa umuriin wagga 42 kan ta’e,Yiimiing dhaabbata Baayitdaansi jedhamu jalatti kan bulu TikTok hanga bara 2021tti bulchaa turee waggoota sadii dura gaggessummaarraa gadhiisus, dhaabbaticha keessaa gahee dhibbentaa 20 qaba.

    TikTok hariiroo mootummaa Chaayinaa waliin qabuun biyyoota tokko tokko keessatti ija shakkiin ilaalamus, guutummaa addunyaarratti miidiyaa hawaasaa baayyee jaallatamudha.

    Kampaniin abbaa qabeenyaa TikTok mootummaa Chaayinaa waliin hariiroo tokkollee akka hin qabne irra deddeebiin kan ibse yoo ta’u, mootummaan Ameerikaa garuu Baayitdaansi TikTok kan hin gurgurre yoo ta’e Amajji dhufu keessa tajaajila kennuu akka dhorku akeekkachiiseera.

    TikTok Ameerikaatiin dhiibbaan guddaan irra gahaa jiraatus, bu’aa inni guutummaa addunyaarraa argatu bara darbe dhibbentaa 60'n dabaleera. Kun ammoo qabeenyi dhuunfaa Zhaang Yiiming akka dabalu taasiseera.

  13. Iraan omishni misaa'elaashee haleellaa Israa'eliin akka hin miidhamne ibsite

    Haleellaa qilleensaa Israa’eel Onkoloolessa 26, 2012 Iraan irratti raawwatte hordofuun omishni misaa’elaashee akka addaan hin cinne Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Aziiz Naasirzadeh miidiyaletti himaniiru.

    Wixata darbe Ministirri Ittisaa Israa’el Yohav Galaant haleellaa misaa’elaa Iraan Onkoloolessa 1 Israa’el irratti raawwatteef deebii kennuudhaan haleellaa xiyyaaraa raawwatameen dandeettii omishaa Iraan miidhuu isaaniitiin humna qilleensaa Israa’el baga gammaddan jedhanii ture.

    "Dhiyeessii isaanii irratti amma dhiibban ga'eera, amma dandeettiin haleellaafi ittisa isaanii lamaan isaaniiyyuu laamsha'eera," jedha Gaalaant.

    Haleellaan qilleensaa Israa'el gamoo Iraan boba'aa jabaa misaa'ela balistikii walitti makuuf itti fayyadamtu kan rukute yoo ta'u, kunis ''dandeettii Iraan misaa'ela baay'inaan omishuuf qabdu haalaan gufachiisuu mala'' jechuun xiinxaltoonni kan himan.

    Ministirri ittisaa Iraan kun akka jedhanitti, “Diinni sirna ittisaafi haleellaa keenya miidhuuf yaaleera garuu nuti dursinee qophii waan gooneef baay’ee hin milkoofne” jedhan.

  14. Filannoo US ilaalchisee har’a maaltu jedhame?

    Filannoon Ameerikaa gaggeeffamuuf guyyota ja’a qofatu hafe. Kaadhimamtoonni lamaan duula filannoof bakka garagaraati imalaa jiru:

    Kaamaalaa Hariis isteetiiwwan morkiin keessatti cimu jedhaman (swing state) jedhaman deemuun akka filattoonni guyyaa filannoo dursanii sagalee kennan jajjabeessuuf jiru. Haaluma kanaan kara istetiiwwan Nooz Kaarlaayinaa, Pensilveeniyaa fi Wiskoonsiinitti imaluuf jirti.

    Doonaald Tiraamp akkuma kana gara Noorz Kaarolaayinaa deemuun filattoota daddammaqfachuuf jedha. Itti aansuun ammoo gara winkoonsiinitti qajeela.

    Abbaan warraa Kamaalaa Dogilaas Emhoof ammoo gara Laas Veegaas deemuun hiriira deeggarsaa barattoota Yunivarsiitii Vavaadaatti makamu.

    Itti-aanaa pirezudaantummaaf namni Tiraamp kaadimmate Senaatar JD Vaans ammoo Pensilveeniyaa keessatti marii galma keessatti qophaa’urratti argama jedhamee eegama.

  15. Filannoon US waraana Yukireen, Gaazaa fi kutaa addunyaa biroo keessa jiraniif maal hima?

    Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden Guraandhala bara 2023 daawwannaa tasaa Kiiv keessatti taasisuun gita isaanii Yukireen Volodymyr Zelenskii waliin wal arguun wayita tumsa isaanii agarsiisafi turanitti, saayireniin qilleensaa ykn meeshan of eggannoo balaan duraa iyyaa ture.

    “Waan tokko... kan yeroo kamiyyuu caalaa cimaa ta'e wayiitu natti dhaga’ame,” jechuun boodarra Pirezdaantichi yaadateera. “Ameerikaan addunyaaf Abdiidha.”

    Filannoo pirezidaantii torban dhufu gaggeeffamu irratti lammiileen Ameerikaa erga sagalee isaanii kennanii booda, amma eenyu akka abdii addunyaati ofiin jedhu kana ilaaluuf eegaa jirti.

    Kamaalaa Harris kan "yeroo tasgabbii hin qabne kana keessatti Ameerikaan duubatti deebi'uu akka hin dandeenye ifaadha" jettee amanuun faana Baayiden hordoftu? Moo Doonaald Tiraampi “Giloobaalizimii utuu hin taane Ameerikaanizimii” jedhanii abdatantu daandicha qabata ?

  16. Duulli Raashiyaa sababa jabaateef Yukireen loltoota 100,000 ol waraanatti dabaluuf

    Raashiyaan gara Baha Yuukireenitti mo’icha argachaa dhufnaan Yuukireen loltoota dabalataa 160,000 humna waraanaasheetti dabaluuf hojjechaa jiraachuu himte.

    Waraanni Raashiyaa karaa Baha naannoo Dooneski jabaachuun magaala albuudaan beekamtu Seeliidoov qabachuu kaleessa himan.

    Kun kan dhagahame erga loltoonni Kooriyaa Kaabaa hedduun Raashiyaatti bobbaafamuun gabaafameeti. Humni waraanaa Yuukireen booda kana dhiibbaa waraana Raashiyaa jala galeera.

    Waraanni Raashiyaa baay’inaa fi meeshaadhaan caalmaa fudhataa jira. Kanaaf Yuukireen waraana dabalataa 160,000 tahan waraansheetti dabaluuf akka hojjettu beeksifte. Kunis aduu ji’a sadii keessatti akka xumuramu barreessaan Mana Maree Nageenyaa Yuukireen ibsuu AFP gabaase.

    Peentaagon akka ibsetti loltoonni Kooriyaa Kaabaa 10,000 tahan leenjiif Baha Raashiyaa keessatti bobbaafamaniiru

  17. Somaaliyaan qondaala Itoophiyaa biyyashee jiru sa'aatii 72 keessatti akka bahu ajajje

    Ministeerri Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Somaaliyaa ibsa baaseen qondaalli Itoophiyaa saatii 72 keessatti biyya ishee keessa akka ba'u akeekkachifte.

    Ibsi ministeerichaa,"Somaliyaan dantaa biyyaalessaashee eeguufi ulaagaalee dippilomaasii idil-addunyaa kabachiisuuf kutannoo qabdi" jedheera.

    Haata'uu malee, Imbaasii Itiyoophiyaa Somaaliyaatti gorsaa 2ffaa ta’uun tajaajilaa kan jiran Alii Mohaammad Adaan "hojiiwwan gahee dippilomaasii isaanii waliin wal hin simnerratti bobba’aniiru jedha ibsi fuula Feesbuukii mnistira dhimma alaa biyyattiirratti bahe kun.

    Qondaalli Itoophiyaa kun, waliigaltee hariiroo Dippilomaasiitinis ta'ee, seera biyya keessummeessituun dhimma keessoo biyyattii keessatti hirmaachuu irraa akka of qusatan ajajan cabsanii akka argamantu eerame

    Kanaafis sa'aatii 72 keessatti Somaliyaa keessaa ba'uun dirqama jedha ibsichi.

    Itoophiyaan waa'ee qondaallishee Somaaliyaa keessaa akka bahu ajajamuurratti hanga ammaa waan jette hin qabdu.

  18. Namoonni miidhaa saalaan yakka raawwatan barsiisaa ta'anii akka hin qacaramneef wixineen seeraa dhiyaate

  19. Itoophiyaan lammiileeshee Libaanusitti danqaman baasuuf nan danqame jette

    Itoophiyaan sababa waraana Israa'elii fi Hezbollaan lammiilee ishee Libaanus jiran baasuuf rakkachuu himte.

    Addis Standard Ministeera Dhimma Alaa wabeeffachuun akka gabaasetti, lammiileen Itoophiyaa Libaanus keessa jiraatan gara 5,000 biyyatti galuuf galmaa'anis sababa balaliin jeeqameef baasuu hin dandeenye.

    Sochiin biyyattii keessa godhamu daanga'uun haalicha wal-xaxaa fi harkifataa taasisuu himame.

    Dubbii Himaan Min. Dhimma Alaa Ambaasadar Nabiyaat Getaachoo, hedduun isaanii ''ragaalee imalaaf gargaaran sirrii dhabuu'' rakkoo biraa akka tahe himaniiru.

    Lammiileen Itoophiyaa gara 150,000 tahan Libaanus keessa jiraachaa akka jiranis himaniiru.

  20. Iraan bajata waraanaa %200 dabaluufi

    Iraan bajata humna waraanaashe dhibbeentaa 200n dabaluuf akka jirtu beeksiste.

    Dubbi himaa mootummaa Iraan kan ta'an Faateemaa Mohaajeraanii humna waraanaf bajanni dhibbeentaa 200n akka dabalamu raggaasisuuf wixineen paarlaamaa biyyattii ergamuu ibsan jechuu Rooyitars gabaase.

    Iraan bajata guddaa kana ramaduuf kan karoorsite, Isra'el wajjin kallattiin walitti dhukaasuu hordofeeti.

    Iraanifi Israa'el ji'ootaf wal-dorsisaa takka ammoo misaa'elaan wal-haleelaa turan. Haleellaa misaa'elaa Iraan gaafa Onkoloolessa 1 Israa'elirratti raawwatteef Israa'el dheengadda gaafa Sambataa xayyaarota waranaashee bobbaasun Iraanirratti haleellaa gaggeessitee turte.

    Haleellaa Israa'el kana booda, Iraanimmoo deebii akka kennitu dhaadateetti.