Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Iraan loltoonni lafoo US dhufnaan 'bokkaa abiddaa itti roobsuuf eeggachaa jirra jette

Dubbi-himaan paarlaamaa Iraan Mohaammad Baagher Galibaaf humnoonni biyyasaa "loltoonni Ameerikaa lafoon yoo biyyattii seenan bokkaa abiddaa itti roobnsuuf eeggachaa jirra," jedhe.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Abu Daabiitti misaayelli qolatamuu booda namootni shan miidhaman

    Magaalaa guddoo Yunaayitiid Arab Emireets kan taate Abuu Daabiitti haleellaan misaayelaa Iraan raawwatte qolatamuu booda namoota shanirra miidhaan gahe.

    Namootni miidhaman shanan lammiilee Indiyaa zoonii dinagdee Kaalifa (KIZAD) jedhamutti yoo ta'u, caccabaa misaayelichaan miidhaman jechuu gabaasni Abuu Daabii Miidiyaa Ofis himeera.

  2. Erga waraanni eegalee yeroo duraaf Yamanirraa misaayelli itti dhukaafamuu Israa'el beeksifte

    Humni ittisaa Israa'el erga waraanni eegalee yeroo duraaf misaayelli Yaman irraa itti dhukaafamauu beeksise.

    ''Humni Ittisaa Israa'el (IDF) Yamanirraa misaayela gara daangaa Israa'elittti dhukaafamuu adda baasneerra, sirni ittisa qilleensaa haleellaa kana qolachuuf hojjechaa jira'' jedhe waajirichi ibsa Telegram gubbaa baaseen.

    Ibsa kana daqiiqaa 15 boodammoo iddoowwan dahannoo keessaa bahee socho'uuf yaaddoon akka hin jirre beeksise.

    Dubbii himaan hidhattoota Yaman keessa jiraniifi Iraaniin deeggaraman, Huutii Iraan haleeluun yoo itti fufe waraana Baha Gidduugalaatti akka makamu beeksisee ture.

    Dubbii himaan waraana Huutii Yaahiyaa Saaree ammoo ibsa Telegiraam gubbaa baaseen sababoota gurguddoo armaan gadiif qubni keenya qaataa harkisee kallattiin waraana keessa galuu dandeenya jedhe;

    • Biyyi biraan US fi Israa'elitti dabalamee Iraan yoo waraane
    • Galaanni diimaa Ameerikaa fi Israa'el Rippaablika Islaamaa Iraan fi biyya Musliimaa kamuumiidhuuf faayidaarra yoo oole
    • Iraanirratti haleellaan raawwatamu yoo itti fufe

    Ibsi Huutii kun Ameerikaa fi Israa'el weerara Rippaablika Islaamaa Iraan, Filisxeemifi Gaazaa, Iraaq fi Libaanos keessatti raawwataniif deebii ta'a jedha.

  3. Haaldureewwan Iraan lafa keesse maali?

    Karoora nagaa abbaa qabxii 15 Pirezidant Tiraamp waraana dhaabuuf qopheessan Iraan diduu miidiyaan mootummaa Iraaniin Piress TV 'n gabaaseera.

    Qondaala ''siyaasa-nageenya olaanaa'' hin beekamnee waabeffachuun akka gabaasetti, Iraan beenyaa waraanaa dabalatee haal-dureewwan shan waraana kana dhaabuuf filatte ibsiteetti.

    Haaldureewwn Iraan kun kaayyoo nagaa abbaa qabxii 15 Tiraamp qopheessaniifi aangawoonni US erga mirkaneessanii miidiyaan Israa'el Channel 12 gabaase waliin wal hin fakkaatan ykn wal faallessu.

  4. Iraan buufata waraanaa US Saawd Arabiyaa jiru haleelte

    Akka miidiyaaleen US gabaasanitti haleellaa Iraan buufata waraanaa Ameerikaa Saawdi Arabiyaa Priinsi Sulxaanitti raawwatteen loltootni 12 miidhamaniiru.

    Michuun BBC, CBS akka gabaasetti haleellaa kanaan jalqaba kan miidhaman loltoota 10 turan booda 12 ta'an.

    Warreen miidhaman keessaa yoo xiqqaate lamaan isaaniirra miidhaa guddaan qaqqabeera.

    Loltootni kun wayita haleellaan Iraan kun raawwatu gamoo rukutame keessa turan.

    Iraan buufata waraanaa US kan misaayela tokkoofi dirooniiwwan baayyeen rukutte jedhameera. Odeeffannoo kana maddeen maqaansaanii hin dhahamnetu Niwwyoork Times fi Wall Street Journal hime.

    Pentagoon fi gidduugalli ajaja waraanaa US waayee haleellaa kanaa ammatti ibsa hin kennine.

    Odeeffannoo kana waliin walqabatan:

  5. Tamsaasa kallattii

    Ashamaa! tamsaasni kallattii Bitootessa 28/2026 eegaleera.

    Odeessalee haaraa Baha Giddugaleessaafi guutuu addunyaa isin biraan geenya.