Roonaaldoon Waancaa Addunyaa bara 2026 kan dhumaa isaa akka ta'u mirkaneesse

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan sarara fuulduraa Poorchugaal Kiristiyaanoo Ronaaldoo Waancaa Addunyaa bara 2026 dhumaa isaa akka ta'u mirkaneesse.
Kilabii fi biyyaaf goolii 953 kan lakkoofsise taphataan ganna 40 kun ''waggaa tokko ykn lama booda'' kubbaa miilaarraa soorama akka bahus dubbateera.
Waancaa Addunyaa bara dhufu Kaanaadaa, Meksikoo fi Ameerikaatti gaggeeffamu Ronaaldoof 6ffaa ta'a.
Gaaffiifi deebii CNN waliin taasiseen Roonaaldoon bara 2026 Waancaa Addunyaa irratti hirmaatu isa dhumaa ta'a jedhamee gaafatamee akkas jedhe: "Dhugaadha, eeyyee. Umuriin koo waggaa 41 ta'a, [kun] yeroon dorgommii guddaa kana keessatti ta'a jedheen yaada."
Kilabiisaa Sa'ud Arabiyaatti Al-Nassr waliin kan taphataa jiru Roonaaldoon, biyyasaaf sadarkaa idil-addunyaatti goolii 143 galchuun taphataa adda duree yoo ta’u, waliigala goolii lakkoofsise 1,000 guutuuf kaayyeeffatee hojjechaa jira.















