Ajjeechaa dhukaasa jumlaan gaggeeffamee daa’imman lama, kan
umuriin isaanii wagga saddetiifi 10 ta’anirratti raawwatame kana kantiibaan
magaalaa Miniyaapoolisi, poolisii fi hospitaalli ibsan kennaniiru.
Hogganaan poolisii Biriyaan O'Haaraa "gocha itti
yaadanii jeequmsa daa'immanii fi waaqeffattoota irratti raawwatame"
jechuun ibsaniiru.
Dhukaasa jumlaa kanaan daa'imman xixiqqoo lama kan umuriin
isaanii waggaa saddeetii fi 10 ta'an ajjeefamaniiru.
Namoonni 17 gara biraa irra miidhaan qaamaa kan gahe yoo
ta'u, isaan keessaa 14 daa'imman. Doktarri daa'imman torba haala yaaddessaa
keessa akka jiran kan dubbatan yoo ta'u, kanaan dura poolisiin lama ta'u ibsee
ture.
Angawoonni namni haleellaa kana raawwate nama ganna 23 fi
Robiin Weestmaan jedhamuufi kan magaalaa naannoo Miniyaapoolis irraa kan dhufe
yoo ta'u, poolisiin akka jedhetti miidhaa qawwee ofiidhuma isaatiin ofirratti
raawwateen du'eera.
Namni kunis kan seenaa yakkaa akkasii hin qabu ture yoo
ta'u, kophaadhuma isaa yakka kana raawachuutu himame.
Namni haleellaa raawwate kunis meeshaa waraanaa sadii,
qawwee gosa lamaafi shuquxii fayyadameera jedhamee amanama. Arrii boombiin
konkolaataa kan nama yakka kana raawwateeraa akka ta'e poolisiin amane keessaa
argameera.
Poolisiin ammallee maaltu akka gochaa kanaaf isa kakaasee
qorataa jira.
Poolisiin akka jedhetti, namni qawwee hidhachuun shakkame
kun bataskaanaan ala irraa itti dhiyaatee rasaasa hedduu karaa foddaa keessaan
dhukaasuun daa'imman torban jalqabaa mana barumsaa irratti kadhannaa taasisaa
turan rukute.