Poolisiin Keeniyaa mormitoota waldaa dhiheenya kana Pirezidaanti Wiliyaam Ruutoon deeggarsa guddaa kennameef dhuunfachuuf yaalaa turan bittimsuuf gaazii imimmaaneessaa itti dhukaasan.
Kennaan shilingii miliyoona 20 ($155,000; £120,000) Waldaa Ministirii Mo'ataa Yesuus (Jesus Winner Ministry) kan naannoo magaalaa Roysambu Naayiroobiiti argamuuf kenname dargaggoota biyyattii kanneen qaala'iinsa jireenyaatiin rakkataa jiraniin haalaan qeeqame.
Ruutoon kennaa taasisee falmuudhaan waldaa Eldoretiitti argamu tokkoofis kennaa walfakkaatu dhiyeessee jira.
Bara darbe, dureewwan Kaatolikii fi Angilikaan Keeniyaa lamaan isaaniiyyuu waldaan kaayyoo siyaasaaf akka itti hin fayyadamne eeguun barbaachisaadha jechuun falmuudhaan arjooma kana didaniiru.
Tibba walitti bu'insichaattis namoonni hedduun to'annoo jala kan oolfaman yoo ta'u, mormitoonnis waldaa cabsanii seenuudhaan ibidda itti qabsiisuu yaaluudhaan daandiiwwan dhiheenyatti argamu ammoo dhakaan cufanii ture.
Haata'u malee tajaajilli waldichaa eegumsa cimaa jalatti gaggeeffamuu miidiyaan biyya keessaa gabaasan.
Lubni Edwaard Mwaayi namoonni maqaansaanii hin ibsamne tajaajila waldaa jeequuf "kanneen jeequumsa uuman" kakaasan jechuusaanii marsariitiin ''Star'' gabaaseera.
Hordoofaa amantaa Kiristaana wangeelaa kan ta'e Ruutoon kennaa taasiseef faluudhaan, manca'iinsa naamusa biyyattii furuuf yaalii godhamedha jedhe.
"Keeniyaan namoota waldaa waliin wal qunnamuu akka hin dandeenye nutti himaa jiran akka qaana'aniif Waaqayyoon beekuu qabdi," jechuun marsariitiin Neeshiin waldaa biraa, Eldoreetiitti argamutti akka dubbate wabeeffate.
Lammiileen Keeniyaa erga Ruutoon bara 2022 filatamanii as daballii gibiraa walduraa duubaan taasifameen aaraa jiru.
Liqaa guddaa mootummaa duraanii irraa dhaale kaffaluuf akka isa barbaachise kan dubbatu yoo ta'u, lammiileen Keeniyaa hedduun garuu jalqaba qisaasama ummataa fi malaammaltummaa furuu qaba jechuun falmu.
Bara darbe, dambalii mormiin guutuu biyyattiitti umamee ture, Ruutoon Labsii Faayinaansii dhiyeessee ture kan daballii gibiraa walduraa duubaan of keessaa qabu akka dhaabuu dirqisiiseera.