Israa'el reeffa Hamaas kan namoota butamanii Gaazaa keessa turaniiti jette fudhatte
Israa’el karaa Fannoo Diimaatiin saanduuqa Hamaas reeffa nama butamee Gaazaa keessa tursiifameeti jedhe biraa fudhate.
Humni Ittisaa Israa’el (IDF) akka jedhetti, loltoonni isaa saanduuqa reeffa qabate kana Gaazaarraa gara qorannoo foorensikii eenyummaa reeffichaa adda itti baasan Israa’elitti deebisaniiru.
Reeffi kun kan namoota Gaazaatti butamanii kessaa ta’uu mirkanoofnaan, Hamaas reeffa Israa’elootaafi namoota biyya biraa waliigaltee dhukaasa dhaabuu dura qabatee ture 28 keessaa 16 deebisa jechuudha.
Reeffi amma kenname kun erga mootummaan Israa’el miseensonni Hamaas daagaa Gaazaa keessa bakka IDF to’ate keessa seenuun haftee namootaa butamanii barbaaduu keessatti qodaalota Fannoo Diimaafi Masirii akka gargaaraniif hayyamee boodadha.