Tapha Chelsiifi Arsenaal eenyutu injifata?
Galgala har'aa taphni guddaan kan eegamu, tapha Chelsiifi Arsenaalidha.
Eenyutu injifata jettu. Asiin seenuun abbaa mo'atu filachuu dandeessu.
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Piriimer Liigii: Maanchister Yuunaayitid 2-1 Kiristaal Paalaas mo'achuun jahaffaa gale. Cheelsii 1- 1 Arsenaal, Arteettaan qabxii sadii dhabuutti gadduu hime
Zelalem Tadesse Duressa
Galgala har'aa taphni guddaan kan eegamu, tapha Chelsiifi Arsenaalidha.
Eenyutu injifata jettu. Asiin seenuun abbaa mo'atu filachuu dandeessu.
Erga bara 2023 as taphataan maanchister Yuunaayitid tokkollee dirree K.Paalaas irratti galchii lakkoofsisee hin beeku.
Ergasii Jooshiyaa Zirkizee taphataa jalqabaa Yuunaayitid Sel Hurest Paark irratti galchii lakkoofsise tahe.
Maawont ammo itti dabale.Erga Gilaaziner leenjisaa Paalaas tahee as Filip Mateetaa caalaa taphattoonni galchii lakkoofsisan Haalaand, Saalaa fi Biriyaan Embuumoo qofaadha. Maateetaan ergasii galchii 34 lakkoofsise.
Maasen Maawont galchii lammaffaa lakkoofsise. Leenii Yooroo bahuun Nooser Maazorawii dirree galeera.
Jooshiyaa Zirkizee bakka Maatiyaas Kuunaa hiriiruun carraa kennameef fayyadamee har'a galchii lakkoofsise.
Kun isaaf tapha lammaffaa yoo tahu Maanchister amma K. Paalaas waliin qixa 1-1 irra jira.
Daqiiqota 30 hafan keessatti kamtu injifannoo argata? Tilmaamaa. Nu wlaiin bu'aa.
Maanchister Yuunaayitid erga bara 2019 as Kiristaal Paalaas irratti rikardii gaarii hin qabu.
Dirree isaanii irratti isaan mo'atee hin beeku. Har'a Ruuben Amoorim erga Everteen taphattoota 10niin isaan mo'atee qabxii sadii argachuuf qophii taasisaa turan.
Garuu hamma ammaatti waan dirree irratti argamaa jiru Maanchister kileba cimaa tahuu hin agarsiisu.
Paalaas tapha Konfireensii Awurooppaa taphatanii dadhabbii qabu.
Garuu ammayyuu caalaa jiru. Jooshoyaa Zirkizee sarara duraa Yuunaayitid dursaa jira.
Tapha Kiristaal Paalaasii fi Maanchister Yuunaayitid gidduutti amma deemaa jiruu fi morkii Landan har’a Cheelsii fi Arsenaal gidduutti gaggeeffamu irratti odeeffannoo bal’aa isin biraan geenya.
Nu waliin turaa.