Waraana US-Israa'el fi Iraaniin lammiileen Iraan 1000 ol ajjeefaman
Maddi oduu Iraan keessa jiru- Human Rights Activists News Agency (HRANA) jedhamu erga US fi Israa'el Guraandhala 28, 2026 Iraan irratti haleellaa eegalanii lammiileen biyyattii 1,097 ajjeefamuu gabaase.
Kanneen keessaa 181 daa'imman umriinsaanii waggaa 10 gadiiti jedhe jaarmiyaan kun.
Akka jaarmiyaa kanaati lammiileen waraana kanaan miidhaman 5,402 yoo ta'an kanneen keessaa 100 kan ta'an daa'immani.
Akka maddi oduu kun gabaasetti sa'atii 24 darbe keessatti yoo xiqqaate haleellaawwan 104 ta'an raawwatamaniiru.
Haleellaawwan kunneen buufataalee waraanaa, giddugala fayyaa fi iddoowwan jireenyaa irratti xiyyeeffatan.
Lakkoofsi namoota du'anii ammallee hedduun osoo hin baramin jiraachuu gabaase maddi oduu kun.