Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Hanga Iraan 'waliigaltee qabatamaan' hojiirra oolchitutti humnoonni US achuma turu - Tiraamp

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp hanga Iraan hamma ''waliigaltee dhukaasa dhaabuu qabatamaa ta'en'' waliigaltutti waraanni US ajaja qofa akka eeggatu dubbatan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan Ulaa Hormuuz keessatti dooniiwwan akkamiin akka boombii awwaalamanirraa goranii darban himte

    Dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz darban toora akka filannootti jiru gargaaramuun ‘seera nageenyaa bakka dhootuun awwaalamanitti barbaachisu eeguun osoo boombii/dhootuu awwaalametti hin bu’iin” darbuu qabu jechuun ibsa Eegdonni Warraaqsaa baase eeruun miidiyaan Iraan gabaaseera.

    Ibsi kun toorawwan filannoo jiru kaartaa agarsiisu waliin akka isaaniif kennamuuf jiru eereera.

    Dooniiwwan karaa Galaana Omaan seenan gara Kaaba Odola Laaraakitti yabaluun, achirraa ammoo gara Galoo Galaanaa Pershiyaatti akka fufan ibseera.

    Dooniiwwan kallattii biraan dhufan Galoo Galaanaa Pershiyaa keessaa bahu kan qaban yoo ta’u, karaa kibba Odola Laraak ba’uun kara Galaana Omaanitti qajeeluu qabu.

    Oduu biroo kana waliin walqabatan:

  2. Hanga Iraan 'waliigaltee qabamaatti waliigaltutti' waraanni US naannicha tura - Tiraamp

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp hanga Iraan waliin ''waliigalteen guutuu'' gahamutti waraanniifi meeshaaleen waraanaa US naannicha akka turan beeksisan.

    Kanas barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social irratti barreessaniin beeksisan.

    Yoo ta'udhaa baate ''haleellaan haalaan guddatee'' akka eegalu dubbatan.

    Ulaa Hormuuz akka banamuufi Iraan meeshaa niwukilaraa akka hin hidhanne waliigalameera jedhan.

    Hammasitti, waraanni US akka boqotu dubbatan.

    Waa'ee yeroof dhukaasa dhaabuurratti gama US fi Iraaniiti waan wal darbuutu dhagahamaa jira.

  3. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Dhimmoota waraana Giddugala Bahaafi kaan jala jalaan gurra isin buusna.

    Isinis asumaan karaa WhatsApp, marsaritii, YouTube fi Facebook nu hordofaa.

    Nagaan oolaa.