Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa Qaataar bakkeewwan baayyeetti of eeggannoof jecha jiraattota baasaa jiraachuu beeksise.
Odeeffannoo hanga ammaa jiruun, sadarkaafi gosti yaaddoo jiruu beekamuu baatus, Qaataar halkan eedaafi har'a barii haleellaawwan misaa'elii lama keessummeessiteetti.
Iraan jalqaba torban kanaa biyyoonni fedhii dinagdee Ameerikaa keessumeessan akka irratti xiyyeeffatamu erga dubbattee booda tarkaanfii Qaataar fudhatte kun sana ilaallata fakkaata.
Jiraattonni handhuura Dohaa naannoo Musheyiir hatattamaan gadhiisanii akka bahan ergaan bilbilaa isaan qaqqabeera.
Naannoon sun waajiraaleen Google fi American Express bakka itti argamanidha. Qaamoleen nageenyaas naannoo waajira muummee Microsoft Qaataaritti akka bobbaafamanis himameera.
Burqaan oduu Rooyitars akka jedhetti, aanga'oonni biyyattii jiraattonni naannawaa mooraawwan yunivarsiitii Ameerikaa ja'a jiraatan bakka sanarraa akka fagaatan gochuu isaanii gabaaseera.
Gama kaaniin imbaasiiwwan Ameerikaa Baha Giddugaleessaa keessa jiran ammallee yaaddoo keessa jiru.
Odeeffannoo kana waliin walqabatan biroof: