Baahireen Manni Maree Nageenyaa UN ulaa Hormuuz akka bansiisu wixinee dhiyeessite
Baahireen Manni Maree Nageenya Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ulaa Hormuuz akka bansiisu wixinee qopheessite.
Wixineen Baahireen biyyootni miseensa ta'an ula san bansiisuuf ''maloota jiran hunda'' akka fayyadaman kan gaafatuudha.
Jechi ''maloota jiran hunda'' jedhu afaan dippiloomasiin waraana jechuudha.
Wixinee kana Rooyitarsi kan argate yoo ta'u, dippiloomaatiin tokko ammoo biyyootni Arabaa kan Galoo Galaanaa fi Amerikaan wixinicha deeggaraniiru. Haata'u malee, wixinichi sagalee caalmaa argatee darbuunsaa shakkisiisaadha.
Tarkaanfiin Bahireen kun haleellaan Iraaniifi to'annoon ulaa Hormuz hangam takka naannicha tasgabbii akka dhorke agarsiisa.
Iraaniif ulaa itti boba'aan addunyaa harki tokko shanaffaan keessa darbu to'achuun dhiibbaa uumuun dantaashee kabachiisuuf barbaachisaadha.
Wixineen kun Rippaablikni Islaamaa Iraan daldaltootaafi dooniiwwan daldalaa ulaa Hormuuz keessa darban atattamaan haleeluu akka dhaabdu gaafata.
Dippiloomaatni Awurooppaa fi biyyoota Lixaa walumatti sadii ta'an hireen wixineen kun mana marichaa keessatti milkaahuuf qabu xiqqaadha jechuun Rooyitarsitti himaniiru.
Wixineen kun Mana Maree Nageenyaa UN miseensota 15 of keessaa qabu keessatti darbuudhaaf sagalee caalmaa sagaliifi Raashiyaa, Chaayinaa, US, Biriteen, fi Faransaay sagalee sagaleen kuffisuu dhiisuu qabu.