Dirooniin Sudaanitti owwaalcharratti dhukaafame namoota 40 galaafate

Haleellaa diroonii namoota Sudaanitti gaddarra jiran irratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 40 ajjeefamuu qondaalonniifii rogeeyyiin himan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoophiyaatti “komaandoowwan addaa farra shororkeessummaa” guutuu biyyatti bobbaafamaufi

    Komishinara Jeneraal Komishiinii Poolisii Federaalaa Demelash Gebremika'el.

    Madda suuraa, Poolisii Federaalaa

    Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa leenjii fi eebba komaandoo addaa farra shororkeessummaa baay’inaan “yeroo dhiyootti” guutuu biyyattiitti bobbaafaman xumuruu isaa beeksiseera.

    “Komaandota farra shororkeessummaa addaa baay’inaan leenjisuu fi eebbisuun sadarkaa xumuraa irra geenyeerra,” jedhan Komishinarri Jeneraal Komishiinii Poolisii Federaalaa Demelash Gebremika'el.

    Komishiinarichi Poolisiin Federaalaa humna haaraa kana “meeshaa waraanaa sadarkaa olaanaa qaban” kan dandeettii hojii isaanii fooyyessuu fi kaayyoo poolisii guddaa deeggaru hidhachiisuuf qophiin xumuramuu ibsan.

    Qorannoo raawwii hojii kurmaana jalqabaa poolisii Federaalaa gaggeeffame irratti, Poolisiin Federaalaa “ji’oota hedduudhaaf leenjii cimaa fudhachaa kan ture ta'uu fi meeshaa ammayyaa fayyadamuuf ga'oomuun yeroo dhiyootti kan eebbifaman ta'uutu ibsame.

    Leenjitootni kunneen ergama gosa kamiyyuu naannoolee biyyatti keessatti raawwachuuf kan bobbafaman ta'uunis ibsameera.

  2. Tiraamp ''bu’aan filannoo Kantiibaa Niiwu Yoorki Rippabilikaanotaaf gaarii miti” jedhan

    Tiraampi

    Madda suuraa, EPA

    Pirezidaantiin Ameerikaa filannoo Kantiibaa Niwu Yoorki Kibxata darbe gaggeeffame, bulchiinsa Varjiiniyaa fi Niiw Jeersii, akkasumas rifarandamiin kutaalee bulchiinsa Kaalifoorniyaa irra deebiin ramaduu gageeffame irratti yaada kennaniiru.=

    Niwu York keessatti kaadhimamaa sooshaalistii-dimokiraatawaa Zohran Mamdani, jaarraa jarraa tokko asitti kantiibaa umurii xiqqa jalqbaa, kantiibaa Muslima jalqabaa fi kantiibaa hidda Afrikaa isa jalqabaa ta'uun seena hojjateera.

    Tiraampi ''kipxatni galgalli galgala hawwataa ture, garuu injifatamuun nuti hin eegne nu muudateera'' jechuun senaataroota Rippabilikaanotatti dubbatan

    Pirezidaantichi filanichi demokiraatawaa ta'us bu'aan filannoo kana ' ''Rippabilikaanotaaf gaarii miti'' jechuun gaddan

    Kanas ta'e sana, "galgala hawwataa dabarsinee waan baay'ee baranne," jedhan.

    Yoo Dimookiraatonni aangootti dhufan, ''haalli jiru baayyee hamaa ta'as'' jedhan Tiraamp

    Haa ta'u malee, ''waan ani jedhu yoo hojjenne,'' seera ''biyyichaaf gaarii ta'e' nan baasa, Dimookiraatonni aangootti dhufuu hin qabanii jedhan.

    Guyyoota muraasan dura Tiraamp yoo Mamdaaniin filatame maallaqa federaalaa Niiwu Yoorkif ramadamu akka kutan doorsisanii ture.

  3. Addunyaan waraana Sudaan keessatti ta'aa jiru dagattee jirti - UN

    Walitti bu'iinsi sudaan keessa itti fufeera.

    Madda suuraa, Getty Images

    Itti gaafatamaan waajjira mirga namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii addunyaan waraana biyya keessaa Sudaan dagattee jirti jechuun qeeqan.

    Volker Turki akka jedhanitti ajjeechaa guyya guyyaan namoota nagaa fi miseensota maatii irratti raawwatamaa jiru dhaabuuf tarkaanfiin tokkollee fudhatamuu dhabuun Addunyaa dhimma akanaaf gurra kennuu dhabuu ta'uu ibsuun tarkaanfiin barbaachisaan hatattamaan fudhatamuu akka qabu waamicha dhiyeessan

    Volker BBC'tti akka himanitti, lola waraana biyyattii fi loltoota humna dafee dhaqqabaa RSF gidduutti raawwatameen ajjeechaa fi dhiittaan mirga namoomaa raawwatamaa ture.

    Goolama wagga lamaatti dhiyaatu kanaan lammileen kuma 15,000 ajjeefamuu fi kuma dhibban kana lakka'aman buqqaatiif saaxilamuun ragaaleen kan mul'isan

    Ameerikaan ammoo duggugaan sanyii biyyatti keessatti gaggeefamaa jirachuu ibsiteerti.

    Obbo Voolker akka jedhanitti hawaasni addunyaa loltoota RSF irratti dhiibbaa gochuun duguuggaa sanyii, gudeeddii, fi dhumaatii Sudaan keessatti raawwatamaa jiru akka xumuran gochuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

  4. Chinaan namoota Miyanmaaritti nama ukkaamsani hanna hojjachisan 5tti murtii du'aa murteessite

    Nama Mayinamar irra qabmuun gara Beejingitti murteef geeffame keessa tokko

    Madda suuraa, Xinhua

    Namootni kun irra caalan isaanii maatii tokkoo fi hiriyoota 21 ta'an yoo ta'an lammilee Itoophiyaa dabalatee kan biyyoota adda addaa irra caalaan isaanii lammilee Chaayinaa ta'an kaampiitti walitti qabuun hojii hanna interneetii akka hojjatan dirqamsiisaa turan.

    Kanaanis yakka hanna, ajjeechaa, miidhaa geessisuu, gudeeddii fi yakkoota birootiin himatamanii yakkamaa ta'uun isaanii mirkanaa'uu miidiyaaleen mootummaa Chaayinaa kan gabaasan.

    Maatiin kun bara 2000 moota irraa eegalee yakka kanarratti hirmaata turan.

    Keessumaa naannoo Lawukyangi jedhamu naannawa hiyyeeyyii Miyanmaar kaampii hanna interneetii 41 banuun gara giddugala qumaaraa fi daldala saalqunnamtii guddaatti jijjiiran

    Namoota kana keessaa 5 murtee du'aa, 5 ammoo umurii guutuu akkasumas 9 ammoo hidhaa waggaa sadii hanga 20tti akka adabaman murtaa'era.

    Hojii yakka hannaa kanaan doolaarri biiliyoona 4.1 tilmaamamu akka sassabame eerameera

    Murteen kun gareewwan yakka walfakkataa irratti bobba'an biroof akeekkachiisa ta'as jedhameera.

  5. Israa'el reeffa lammiilee Filisxeem 15 dabarsitee kennite

    Wayita reeffi namoota gara Gaazaa geeffamu

    Madda suuraa, Getty Images

    Israa'el akkataa waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa ji'a darbe pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampitiin reeffa lammiilee Filisxeem 15 dabarsitee kennuu ibsite.

    Kunis "Adeemsi reeffa adda baasuu xumuramuu hordofee'' kan taasifame ta'uu Waraanaa Israa'el kan beeksise.

    Akka ibsa Israa'elitti reeffi lammiilee Filisxeemota Gaazaa keessatti ajjeefaman 15, kanneen Israa’eliin keessee turte karaa koree Fannoo Diimaa Idil-addunyaa dabarfamee kennamuu Filisxeem mirkaneessiteerti.

    Garuu qorannoon DNA Gaazaatti waan hin jirreef adda baasuun rakkisaadha.

    Qaama waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanaan Israa'el hanag yoonaa reeffa namoota 285 deebisteerti.

    Walharkaa fuudhinsi kun kan raawwatame erga Hamaas Kibxata halkan reeffa loltoota Israa'el qabate ture keessaa tokkoo dabarsee kennee boodadha.

    Haala kanaan walqabatee, bakka bu’oonni Fannoo Diimaa fi kutaa waraanaa Hamaas, reeffa namoota Israa’el hedduu booji’amanii Gaazaa keessatti argaman barbaaduuf jecha, gara naannoo Shuja’iyyaa baha Gaazaatti akka qajeelan himameera.

    Mootummaan Israa’el erga walii galteen dhukaasa dhaabuu hojiirra oolee as Hamas itti yaadee reeffa namootaa deebisuuf harkifatee jechuun himate.

    Hamaas gama isaan reeffa namoota caccabaa jala jiran argachuun rakkisaa ta'uu cimsee ibseera.

  6. Kantiibaan haaraa Niiw Yoork dhalattoota Itoophiyaa Niiw Yoork jiraatan galateeffate

    Zohraan Maamdaanii

    Madda suuraa, Reuters

    Maamdaaniin mo’ichasaan booda haasaa deeggartootasaaf taasiseen, ‘’hiriyyoota koo sarara siyaasaa maatiin daddarbu cabsineerra,’’ jechuun booda morkataasaa ijoo, ‘’Andiruu Koomoo jireenya dhuunfaasaatti waan gaariin hawwaafi,’’ jedhe.

    Halkan kuni garuu guyyaa ‘’yeroo dhumaaf maqaasaa itti waamu haa tahu,’’ jedhe.

    Sagalee kennitoonni ‘’dirqama jijjiiramaafi magaalaa keessa jiraachuu dandeenyu qabaachuu dhugoomsitaniittu,’’ jedhe.

    Kana malees Maamdaaniin gareelee hawaasaa Niiw Yoork duulasaa irratti isa deeggaran, ‘’abbootii suuqii Yamanii, lammiilee Senegaal taaksii oofan, narsoota Uzbeekistaan akkasumas adaadolii Itoophiyaa,’’ jechuun galateeffateera.

  7. Maamdaaniin filannoo kantiibaa Niiw Yoork injifate

    Zoohraan Maamdaaniin

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Zoohraan Maamdaaniin Ugaandaatti dhalatani

    Zoohraan Maamdaaniin filannoo kantiibaa magaalaa Niiw York mo'achuun magaalattii bulchuuf Musliima jalqabaa akkasumas waggaa 100 keessatti nama umriin xiqqoo jalqabaasa taheera.

    Nama Afrikaatti dhalatee kantiibaa magaalaa kanaa tahuunsi kan jalqabaati.

    Dabalata:

  8. Mohaammad Hamdaan Dagaaloo eenyudha?

    Ajajaan RSF Mohaammad Hamdan Dagalo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Humnoonni RSF himannaa yakkaa adda addaan himatamaa jiru

    Mohaammad Hamdaan Dagaaloo maqaa masoo Hemeetii jedhamuunis beekamudha.

    Hogganaa Humna Dafee Dhaqqabaa Sudaan (RSF) amma giddugala biyyattii to'achuun haala siyaasaa Sudaan keessatti gurraa horatedha.

    RSF dhiheenya kana magaalaa el-Fasher kan waraana Sudaan fi michoota ishee biyya keessaa naannoo dhiha Daarfuur keessatti yeroo dheeraf qabatan dhuunfachuun injifannoo guddaa galmeesseera.

    Dabalata:

  9. Obaamaa dabalatee namooti siyaasaa Ameerikaa filamuu Maamdaanii irratti yaada kennan

    Baaraak Obaamaaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaa bu'aa filannoo Maamdaanii hubachuun booda ''amma egereen xiqqoo kan ife fakkaata, garuu hojiin hojjetamu baayyeen hafee jira,'' jedhan.

    Hogganaan mana maree wayyabaa Hakiim Jeefrii, hamma sa'atii dhumaatti deeggarsa Maamdaaniif qabu otoo hin agarsiisine turee boodarra ifatti kan deegareenii yoo tahu, ''Donaaldi Tiraampiifi Rippaabliikaanoti qaala'insa jireenyaa hir'isuuf homaa hin goone. Uummati hojjetaa Ameerikaa kana ni beeka,'' jedhe.

    Gama biraan seenaatar Barnii Saandars injifannoon Maamdaanii ''seenaa ammayyaa Ameerikaa keessatti kan taha jedhamee hin eegamne dha,'' jedhan.

    Namoonni Paartii Rippaabliikaanaas akkasuma yaada kennaniiru, Tiraamp yaada miidiyaa hawaasaa irratti kennaniin, ''Tiraamp filannoo keessa hin turre,'' cufamuun waajiraalee mootummaa mo'icha Demookiraatotaaf sababa tahuu himan.

    Maayik Joonsan af-yaa'iin mana maree Maamdaaniidhaan ''finxaalessaafi Maakisiistii dha,'' jedhaniin

    ''Filamuunsaa Paartiin Demookiraatii gara paartii soshaalistiitti geeddaramuu agarsiisa,'' jedhan.

  10. 'Umrii kiyya keessatti akkas rifadhee hin beeku' - F/M Birhaanuu Juulaa

    Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Juulaa TPLF akeekkachiisani

    Madda suuraa, FDRE DEFENSE

    Ibsa waa'ee suuraa, Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Juulaa TPLF akeekkachiisani

    Ajajaan olaanaa waraana Itoophiyaa gartuun TPLF qoccollaa taasisee ture waraana eegaluuf gahaa ture, garuu nagaaf dursa kennine jedhan.

    Haa ta'u malee, hunduu daangaa qaba jechuun ''Qofaa keenya waraana hambisuu hin dandeenyu,'' jechuun akeekkachiisani.

    Dabalata:

  11. Kantiibaan Landan Saadiiq Kahaan Maamdaaniif ergaa baga gammaddee dabarse

    Saadiq Kahaan

    Madda suuraa, PA Media

    Kantiibaan magaalaa Landan Saadiq Kahaan kantiibaa Niiw Yoork haaraa filatameef erga baga gammaddee dabarse.

    Ergaa miidiyaa hawaasaa irratti barreesseen, ''jiraattonni Niiw Yoork filannoo ifaa lamatu dhiyaateef sodaafi abdii - akkuma Landan keessatti argine - abdiin mo'ateera.

    ''Duula seena qabeessa taasiseef baga gammadden jedha,'' jedhe.

    Akkuma Maamdaanii Kahaanis kantiibaa Musliimaa jalqabaa bara 2016tti filame dha.

    Dabalata:

  12. ABO'n erga biyyatti deebi'ee yeroo jalqabaaf filannoo irratti hirmaachuufi

    Obbo Daawud Ibsaa, Hayyu duree Adda Bilisummaaa Oromoo (ABO)

    Madda suuraa, Getty Images

    Filannoo biyyaalessaa 7ffaaf qophii ta'us dirreen siyaasaa cufamuu ibsuun Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) komate.

    ''Filannoof qophaa'uu jechuun dirreen siyaasaa banameera jechuu miti, danqaa keessa jirra" jechuun Dubbi Himaan ABO, Obbo Lammii Gammachuu himu.

    Guyyoota lamaaf marii kan taasisan miseensonnifi hogganoonni ABO, ibsa ejjennoo dhimma nageenyaa, dirree siyaasaa fi kunneen biroo ofkeessatti qabate baasaniiru.

    Dabalata:

  13. Ilmi maatiisaa mana barumsaa Landanirraa Gaanaa isa galchan mana murtiitti himate

    Dhiira shamiizii daalacha uffatee dugda duubaan qofa mul'atu

    Madda suuraa, BBC News

    Ol-adeemaan ganna 14 lammii Biriitish tahe maatiinsaa mana barumsaa Landan jiru irraa mana barumsaa bultii Gaanaa jiru isa galchinaan mana murtiitti isaan himate.

    Haa tahu malee, Manni Murtii Olaanaa Gaanaa hamma qormaata sadarkaa lamaffaa isa dhumaa fudhatutti achuma akka turu ajaje.

    Mucaan maqaan isaa hin eeramne bara 2024tti ture firasaa dhukkubsatu akka iyyaafatu itti himamee gara Gaanaa kan geeffame.

    Garuu maatiinsaa sababa naamusa dhabe jedhaniif achi isa dhaqachuu himan.

    Landanitti mana barumsaa irraa akka hafu, qarshii achi dhufteensaa hin beekamne harkatti akka qabatu, albee qabataa ture jechuusaanii ragaan mana murtii agarsiisa.

    Mucaan kuni garuu miseensa garee wanbadee kamiyyuu tahuu kan haale yoo tahu, meeshaa waraanaas qabatee akka hin beekne himeera.

    Daanyaan murtoo Wiixata dabarseen mucaan hamma qormaata xumurutti Gaanaadhuma akka turu murteesseera.

  14. Dirooniin Sudaanitti owwaalcharra dhukaafame namoota 40 galaafate

    Waraana Sudaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Haleellaa diroonii Sudaanitti namoota owwaalcharra jiranirratti xiyyeeffateen yoo xiqqaaate namoonni 40 ajjeefamuu qondaalotiifi rogeeyyiin himan.

    Namoonni kuni magaalaa waraanaa biyyattiin to'atame Ol - Obeeditti owwaalcharra turan.

    Haleellaa gaafa Wiixataaf Humna Addaa Sudaan (RSF) himatani. RSF himannaa kanarratti deebii hin kennine.

    Haleellaa namoota dunkaanii keessa jiran irratti raawwateen baay'een namootaa osooma hospitaala hin gahiin lubbuun isaanii darbuu gabaafameera.

    Magaalli el-Obeed magaalaa Kaartuum fi naannawa lixa Sudaan, Daarfuur wal qunnamsiistudha.

    Akkuma bakkee kaanii naannawa Kordofaan kanattis lolli hammaateera.

    Erga RSF magaalaa Baaraa to'ate booda namoonni 20,000 ta'an torban darbe gara el-Obeed baqataniiru.

    Dabalata:

  15. Ashamaa!

    Harmee Booranaa ilmoo ishee waliin

    Madda suuraa, Getty Images

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Roobii eegale.

    Oduufi xiinxala, biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Isiinis karaa isin mijateen marsariitii, WhatsApp, Facebook fi YouTube keenya irratti nu mil'adhaa.

    Nagaan oolaa!