Itoophiyaa fi UAEn nageenyaa fi tasgabbii akkasumas walabummaa daangaa irratti ibsa waloo baasan
Wayita Ministirri dhimma alaa Yunaayitid Arab Emirteetis (UAE) Sheek Shaakbuut bin Nahyaan Al Nahyaan Itoophiyaa daawwatanitti biyyoonni lameen dhimmoota nageenyaa, walabummaa daangaa fi hariiroo cimsuun dantaa biyyoota lameenii mirkaneessuurratti ibsa waloo baasaniiru.
Biyyoonni lameen hariiroo duraanuu gidduusaanii ture daran cimsuu irratti akka xiyyeeffatan ibsaniiru.
Nageenya mirkaneessuu, birmadummaa daangaa walii eeguu fi dantaa diinagdee waliisaanii mirkaneessuurrattis qindoominaan akka hojjetan ibsaniiru.
Walga'iin Itoophiyaa fi UAE kun fooyya'iinsa gama nageenyaa fi tasgabbiin naannochaa fi naannochaan ala jiru gamaggamuufis carraa akka ta'e ibsan.
Ammas waliin ta'uun nagaa fi tasgabbii itti fufiinsa qabu mirkaneessuurratti akka hojjetan ibsaniiru.
Wayita korri Gamtaa Afrikaa 2025 gaggeeffamu akkaataa ummanni Sudaan itti deeggarsa namoomaa argatu irratti mari'achuu kan ibsan biyyoonni lameen ammas dhukaasi dhaabbatee uummanni gargaarsa akka argatu gaafataniiru.
Haleellaa gareen Sudaan keessatti wal waraanaa jiran uummata nagaarraan ga'aa jiran kan balaaleffatan biyyoonni lameen, waraana kana dhaabuuf dirqamni jalqabaa warra wal waraanan irra jiraachuu ibsan.
Waraanni dhaabbatee deeggarsi namoomaa kutaalee Sudaan hunda akka qaqqabuuf akkasumas bulchiinsa siiviliitti akka ce'amuuf haalli akka mijatuuf qaamoleen lameenuu akka dhukaasa dhaaban gaafataniiru.
Nageenya naannawaa fi addunyaa irratti waliin hojjechuun cinaatti kora jijjiirama qilleensaa Itoophiyaan gaggeessuuf jetturrattis akka wal tumsan ibsaniiru.
Itoophiyaan COP32 gaggeessuuf filatamuushee UAEn gammachuun simatti jedha ibsi kun.
Ibsi kun dabaluun UAEn korri Itoophiyaan dursitu akka milkaa'uuf mootummaa Itoophiyaa faana qindoominaan ni hojjetti jedha.
Kora dhimma bishaanii UN xumura bara 2026 gaggeeffamu irrattis akka wal tumsan ibsaniiru.
Korri kun qindoomina UAE fi Senegaaliin qophaa'a akka ibsa kanaatti.
Biyyoonni lameen nageenya mirkaneessuu, rakkoowwan tasgabbii naannawa kanaatti qormaata ta'an furuu fi hariiroo tarsimaawaa gidduusaanii daran cimsuurratti kutannoon akka hojjetan ibsaniiru.