'Tiraamp buufataaleen waraanaa Zenuweelaa akka haleelaman ajaja dabarse'
Waraanni US buufataalee waraanaa Venezuweelaa akka haleelu Tiraamp ajaja kennuu miidiyaan Ameerikaa CBS qondaalota olaanoorraa odeeffadhe jechuun gabaase.
Haleellaa har'a magaalaa guddoo Venezuweelaa kan taate Karaakaas irratti gaggeeffame jedhameen buufanni xayyaaraa waraanaa La Carlota jedhamu haleelamuu viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa irratti qoodaman ni agarsiisu.
Venezuweelafi bulchiinsa Tiraamp gidduutti muddamni erga dhalatee bubbuleera.
Pirezidaantiin Venezuweelaa Nikoolaas Maaduuroo qoricha sammuu adoochu gara UStti erga jechuun Tiraamp akeekkachiisaa ture.
Bidiruuwwan qoricha sammuu adoochan haleelufi jechuunis dooniwwan waraanaa heddu gara Kariibiyaatti erguunis ni yaadatama.