Osoo fira maatii taatee jirtuu dubartii daa'imman lama buttee qarshii miiliyoona afur gaafatte jedhe to'achuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise.
Aadde Shikuriyaa Rashiid abbaa warraa isaanii waliin daa'imman wal'aansaaf Dirree Dhawaatii gara Finfinnee bakka fidanitti kuni isaan mudate jedhame.
Ibsi poolisiin Sambata ganama baase akka agarsiisutti, mucaa isaanii mana yaalaa geessanii yeroo bahan ijoollee isaanii lamaan biroo dhabani.
Gaafa bahan dubartiin ijoollee waliin turte hin jirtu, ijoolleenis hin jirani. Bilbilli ishees hin dalagu jedha ibsi poolisii.
Riifatuu keessa seenan, poolisiittis gabaasan.
Poolisiin akka ibsetti, dubartiin ijoollee lamaan Finfinneedhaa fuutee gara magaalaaa Baatuu geessuun hoteela buufachuu odeeffate.
Dubartiin kuni yoo maatiin dolaara 25,000 yookiin miiliyoona afur akka kaffalan ergaa bilbilaan gaafatti.
Kanaan ala akka hin kaffalle himti jedha gabaasni poolisii.
Poolisiin Finfinnee poolisii Baatuu waliin ta'un shakkamtuu Hikraam Rashiid to'achuufi ijoolleen osoo hin miidhamiin ALI Onk. 27, 2028 maatiitti deebisuu beeksiseera.
Poolisiin akka ibsetti, shakkamtuun firummaa maatii ijoollee kanaatti fayyadamuun yakka kana raawwatte jedhe.
Poolisiin ibsa isaa keessatti kanneen badii akkanaa raawwatan kanneen daa'mmaniifi maatii waliin dhiheenya qabanidha jedheera.
Kanaanis, maatiin akka of eeggatan akeekkachiise.