Taphoota Pirimeer Liigiin Yunaayitid Totanhaamiin waliin qixa bahe

Taphoota Pirimeer Liigii torban kudha tokkoffaan Maanchistar Yunaayitid Totanihaam dirreen ala morkate qabxii qooddate.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Xumurame: Tootenhaam 2-2 Maanchester Yunaayitid

    Maatiis Teel

    Madda suuraa, Getty Images

    Tootenhaam daqiiqaa 7 keessatti gaalii lama galchuun dursa qabatee ture.

    Daqiiqaa 84 irratti goolii taphataan jijjiiramee gale Teel lakkoofsiseen walqixee ta'eera.

    Richaarlisan ammoo daqiiqaa 91ffaa irratti lakkoofsiseera.

    Maal godharee, daqiiqaa 96ffaa irratti Deliikt Maanchester Yunaayitidiif lakkoofsisee 2-2 walqixaan xumurame

    Eeenyuuf mala ture?

  2. GOOL: Tootenhaam 0-1 Maanchester Yunaayitid

    Biriyaan Imbuumoo goolii galchee booda

    Madda suuraa, Getty Images

    Maanchester Yunaayitid goolii Biriyaan Imbuumoo mataan daqiiqaa 32ffaa irratti lakkoofsiseen dursaa jira.

    Kubbaa kana mijeessee kan kenneef ammoo Amad Daaloodha.

    Imbuumoon taphoota 11 taphatatee goolii shanaffaa isaa galche. Taphataan lammii Kaameruun kun taphataa filatamaa ji'a kanaa ta'ees filatameera.

  3. 'Guyyaa tokko rifeensa isaa ni murata jedheen abdadha' -Ruban Amorim

    Firaank Illleet

    Madda suuraa, Instagram

    Leenjisaan Maanchester Yunaayitid, Ruban Amorim waa’ee deeggaraa kilabichaa hanga Maanchester Yunaayitid walitti aansuun si’a shan mo’atutti mataa kiyya hin muradhu jedhee ‘guftaa’ waliin jiraachaa jiruu gaafatamee ‘guyyaa tokko rifeensa isaa ni murata' jedheen yaada jedhe.

    “Yoom akka ta’u hin beeku [garuu guyyaa tokko milkoofnee ni murta’. Teenyee kan ilaallu ta’a. Akka kootti, hanga danda’ametti dhiyootti kan murtatu ta’a,” jedhe.

    Deeggaraan Maanchester Yunaayitid siriin isaa Oksifoord irraa ta’eefi yeroo ammaa kana Ispeen keessa jiraatu maqaan isaa Firaank Illeet jedhamu erga rifeensa muratee waggaan tokko darbeera.

    Hanga Maanchester Yunaayitid walitti aansee taphoota shan mo’atutti rifeensa kiyya hin muradhu jedhee kakate.

    Kunoo hanga har’aatti Maanchester Yunaayitid hin milkoofne, innis rifeensa isaa hin muranne.

    Guyyaa inni akkas jedhe Maanchester Yunaayitid Aston Viilaa waliin 0-0 walqixa xumre.

    Deeggaraan kun yeroo ammaa Instagram fi TikTok irratti hordoftoota 700,000 ol kan horate yoo ta’u, taphattoonni Maanchester Yunaayitidis isa baraniiru.

    Yeroo darbe Maanchester Yunaayitid taphoota sadii walitti aansee (Sanderlaand, Liiverpuul fi Biraayiten) yeroo mo’atetti, milkaa’uutti dhiyaatee ture.

    Maal godharee, tapha Notingihaam Forest waliin taphataan Maanchester Yunaayitid 2-2 walqixa bahe.

    Isin maal jettu? Deeggaraan kun rifeensa isaa murachuumoo abdiin garee Amorim kana eeguu qaba jettu?

  4. Tootenhaam v Maanchester Yunaayitid, eenyu mo'a?

    Deeggartoota Tootenhaam

    Madda suuraa, Getty Images

    Tootenhaam dirreesaarratti Maanchester Yunaayitid simatee amma taphata.

    Tootenhaam dirreesaarratti mo'achuun erga dhiyoo as isa rakkisaa jira.

    Maanchester Yunaayitid ammoo erga dhiyoo as mo'achuutti deebiyuurra darbee laanjisaan isaa Ruuban Amoorim fi taphataan isaa lammii Kaameruun leenjisaafi taphataa cimaa ji'a kanaa ta'uun filatamaniiru.

    Maanchester jifataa umuriin isaa waggaa 22 bara kana maallaqa guddaa itti baasee bite hin hiriirsifne.

    Ogeessi kubbaa miilaa Kiriis Saatan 1-1 walqixa vahu jedheera.

    Isin maal jettu?

    Dabalata:

    Biraan Imbuumoo

    Madda suuraa, Getty Images

  5. Dubartiin daa'imman buttee miiliyoona afur gaafatte to'adhe - Poolisii

    Shakkamtuu to'atamte

    Madda suuraa, Poolisii Finfinnee

    Ibsa waa'ee suuraa, Shakkamtuun fira maatiiti jedhameera

    Osoo fira maatii taatee jirtuu dubartii daa'imman lama buttee qarshii miiliyoona afur gaafatte jedhe to'achuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise.

    Aadde Shikuriyaa Rashiid abbaa warraa isaanii waliin daa'imman wal'aansaaf Dirree Dhawaatii gara Finfinnee bakka fidanitti kuni isaan mudate jedhame.

    Ibsi poolisiin Sambata ganama baase akka agarsiisutti, mucaa isaanii mana yaalaa geessanii yeroo bahan ijoollee isaanii lamaan biroo dhabani.

    Gaafa bahan dubartiin ijoollee waliin turte hin jirtu, ijoolleenis hin jirani. Bilbilli ishees hin dalagu jedha ibsi poolisii.

    Riifatuu keessa seenan, poolisiittis gabaasan.

    Poolisiin akka ibsetti, dubartiin ijoollee lamaan Finfinneedhaa fuutee gara magaalaaa Baatuu geessuun hoteela buufachuu odeeffate.

    Dubartiin kuni yoo maatiin dolaara 25,000 yookiin miiliyoona afur akka kaffalan ergaa bilbilaan gaafatti.

    Kanaan ala akka hin kaffalle himti jedha gabaasni poolisii.

    Poolisiin Finfinnee poolisii Baatuu waliin ta'un shakkamtuu Hikraam Rashiid to'achuufi ijoolleen osoo hin miidhamiin ALI Onk. 27, 2028 maatiitti deebisuu beeksiseera.

    Poolisiin akka ibsetti, shakkamtuun firummaa maatii ijoollee kanaatti fayyadamuun yakka kana raawwatte jedhe.

    Poolisiin ibsa isaa keessatti kanneen badii akkanaa raawwatan kanneen daa'mmaniifi maatii waliin dhiheenya qabanidha jedheera.

    Kanaanis, maatiin akka of eeggatan akeekkachiise.

    Gabaasa kana fakkaatu:

  6. Hookkara Tanzaaniyaa booda 240 gantummaan himataman

    Filannoo Tanzaaniyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Aangawoonnii Tanzaaniyaa miidhaa dhaqqabe waakkataniiru

    Manni murtii Tanzaaniyaa yoo xiqqaate namoota 240 ta'an gantummaan himate.

    Kunis, eega torban darbe filannoon taasifame lubbuu danuu galaafate boodadha.

    Pirezidant Saamiyaa Suluhuu Hasan filannoo kana 98% injifachuun isaanii labsameera.

    Morkataan isaanii filannoorraa kan dhorkame yoo taa'u filannoon kuni soba jedhaniiru.

    Humnoonni nageenyaa kanneen sagaleen waliin dhahameera jedhanii morman waliin walitti bu'aniiru.

    Akka maddeen garagaraaa jedhanitti, dhibbaan kan lakkaa'aman ajjeefamaniiru.

    Aangawoonni garuu himannaa miidhaa dhaqqabeefi filannoon haqa miti komii jedhu waakkataniiru.

  7. Daandiin Qilleensa Itoophiyaa murteen US nan hubu jedhe

    Daandii Qilleensa Itoophiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaa keessatti gaafa Jimaataa balaliiwwan 5,000 ta'an haqaman yookiin barfatan.

    Kunis, yeroo waajjiraaleen mootummaa cufamanii jiranitti daandiileen qilleensaa balalii xiqqeessuuf dirqamaniiti.

    Qajeelfamni haaraa gaafa Jimaataa buufata xiyyaaraa 40 ta'aaniifi imaltoonni itti baay'atanitti eegaleera.

    Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa (FAA) murteen kuni balalii biyya keessaa 4% irraa eegala. Eegasii xumura torban kanaatti 10%'tti guddata.

    Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ibsa baasen qajeelfamni haaraa balalii idil-addunyaa daandiin xiyyaarichaa gara US fi US irraa taasisu akka hin miine beeksiseera.

    Balaliiwwan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Afrikaa fi US wal qunnamsiisan,'' beellama qabameen akka itti fufu hime.

    Haa ta'u malee, murteen FAA imaltoota buufata xiyyaaraa biyya keessaarraa dhufanirratti dhiibbaa qabaatuu mala jedhe.

  8. To'attoonni tiraafikaa qilleensa Ameerikaa lakkoofsaan meeqa?

    Xiyyaaroota

    Madda suuraa, Reuters

    Guutuu US keessatti to'attoonni tiraafikaa qilleensaa 14,000 ta'an masaraawwan to'annoo buufata xiyyaaraa 527 keessa buufatanii argamu.

    Isaan kanneen keessaa ammoo hedduun isaanii torban lamaaf mindaa isaanii keessaa saantima tokkollee hin arganne.

    Walumaagalatti, waggaatti balalii miiliyoona 16 ol ni biyyattii keessatti kan raawwatamu yoo ta'u, kunis guyyaa tokkotti balaliinsa naannoo 44,000 ta'u to'atujechuudha.

    Yeroo balaliinsii baay'atuutti ammoo, hojjetamutti to'annoo tiraafika qilleensaa kunneen naannoo qileensaa US keessatti yeroo itti al tokkootti nagaan balalii 5,000 ol ta'an qajeelchuuf itti gaafatamummaa qabaatan ni jiraata.

    Kanaafuu, yeroo FAAn balalii biyya keessaa %4 hir'isuun jalqaba jedhutti kan nutis baay'ina hojjataa irraa hir'isaa jirru.

    Kanaafu yoo hanga Sadaasaa 14tti akkuma karoorfameetti kan gara hanga %14tti guddifamu ta'e, kana jechuun guyyaatti balaliinsi gara 4,000 ta'u irraan dhiibbaa ga'uu danda'a jechuudha.

    Fakkeenyaaf, balaliinsa 800 oli har'aaf karoorfame ture keessaa 800 haqamusaanii marsariitiin balaliinsa horodu FlightAwre, external.

    Marsarichi dabalunis, daandiin qilleensaa SkWest qofti balaliinsawwan 170 yoo haqu, SouthWest ammoo balaliinsawwan gara 120 dhiisuu akkasumas Yunaayitid ammoo 64 haquu himeera.

  9. Haleellaan diroonii Tigraayitti raawwate jedhame maali?

    Humnoota Tigraay

    Madda suuraa, WOW

    Ibsa waa'ee suuraa, Naannoon Tigraay himannaa gama Affaarii itti dhihaate waakkateera

    Mootummaan Itoophiyaa haleellaa diroonii nurratti raawwate jechuun qondaalli nageenyaa olaanaa Tigraay BBC'tti himan.

    Qondaalli kuni akka jedhanitti, haleellaan kuni buufata waraanaa bakkee daangaa Naannoo Tigraayiifi Affaaritti dhihoo jirutti raawwatame.

    Dabalata:

  10. Ameerikaatti balaliiwwan xiyyaaraa dhibbaan lakkaa'aman haqaman

    Xiyyaarota

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Murtee kanaan balaliiwwan danuu haqamuu malu

    Ameerikaa keessatti balaliiwwan xiyyaaraa dhibbaan lakkaa'aman akka haqaman itti himame.

    Murtee kanaan buufatawwan xiyyaaraa 40 imaltoonni keessatti baay'atan dhiibbaa jala seenuu malu jedhameera.

    Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa (FAA) murteen kuni balalii biyya keessaa 4% irraa eegala. Eegasii xumura torban kanaatti 10%'tti guddata.

    Murtee kanaan balaliiwwan 4,000 ta'an rakkoo seenuu malu.

    Waajjiraaleen mootummaa federaalaa waan cufamaniif wiirtuun to'annoo daandiilee qilleensaa to'attoota dhabanii rakkataa jiru.

  11. Ergaan saamsamee tokko erga gara buufata 'Air Force One' ergamee namoonni hedduun dhukkubsatan

    Namoota dhaabbatanii fi xiyyaara gubbaan fageenyarraa balalii'u

    Madda suuraa, Getty Images

    Ergaan "paakeejii shakkisiisaa" lafa hojii buufata humna qilleensaa Ameerikaa 'Air Force One'tti ergame erga bananiin booda namoonni hedduun dhukkubsataniiru.

    Dubbi himaan dhaabbata Walloo Buufata Andirewsi (JBA) kan Meeriilaandi keessaafi naannoo magaalaa guddoo Ameerikaa, Waashington DCtti argamu akka jedhanitti, gamoo paakeejii sun keessatti baname keessaa baafameera.

    Kana malee hojjattoonni dhukkubsatan mana yaalaa geeffaman haala tasgabbaa'aa keessa jiraachuun isaanii himameera.

    Paakeejichi daakuu adii adda hin baafamne of keessaa qabaachuu isaa maddoota maqaan isaanii hin ibsamne kanneen qorannoo taatee kanaa beekan wabeeffachuun CNN gabaaseera.

    Buufanni qilleensaa kunis xiyyaara pirezidaantii Ameerikaa fi xiyyaaroota deeggersa isaa biroo kan qabu yoo ta'u, yeroo baayyee bakka pirezidantichi deemu kan ittiin imaluuf ka'anidha.

    Dubbii himaan JBA, ''of eegannoo duraatiif'' jecha gamoon bakki paakejiin keessatti baname fi gamoon isaan wal qabatan hundi akka keessaa bahamu taasifamuu fi naannoo isaa ittifamu himan.

    Itti dabaluudhaanis ''deebii kennitoon dursaa kan bakkichatti ergaman yoo ta'u, balaa yaaddeessaan battalaa akka hin jirre adda baasuun, hojiin idilee deebii'ee eegaleera. Qorannoon garuu ammalleen itti fufeera,'' jedhan.

    Akka CNN gabaaseetti, qorannoo jalqabaa garee Haazmaatiin gaggeeffameen balaan omaatu hin argamne.

    Gabaasni isaa tarii yoo hololli siyaasaa paakeejicha keessa jiraateef qorattootaan qoratamaa jiraachu kaaseera.

    Haata'u malee hangi saaxilama namoonni naannawa paakeejichi itti baname turan hangam akka ta'e adda hin baane.

  12. UN pirezidantii Sooriyaarraa qoqqobbii kaase

    Pirezidantii Sooriyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNSC) pirezidantii Sooriyaarraa qoqqobbii kaase.

    Kunis, daawwannaa Ahimad al-Sharaan torban dhufu gara Ameerikaa taasisuuf jedhan dursee mudate.

    Sharaan waggaa dura mootummaa Sooriyaarratti fonqolcha raawwachuun yeroo ammaa pirezidantii cee'umsaa ta'un tajaajilaa jira.

    Haleellaan riphee loltootaa inni hoogganaa ture waraana waliinii Sooriyaa waggaa 13 xumura itti tolcheera.

    Sharaan hogganaa garee Islaamistii Hayaat Xaahriir al-Sham (HTS) waan tureef qoqqobbii jala ture.

  13. Bubbeen hamaan namoota 190 ol galaafate

    Miidhaa bubbeen dhaqqabe

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Bubbeen kuni sa'aatii tokkotti 149km imala jira

    Bubbeen hamaan Filippiins fi Viyeetinaamitti yoo xiqqaate namoota 190 ol galaafachuu biyyoonni lamaan beeksisan.

    Bubbeen kuni yeroo ammaa gara Kaamboodiyaa imalaa jira jedhameera.

    Bubbeen kuni sa'aatii tokkotti 149km imala jira.

    Bubbeen kuni magaalota giddugala Viyeetinaam jiran akkaan mancaase.

    Mukkeen hundeerraa buqqise, baaxii fudhatee deeme akkasumas foddaa caccabse.

    Ummati kumaan lakkaa'amu manneen barnootaa keessa kan dahate yoo ta'u waraanni biyyattii akka ummata gargaaru bobba'eera.

  14. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Jimaataa eegale.

    Odeeffannoowwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Isinis oduufi xiinxala keenya argachuuf marsariitii, Facebook, WhatsApp fi YouTube keenya mil'achuu akka hin daganne.

    Nagaan oolaa!