Misaa’elli Huutii qarqara Yamanitti doonii US rukkute-Aanga’oota US

Aanga’oonni Ameerikaa Huutiin doonii qabeenyummaan isaa kan US ta’e qarqara Yamanitti rukkutii himan. Haata’u malee, miidhaan guddaan qaqqabuu hin gabaafamne jedhan aanga’oonni US kun.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Paakistaan 'dhimmoota hundarratti' Iraan waliin hojjachuu akka feetu ibsite

    Paakistaan Iraan waliin hojjachuu qophii ta'u ibsite

    Madda suuraa, EPA

    Paakistaan 'dhimmoota hundarratti' Iraan waliin hojjachuuf fedhii kan qabdu ta'u ibsite. Kanas waamicha karaa ministeera dhimma alaa biyyattiin taasifte.

    Kunis erga biyyoonni lamaan diroonii fi miisaa'el buufataalee milishaa,daangaa waliiisaanii keessatti dhukaasaniin booda ture.

    Iraan guyyaa haleellaan Kamiisa raawwatameen ollaan daangaarratti argamu keessatti daa'imman dabalatee, namoonni sagal ajjeeffamu himte turte. Paakistaan gamasheetiin haleellaa Iraan guyyaa Kibxataa raawwatteen ijoolleen lama ajjeefaman jette.

    Haata'u malee haasaa kanarratti Iraan irraa yaadni battalatti kenname hin turre.

    Jimaata har'aa ammoo Paakistaan karaa bilbilaatiin mariin Ministira dhimma Alaa, Jaaliil Abbaas Jilaanii fi gutasaanii Iraan Hooseen Amiir-Abdoollaahin waliin taasifamu himte.

    ''Ministirri dhimma alaa Jiilaaniin miira wal hubannoo fi walta'insaatiin Iraan waliin dhimma hunda irratti waliin hojjachuuf Paakistaan qophii ta'ushee ibsaniiru'' jedhe ibsi.

    "Akkasumas haala mudamaa qabaneessuufis waliigalan. Gara magaala guddoo biyyoota lamaaniitti Ambaasaadaroota isaanii deebiisuufis mariin taasifameera.''

  2. Adaamaa: Jala-bultii Ayyaana Cuuphaa suuraan

  3. Baankiin Misoomaa Afrikaa hojjetootasaa Itoophiyaa baasee ture deebisuuf akka jiru hime

  4. Jappaan xiyyaar-samii Addeessarra qubsiisuun milkoofte

    Yeroo Xiyyaar-samiin Jappaan gara Addeessaatti furgaafamtutti

    Madda suuraa, Reuters

    The Japan Aerospace Exploration Agency ( JAXA)

    Jappaan xiyyaar-samii ergamni qorannoo itti kenname Addeessarra haala milkaa’een qubsiisuu Ejensiin Qorannoo Dhimma Hawaa biyyattii Japan Aerospace Exploration Agency ( JAXA) beeksise.

    Aanga’aan JAXA, Hitooshii Kuninaakaa xiyyaar-samiin ‘Slim’ jedhamte kun Addeessarra qubattee kutaa to’annoo Dacheerra jiru waliin odeeffannoo wal jijjiiraa jirti jedhan.

    Haata'u malee, elektiriikiin akka soolaar irraa maddisiisu waan hin hojjenneef ammatti baatirii qaamumashee keessa jiruun hojjechaa jirti.

    Yoo elektiriikiin soolaarii kun hin furamiin gaafa baatiriin qaamashee keessa jiru dhume ni callisti jedhamaa jira.

    Xiyyaar-samiin Jappaan amma haala milkaa’aa ta’een Addeessarra qubachuun mirkanaa’e kun Fulbaana 2023 torban jalqabaarra ture kan ergamte.

    Jappaan xiyyaar-samii gara Addeessaatti erguudhaan addunyaarratti biyya shanaffaa taateetti.

    Biyyoonni biroo afran Addeessarra qubachuun hanga ammaa milkaa’an US, Chaayinaa, Sooviyeet Yuuniyeen duraaniifi Indiyaa ta’aniiru.

    Indiyaan ji’a Hagayya 2023 keessa ture kan haala milkaa’aa ta’een ergitee qubsiifatte.

    Jappaan kanaan dura yaaliin erguuf taasiftu haala qilleensaa rakkisaarraa kan ka’een erga jalaa fashalaa’een booda baruma darbe keessa qofa si’a afur yaalteetti.

    Ergamni Doolaara miiliyoona 100 (£59m) kun dandeettii Tookiyoon rookkeettii hawaa salphaa fi gatii xiqqaa qabdu Ji'a irratti buusuu agarsiisuuf kan yaadamedha.

    Rookkeettiin kun saatalaayitii X-Ray Imaging and Spectroscopy Mission (XRISM) jedhamu kan pirojektii waloo dhaabbilee hawaa Jaappaan, Ameerikaa fi Awurooppaa gidduutti hojjetamees qabattee turte.

    Saatalaayitiin teleskooppii hamma otobusii of keessaa qabdu kun, Addeessa waliin karaa addaan baatee naannoo lafaa naannofti. Kana gochuun Addeessarraan bakka ‘Black Hole’ jedhamuqorachuu jalqabdi.

    Ergamni gara Addeessaa Jappaan taasifte kun milkaa'uun isaa qorannoo hawaa gara fuula duraatiif 'milkaa'ina baayyee guddaadha' jedhameera.

    Moodeela xiyyaar-samii Jappaan, 'Slim'

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Ji'a afur dura Jappaan xiyyaar-samii yeroo Addeessatti ergitu
  5. Mootummaan UK, Ambaasadarri Eertiraa Landan jiran biyyichaa akka bahan ajaje

  6. Magaalaa Baatuu bakka Ayyaanni Cuuphaa ‘haroorratti jalqabamee haroorratti itti xummuramu’

  7. Pirezidaantiin duraanii US, Donaald Tiraamp maaliif caalaa jaalatamaa dhufan

  8. Yukireen kuusaa boba'aa Raashiyaa dirooniin haleelte

    Deeppoo boba'aa wayita gubateetti

    Madda suuraa, RUSSIAN EMERGENCIES MINISTRY

    Yukireen kuusaa boba'aa guddaa kibba Raashiyaatti argamu dirooniin haleelte. Haleellaa kana hordofee bakka kuusaa boba'aa kanatti ibiddi qabachuu aanga'oonni himuun gabaafameera.

    Miidiyaan Raashiyaa taankiiwwan boba'aa afur wal bira jiran ibiddi qabatee booda gara lafa bal'aatti babal'achuu gabaasan.

    Aanga'oonni Raashiyaa bulchiinsa Biryaanisk keessatti aragaman namni miidhame akka hin jire himaniiru.

    Bulchaan Biryaanisk diroonichi dhiheenya magaala Kilintisiitti akka kufu taasifame, dhohinsi isaa garuu kuusaa boba'aa argachuu himan.

    Haleellaan diiroonii kuusaa boba'aa Raashiyaa irratti raawwatame kunis guyyaa lama keessatti yeroo lammaffaafidha.

    Guyyaa Kamisaa haleellaa kanan dura hin baramne buufata boba'aan itti guutamu guddaa irratti magaala St. Paiitasarsibarg keessatti raawwatamee ture.

    Gabaasaaleen Raashiyaas diroonichi osoo miidhaa cimaa hin qaqqabsiisiin kakka kufu taasifameera. Kana ilaalchisee gama Kiiyiviin tarsiimoo haaraa daangaa Yukireen irraa dhukaafamu akka ta'e eerame.

  9. Suuraalee filatamoo Afriikaa torban kanaa: Gaa'ilaa hanga kubbaa miilaatti

  10. Netaaniyaahuun biyyi Filisxeem walaba taate akka hundeeffamuuf dhiibbaa US taasistu ifatti morman

  11. Haleellaan qilleensaa Joordaaniin dhukaafamu hin oollee jedhameen 10 ajjeeffaman

    Manneen barbadaa'an

    Madda suuraa, SUWEIDA FIRE BRIGADE

    Haleellaa qilleensaa Joordaaniin raawwatamuunsaa hin oollee jedhameen, daa'imman dabalatee namoonni 10 ta'an kibba-lixa Sooriyaatti ajjeeffamuu ogeeyyiifi midiyaan gabaasan.

    Sooriyaa Armaan ollaa Suweidaa jedhamuufi kan daangaa irraa fageenya km 20 irratti argamu kanatti manneen hedduun barbadaa'uun gabaafameera.

    Dhimma kanarratti hanga ammaatti wanti aanga'oota Joordaaniin jedhame hin jiru.

    Haata'u malee, humnoonni Joordaan waggoota darban keessa dadabarsitoota qoricha sammuu hadoochaniifi dhaabbileesaanii ta'u kan shakkan irratti Sooriyaa keessatti haleellaa qilleensaa hedduu raawwataniiru.

    Joordaaniifi michoonni lixaa isaanii milishoonni haalaan hidhataniifi cimoon kanneen mootummaa Iraaniin deegaraman bakkeewwan to'annoo mootummaa Sooriyaa jalatti argamu keessa socha'u dadabarsa Sooriyaarraa gara UK'tti taasifamu duuba jiru jedhanii amanu.

    Marsariitiin oduu 24- kan roogeeyyiin durfamu, haleellaan qilleensaa tibbanaa kunis Kamisa ganama naannoo mana jireenyaa Armaan fi dhiheenya Maalaahitti raawwatamu gabaasan.

    Marsaritichis namoonni ijaan argine jedhan manni jireenyaa obboolaa lamaa maqaansaanii Omaar Taalaab fi Turki al-Haalaabii jedhamanii Armaan keessatti haleellaa kanaan barbadaa'u himuu eeran.

  12. Bu'uura Barreeffama Afaan Oromoo: Imala gaaffii seenaa afaanichaarratti ka'aniif deebii soquu

  13. IGAD waa'ee Itoophiyaafi Somaaliyaa maal jedhe?

  14. Keeniyaatti boombiin gaarii harreetti hidhame dhohee poolisii ajjeese

    Keeniyaatti boombiin gaarii harreen harkistee deemtutti hidhame dhohe poolisii biyyattii ajjeese.

    Gaazexaan 'Nation' akka gabaasetti dhohiinsa boombii kanaan poolisii tokko du'een alatti poolisoonni biroo lama madaa'aniiru.

    Harroonni lama gaaricha harkisaa turan dhohiinsa kanarraa hafaniiru akka gaabaasa kanaatti.

    Balaan kun kan mudate daangaa Keeniyaafi Somaaliyaarratti yoo ta'u poolisoonni Keeniyaa kun meeshaa gaarii harreetti fe'amee galaa ture osoo sakkata'aa jiraniiyyu.

    Viidiyoo bakkichatti waraabameedhamee gadi lakkifamerratti akka mul'atutti, bakka dhohiinsi itti mudatee aarri guddaan gara samiitti ka'ee jira.

    Erga dhohiinsi mudatee booda suura ka'erratti ammoo harroonni lama homaa osoo hin ta'an dhaabbatanii jiru.

    Bakki dhohiinsi kun itti mudate Mandeeraa yoo ta'u, bakka kanatti al-Shabaab haleellaa gaggeessaa ture.

    Harree gaarii harkistu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Harree gaarii harkistu
  15. Muddama tibbanaa waraana Itiiyoo -Somaaliyaa darbe Moqaadishoo yaadachiise

  16. Kooriyaan Kaabaa 'nikulara bishaan jalatti haleellaa raawwatu' yaalte

  17. US hidhattota Huutii Yaman haleeltus garichi haleellaa Galaana Diimarratti godhu hin dhaabne jedhan Baayidan

    Joo Baayidan

    Madda suuraa, EPA

    Ameerikaan buufataalee hidhattoota Huutirratti haleellaa gaggeessitus garichi haleellaa dooniwwan Galaana Diimarratti gaggeessu akka hin dhaabne Baayidan ibsan.

    Torbee darbee kaasee US si'a heddu hidhattoota Huutirratti gaggeessaa turte. Garuu Kamisa, Amajjii 18, garichi doonii US irratti haleellaa gaggeesse.

    Hidhattoonni huutii misa'ela lamaan doonii V Chem Ranger jedhamturratti haleellaa raawwatanis miidhan gahe hin jiru jedhe Peentagon.

    Hidhattoonni Huutii doonii USrratti haleellaa kan gaggeessan US marsaa shan buufataalee hidhattoota Huutii erga haleeltee booda.

    US misaa'elotaa hidhattoonni Huutii ittiin Galaana Diimarratti haleellaa gaggeessan heddu mancaasuu US beeksiftee turte.

    Haleellan US Huutirratti gaggeessitu garicharratti dhiibbaa ni gaggeessaa gaaffii jedhu gaazexeessitoonni Pirezidaant gaafatanii haleellichi hidhattoota Huutii akka hin dhaabdne dubbatan.

    Hidhattoonni Huutii Galaana diimarratti haleellaa gaggeessu itti fufu jedha Baayidan.

    Ittaanaa Pirees Sekireetarii Peentagon kan ta'an Sabriinaa Siingaa, "Nuti waraana hin barbaannu. Huutii wajjin waraanatti gallee hin jirru. Tarkaanfin nuti fudhataa jiruu tarkaanfii of-ittisuuti" jedhan.

  18. Somaaliyaan hanga waliigalteen Itoophiyaafi Somaalilaand hin haqamnetti hin mariyadhu jette

  19. Xiyyaarri Itoophiyaa yeroo qubatutti rakkoo gommaasaa mudateen daandiirraa gore

    Suuraa xiyyaaraa Itoophiyaa Maqaleetti karaarra maqe jedhamee miidyaa hawaasarratti maxxanfame

    Madda suuraa, @ProfKindeya

    Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa xiyyaaraa Itoophiyaa Maqaleetti karaarra maqe jedhamee miidyaa hawaasarratti maxxanfame

    Xiyyaarri Itoophiyaa lakkoofsi balalii isaa ET106 ta'e magaalaa Finfinneerraa ka’ee Maqalee, Buufata Xiyyaara Idil-addunyaa Alulaa Abbaanaggaa erga qaqqabee booda wayita qubatutti rakkoo gommaasaa mudateen daandii balaliirra maquu Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa beeksie.

    Taatee kanaan imaltootaafi hojjetoota xiyyaarichaarra miidhaan gahe akka hin jirre dhaabbatichi miidiyaa hawaasaarratti ibseera.

    Rakkoon xiyyaara kana mudate gommaan isaa dhohuu akka ta’e aanga’oonni mirkaneessaniiru.

    Hoggantoota olaanoo Tigraay kessaa tokko kan ta’an Piroofeesar Kindeyyaa Gabre-Hiwot fuula X isaaniirratti akka barreessanitti, imaltootarra miidhaan gahe hin jiru.

    Akka TV Tigraay fuula Facebook isaarratti baasettis, xiyyyaarri kun Maqalee, Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Alulaa Abbaa Naggaa kan qubate naannoo 8:00pm irrattidha.

    Akka gabaasa TV kanaatti, xiyyaarri kun yeroo qubatutti gommaa isaa rakkoon mudatus miidhaan gabaafame hin jiru.

    Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa sababa balaa sanaa akka qoratu ibsuun, rakkoo mudateef imaltoota dhiifama gaafateera.

  20. Iraan biyyoota ollaa keessatti haleellaa gaggeessiteen misaa'eloota akkamii akka qabdu agarsiiste