Pireezidantoonni duraanii US Kiliintanifi Buush Yuukireeniif deeggarsa ibsatan
Pireezidantoonni duraanii US Biil Kiliintan fi Joorji W Buush mana amantaa Yuukireen Chikaagoo jiru daawwachuun deeggarsa Yuukireeniif qaban ibsataniiru.
Waldaa Kaatolikii qulqulloota Voloodimiir fi Oolhaatti argamuun abaaboo suufii haada halluu cuquliisaa fi keelloon (alaabaa Yuukireen) ofirraa qabu kaa'aniiru.
Chikaagoo keessa lammileen Yuukireen hedduun kan jiraatan yoo ta'u, Chikaagoon magaalaa gudditti Kiyiiv waliin 'magaalota michuuti'.
Joorji Buush ergaa addatti tiwiitarii irratti barreessaniin, "Ameerikaan yeroo isaan bilisummaa fi egeree isaaniif lolaa jiran kanatti uummata Yuukireen tumsuun waliin ni dhaabbatti," jedhan.