Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Baayiden dorgommicha mo'achaa jiraachuu himan

Filannoo Pireezidantummaa Ameerikaa itti bahi isaa addunyaa guutuun eegamaa jiruun, adeemsi lakkaa'uu sagalee harkifatuus Baayidan dursaatuma jiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Bu'aa filannoo Ameerikaa baruuf hagam dhiyaanneerra?

    Sagaleen Kamisa lakkaa'amaa oole isteetiiwwan dabaataa Baayidan ykn Tiraamp irratti injjifatan adda hin baafne.

    Garuu dimokraatonni injifannootti dhiyaachaa jiraachuu mul'isu.

    Ammatti xiyyeeffannaan isteetiiwwan afur irra jira:

    • Joorjiyaa: Ammallee Tiraamp dursaa jiru. Garuu garaagarummaan ittiin dursan dhibbeentaa 90n dhiphateera. Duraan sagalee 18,000n dursaa turan amma 1,800 ta'e. Sagaleen hin lakkaa'amiin hafe 15,000 gadi.
    • Nevaadaa: Baayidan sagalee caalmaa 8,000n dursaa ture irraa gara 11,000tti ol guddifatan.
    • Peensilvaaniyaa: Tiraamp garaagarummaa sagalee 160,000 dursaa ture Kamisa kan eegalan.Booda garaagarummaan kun gara sagalee 25,000 gadiitti hir'ate. Sagalee hin lakkaa'amiin 220,000 hafeera.
    • Arizoonaa: Iddoon Tiraamp ifa abdii itti qaban tokkichi kana. Baayidan sagalee 69,000n dursaa turan booda gara 46,000tti gadi bu'e. Asilleen sagalee hin lakkaa'amiin 200,000 oltu hafe.
  2. Ashamaa!, Deebineerra!

    Bu'aan filannoo pireezidantummaa Ameerikaa ammallee gara tokkotti hin cinne.

    Kaadhimamaan dimokiraatotaa Joo Baayidan dursa jiru.

    Haa ta'u malee isteetiiwwan murteessoo sagaleen lakkaa'amee hin dhumne akka Peensilvaaniyaa, Joorjiyaa, Arizoonaa, Nevaadaa fi Karolinaa Kaabaa keessatti kaadhimamtoonni lamaan qabxii walitti kaluu galmeessaa jiru.

    Itti baha filannoo kanaa jala buunee isin biraan geenya.

    Odeessaalee kaaniif marsariitii keenya hordofaa. Oolmaa Gaarii!

  3. Abdiin Dimokiraatonni seneetii harka caalu dhuunfachuuf qaban hin milkoofne

  4. Iraan bu'aan filannoo US 'imaammata kiyya hinmiidhu' jette

  5. Firiin sagalee filannoo baramuutti dhiyaannaan Tiraamp ‘lakkaa’u dhaabaa’ jedhan

    Firiin sagalee filannoo Ameerika baramutti dhiyaannaan Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ''lakkaa'uu dhaabaa'' jechuun tiwiitara gubbaa barreessan.

    Roobii kaleessaa filannichi ’’uummata Ameerikaa burjaajessutti'' ibsan.

    Filannichi burjaaja’u garuu ragaan argame hin jiru.

    Bulchiinsota Ameerikaa hedduttiis sagalee lakkaa’un akka dhaabatu himannaa seera eegalan.

    Dabalataan, Wiskansitti sagaleen kenname irra - deebiin akka lakkaa’amu gaafatameera.

    Nevaadaattis paartiin isaanii namoota 10,000 achii hin jiraannetu sagalee kenne jechuun himannaa banuuf karoorseera.

  6. Ameerikaatti namoonni haaraa 100,000 Covid-19'n qabaman

  7. Namoonni intala durbaa Somaaliyaatti gudeedanii ajjeesan du’aan adabaman

    Manni murtii Somaaliyaa, Puuntland argamu namoota lama intala durbaa ganna 14 gudeedanii ajjeesaanitti murtoo du’aa mure.

    Namoonni lamaan Mohaammad Abdii Faraay fi Abdirahamaan Mohaammad Isaaq jedhaman magaalaa Bosaasootti intala durbaa ol adeemtu kana butanii jalqaba bara kanaatti butuu amaniiru.

    Ji’oota muraasaan as Somaaliyaatti haleellaan akkasii hammaata jira.

    Poolisiin yakkoota akkasii hedduu qorataa kan jiru wayita ta’u, dhimmi dubartiin ganna 19 magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqdishuutti Fulbaanaa darbe gudeedamtee bakkeetti gatamtee qorannoo kana keessatti argama.

  8. Waa'ee lola Tigraay hogganoonni addunyaa maal jedhan?

  9. Rippablikaanonni irra deebiin Seneetii harkatti galfatan

    Bu'aan filannoo pireezidantummaa US ammayyuu gara tokkotti hin cinne. Kan Mana maree bakka bu'oota uummataa fi Seeneetii garuu barameera.

    Eenyuyyuu pireezidantii ta'u Mana Maree bakka bu'ootaa fi Seneetii keessatti wanti jijjiiramu waan jiru hin fakkaatu.

    Akkuma kana duraa Rippablikaanonni Seneetii irratti teessoo caalmaa yoo argatan, Dimokiraatonni ammoo mana maree bakka bu'ootaa irratti caalmaa argataniiru.

    Manni maree bakka bu'ootaa fi Seneetiin walitti Kongirasii kan uuman yoo ta'u pireezidantiin filamu akkuma waggota afran darbanii Koongirasii paartilee lamaan jidduutti qoodame qabaata.

    Dimokiraatonni sagalee caalmaa argachuun Seneetii of harka galfachuuf heddu yaalanis itti hin milkoofne.

  10. Deeggartoonni fi mormitoonni Tiraamp US bakka gara garaatti hiriira bahan

    Miidiyaa hawaasummaa irratti sagaleen Tiraampiif kenname hin lakkaa’amu jdhamee dubbatamuu hordofee wiirtuun sagaleen filannoo itti lakkaa’amu Maricopa, Arizonaa fuulduratti namootni Rippaplikanoota deeggaran walitti qabaman.

    Mormitoonni tokko tokko wiirtucha keessa seenanii kan turan yoo ta’u akka gadi ba’an taasifameera.

    Aanga’oonni poolisii waamuuf kan dirqaman yoo ta’u, hojjattoonni garuu sagelee lakkaa’uu addaan hin kutne.

    Bu’aan filannoo Arizoona ammatti hin beekamu. Hanga ammatti sagaleewwan Maricopa %82 lakkaa’aman irratti Joo Baayden dursaa jira.

    Anga’oonni sagaleewwan 400,000 ol hin lakkaa’amiin jiran akka qaban himu.

    Bulchiinsi, magaalaa Fiiniksi of keessatti qabatu kun, isteetii Rippaablikaanii ta’uun beekamtu keessatti akka dirree waraanaa filannootti ilaalama.

    Poortilaandi fi Origoonitti ammoo hiriirri mormii kanneen Tiraamp sagaleen lakkaa'amuun haa dhaabbatu jechuu mormuuf bahan hokkoratti geeddarameera.

    Humni 'national guard' jedhamu hokkora kana to'achuuf socho'eera.

    Mormiin wal fakkaataan Niwu Yoork, Filaadeelfiyaa fi Chikaagoo keessattis kan mul'ate yoo ta'u Minesotaatti mormitoonni 200 ta'an karaa cufanii turan.

  11. Gorsituun hafuuraa Tiraamp akka filannoo mo’atuuf kadhachaa jirti

    Gorsituun hafuuraa Donaald Tiraamp Poolaa Waayit-Keen tajaajila kadhannaa gaggeessaa turteen Waaqayyoo Tiraamp lammata akka filatamuuf deeggarsa hatattamaa akka kennuuf gaafatteetti.

    Addatti immoo ‘walgahii hafuura hamaa’ filannicha Tiraamp irraa hatuuf jedha jettee irratti xiyyeeffatteetti Viidiyoon kadhannaa ishee miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodamaa jira.

    Bal'inaan namooti oduu bu’aa filannichaa warra eegantu qoodaa ture.

  12. Bulchaan Pensilvaaniyaa waamicha Tiraamp sagalee filannoo lakka’uu dhaabuu didan

    Gartuun duulaa filannoo pireezidant Tiraamp akka sagalee filannoo lakka’uun dhaabbatuuf yaalanis, bulchaan Pensilvaaniyaa, Toom Woolf, sagalee lakkaa’uun itti fufa jedhan.

    Tiraamp Peensilvaaniyaa keessatti Dimokraatonni sagalee filannoo hatuu yaada jiru jechuun himata.

    Hogganaan itti aanaa duulaa na filadhaa Tiraamp Jastin Kalaark, Dimokaatonni “ sagalee Rippaablikaanoota balleessuufi dhoksuuf korachaa jiru,” jedha.

    Ta’us garuu filannoo irratti rakkoo ykn hanni kamuu jirachuu isaaf gabaasni hin jiru.

    “Adeemsa dimokiraatawaa kana danquuf yaaliin godhamaa jiru kun nama qaannessa,” jedhan Woolf.

    “Sagalee jiraattoota Pensilvaaniyaa eeguuf cimee nan lola. Sagaleen hundi akka lakkaa’amuuf wanti humnikoo naa eeyyame hunda nan godha.”

    Magaalota biyyattii hedduu keessatti Tiraamp sagalee lakkaa'uun haa dhaabbatu jechuu mormuun jiraattonni hiriira bahuutti jiru.

  13. Gareen Tiraamp akkaataa sagaleen itti lakkaa’amaa jiru mormuun himata bane

  14. Tiraamp isteetiiwwan afur keessatti himata bane

    Doonaald Tiraamp isteetiiwwan sagaleen lakkaa'amee hin dhumiin keessaa tokko kan taate Joorjiyaa keessatti sagalee lakkaa'uun akka dhaabbatu gaafatan.

    Himatni isaanii iddoo Chaataam jedhamutti hojjetaan buufata filannoo tokko sagalee gama poostaan kenname 53 erga sa'aatiin darbee fidee itti dabale jedha.

    Joorjiyaan isteetii afraffaa pireezidantichi himata irratti bane taateetti. Iddoo himata bane marattuu bu'aan filannoo hatamaa jira jedha garuu sanaaf ragaa hin dhiyeessine.

    • Michigaanitti gareen duula Tiraamp qindeessu sagalee lakkaa'uun akka dhaabbatu himata bane. Asitti Baayidan garaagarummaa xiqqaan akka mo'atu eegama.
    • Peensilvaaniyaatti Riippablikaanonni sagalee gama poostaan kennaman guyyaa gaafa sagaleen kennamee ofirraa qaban garuu ammoo hanga guyyoota sadii barfatanii iddoo itti lakkaa'amu gahan lakkaa'amuu hin qaban jedhu. Asitti sagaleen kuma dhibbaan lakka'amu hin lakkaa'amiin jira.
    • Wiiskoonsinitti gareen duula Tiraamp qindeessu sagaleen irra deebiin akka lakkaa'amu gaafateera. Kunis adeemsa Kibxataa irratti rakkoon mul'achuu eeruuni.
  15. Baayiden marsaritii ce’uumsaa qopheeffate

    Kadhimamtoonni yeroo filannoo pireezidantumma injifatan, Amajjii itti aanutti wal harkaa fuudhiinsa aangoof akka isaan gargaaruuf gartuu ce’umsa ykn wal-harkaa fuudhiinsa qindeessan qopheeffachuu qabu.

    Filannoo kanaratti ammatti injifataan hin baramnee, ta’us kadhimamtoonni lamaan injifannoo akka argatan abdachutti jiru.

    Amma Joo Baayiden marsaritii ce’umsaa isaa -Build Back Better- jedhamu qopheessera.

    Marsariitiin kun “rakkoowwaan biyyatti qunnaman hedduudha - weerara dhibee hanga dinaagdeen kufuutti, jijjiirama qilleensaa hanga jibba sanyuummatti jira, kanaaf bulchiinsi Baayidani fi Itti aantuu isaa Haaris guyyaa tokkoffaa irraa eegale jijjirama akka uumutti gartuun ce’uumsaa ciminaan qophaa’uu itti fufa,” jedha.

    Roobii yoo pireezidantii ta’ee filatamee aangoo fudhate guyyaa jalqabaa irratti waliigaltee haala qilleensaa Paaris, US deebitee akka seentu akka godhu waadaa seeneera.

    Bara 2016tti Donaald Tiraamp akkuma gochuu barbadeetti US waligaltee kana keessa Roobii darbe ture kan baate.

  16. ‘Qaamni alaa filannoo US isa ammaa keessa galuu isaaf ragaan hin jiru’

    Mootummaan Ameerikaa humni alaa filannoo Ameerikaa keessa harka galfachuu isaa ragaa hin qabu jedhan qondaalli waajira nageenya biyya keessaa.

    Kiriistoofar Kireebs,"diinni alaa lammiilee Ameerikaa filachuurraa dhorku yookiin bu’aa sagalee geeddarsiisu jiraachuuf ragaan hin jiru” jedhan.

    Dhaaboti tikaa Ameerikaa filannoo bara 2016tti Ruusiyaan harka galfachuun yeroos kaadhimamtuu demookiraatii kan turte, faallaa Hilaarii hojjechaa turte jedhanii turan.

    “Humna alaa sagalee lakkaa’amaa jirus tahe bu’aa dhumaa jeequu yaalan irraa of eeggachaa jirras,” kan jedhan Kireebs, ummatni obsa amma agarsiisaa jirus akka jabeessus gaafachaa jiru.

    Gareen pireezidaant Tiraamp kutaalee biyyaa garaagaraatti himannaa seeraa banaa jiru.

    Kibxata galgala sagalee kennuun erga xumuramee booda Tiraamp “uummanni gowwoomfameera,” jechuun sagaleen filannoo akka hatame dubbatanillee ragaa hin dhiyeessine.

  17. Joo Baayidan 'akka injifannu ifa ta'eera' jedhan

    Joo Baayidan haasaa miira ofitti amanamummaa qabuun taasisaniin waa'ee tokkummaa biyyattii dubbatan.

    "Akka injifanne himuuf miti kanan as jiru, sagalee lakkaa'uun wayita dhume gabaasuufi, akka injifannu ni amanna" jechuun dubbatan.

    Isteettiiwwan murteessoo ta'an keessatti ammallee sagaleen lakkaa'amaa jira. Haa ta'u malee kaadhimamaam diimokiraatotaa kun haala amma dura mul'atee hin beekneen sagalee hedduu argachuu himu.

    Kuni soba miti - hanga walakkeessa halakniitti Baayidan sagalee filattoota miliyoona 70.5 argateera, kun kan Tiraamp miliyoona 67.2 ta'e miliyoona sadi oliin caala.

    Sagalee hedduu argachuun seenaa filannoo Ameerikaa keessatti rikoordii qabatanii kan turan Baraak Obaamaa yoo ta'an, bara 2018 sagalee namoota miliyoona 69.5 argatani

    Haa ta'u malee sagalee caalmaa argachuun mo'ataa nama hin taasisu. Bu'aan filannoo isteetiiwwan akka Arizoonaa, Joorjiyaa, Nevaadaa, Wiiskoonsin fi Peensilvaaniyaa baramuu qaba.

    Kuni ammoo sa'aatii ykn guyyoota sabalataa fudhachuu mala.

  18. ASHAMAA!

    Gabaasa adeemsa filannoo pireezidantummaa US 2020, kallattiin isin biraan ga'uu eegalleerra.

    Dhiyaadhaa!

    Ammatti sagaleen filannichaa lakkaa'amee kan hin xumurumne ta'us, dursa kan qabatee jiru Joo Baayidanidha.

  19. Baayiden dorgommicha mo'achaa jiraachuu himan

  20. Waggoota 120 keessatti lakkoofsi namoota filannoo Ameerikaarratti sagalee kennanii olaanaa ta'ee galmaa'e

    Lammileen Ameerikaa miliyoona100 fi miliyoonni 60 olitu filannoo pirezedantummaa Ameerikaaf baranaaf sagalee kenne- Lakkoofsi kun waggoota 120 keessatti olaanaa ta'uu sagantaan filannoo biyyattii ibseera.

    Namoota filachuu danda’an keessaa %66.9 filannoorra sagalee kennuun bara 1900 irraa kaasee lakkoofsa olaanaa ture.

    Bara sanattii Pirezedanti Wiliyaam Mikinliyi morkaatasaa kan Dimokiraatota bakka bu’e Wiliyaam Jiningis Biriyaan injifate ture.

    Barana sagaleen karaa poostaan kennamuu fi namoonni kaan immoo koronaavaayirasii sodaatanii dursa sagalee kennan jedhu namoonni filannicha taajjaban. Isaan keessaa miliyoonni 100 ol dursanii sagalee kennan.