Bu'aa filannoo Ameerikaa baruuf hagam dhiyaanneerra?
Sagaleen Kamisa lakkaa'amaa oole isteetiiwwan dabaataa Baayidan ykn Tiraamp irratti injjifatan adda hin baafne.
Garuu dimokraatonni injifannootti dhiyaachaa jiraachuu mul'isu.
Ammatti xiyyeeffannaan isteetiiwwan afur irra jira:
- Joorjiyaa: Ammallee Tiraamp dursaa jiru. Garuu garaagarummaan ittiin dursan dhibbeentaa 90n dhiphateera. Duraan sagalee 18,000n dursaa turan amma 1,800 ta'e. Sagaleen hin lakkaa'amiin hafe 15,000 gadi.
- Nevaadaa: Baayidan sagalee caalmaa 8,000n dursaa ture irraa gara 11,000tti ol guddifatan.
- Peensilvaaniyaa: Tiraamp garaagarummaa sagalee 160,000 dursaa ture Kamisa kan eegalan.Booda garaagarummaan kun gara sagalee 25,000 gadiitti hir'ate. Sagalee hin lakkaa'amiin 220,000 hafeera.
- Arizoonaa: Iddoon Tiraamp ifa abdii itti qaban tokkichi kana. Baayidan sagalee 69,000n dursaa turan booda gara 46,000tti gadi bu'e. Asilleen sagalee hin lakkaa'amiin 200,000 oltu hafe.