Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Baaraak Obaamaan ammas ittisa koroonaavaayirasii irratti bulchiinsa Tiraamp qeeqan

Obaamaan sirna eebbaa barattoota kolleejjii irratti ergaa karaa interneetaa dabarsaniin weerarri kun ''hoggantootni baay'een inumaayyuu bakkichaaf akka hin taane nutti agarsiise'' jedhan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Yeroo kanatti wantoota korojoo keessan keessaa dhabuu hin qabne afran

  2. Golgaan fuulaa ykn maaskiin faashinii tahaa jira

    Golgaan fuulaa kaawwachuun erga dirqama tahee amma faashinii tahaa dhufe.

    Weerara koroonaavaayirasii ittisuuf jecha namootni adunyaa hedduun golgaa ykn maaskii kaawwachaa jiru. Kana hubachuun akkuma faashinii kaanii haala uffata kaan waliin wal fakkaatuun miidhakfamee hojjetamaa jira.

    Namootni ogummaan miidhaksan ykn diizayinerotnis hojii kana irratti xiyyeeffachuun oomishaa jiru.

    Fuula Inistaagiraamii Styleconnaisseur. Jedhamuun kan beekamtu Anjel Obaasii amma namuu faashinii godchuun akka fayyadamaa jiru ibsite.

    Dubbii himtuun mana maree Ameerikaa Naansii Peelosii haala argamu Kanaan uffata isaanii waliin wal fakkeessuun uffataniiru.

    Pirezidaantiin Isloovekiyaa Zuuzanaa Kaputuvas akkasuma bifa faashiniidhaan uffataniiru.

  3. 'Hojjettootni fayya koroonaavaayirasii qolachaa turan 40 du'aniiru'

    Ministeerri fayyaa Dagestaan lakkoofsi namoota koroonaavaayirasiin du’anii isa gabaafameen ol tahuu himan.

    Rippaabilikni Dagestaan naannoo Kaaba Raashiyaatti argamtu taatee qaama bulchiinsa mootummaa federaalaa Raashiyaati.

    Ministeerri Fayyaa Dagestaan akka jedhanitti Raashiyaatti hojjettootni fayyaa adda dureen vaayirasicha qolachuuf hojjechaa turan 40 tahan vaayirasichaan du’aniiru.

    Ministirri fayyaa Dagestaan akka jedhanitti bulchiinsa isaanii keessatti namootni 27 biroos koroonaavaayirasiin du’aniiru.

    Namootni 657 tahanis dhibee sombaa isaan mudateen du’uu himanii mallattoon isaan irratti mul’ate garuu kan koroonaavaayirasiin wal fakkaata jedhan. Bu’aan qorannoo garuu akka hin mirkaneessine himan.

    Raashiyaan lakkoofsa namoota koroonaavaayirasiin du’anii dhoksaa jirti odeeffannoon jedhu gabaafamaa ture.

  4. Bayern Munik har’a Yuuniyeen Berlin waliin taphata

    Sababa weerara koroonaavaayirasiin erga addaan citee kan turee dorgommiin Bundisliigaa Jarman kaleessa taphatamuu jalqabe.

    Borishiyaa Dortimoondi kaleessa Shaalki 04 waliin taphatee 4 fi 0’n mo’atee qabxii tokkoon Muunik irraa duubatti hafuun sadarkaa 2ffaa irra taa’eera.

    Kaleessa taphootni jaha gaggeeffaman hundinuu bakka deeggartootni hin jirretti taphataman.

    Ogeessotni miidiyaafi qaamonni murteessoo tahan biroon dirreetti argamanis wal irraa fagatanii taa’aa turan.

    Liigicha qabxii 55’niin kan dursu Bayerni Munik ammoo hara Yuuniyeen Berlin waliin taphata.

    Piriimer Liigiin Ingiliz akkasuma ji’a Waxabajii keessa irra itti fufuun taphatama jedhamee eegama.

  5. Itoophiyaatti namootni haaraan 11 koroonaavaayirasiin qabaman

    Sa’a 24 darbetti namoota 4225 tahaniif qorannoon gaggeeffamee kanneen keessaa namoota 11 irratti vaayirasichi argamuu ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa karaa tiwiitera isaanii ibsaniiru.

    Namoota haaraa vaayirasichi irratti argame keessaa torba seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo tahu sadii ammo namoota dhukkubichaan qabaman waliin walitti dhueenya kannen qabanidha.

    Namni tokko garuu seenaa imala biyya alaas tahe dhukkubsatoota waliin walitti dhufeenya homaa kan hin qabne tahuu ibsameera.

    Akka biyyattiitti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 317 gaheera.

    Hanga ammaatti lubbuun kan darbe namoota shan. Walumaagalatti namootni 113 tahan ammoo vaayirasicha irraa bayyaannataniiru.

  6. Qataar nama maaskii hin uffanne hidhaan nan adaba jette

    Qataar haguggaa afaaniifi funyaanii ykn maaskii uffachuu dirqama gootetti. Namni irra deddeebiin seera maaskii uffachuuu hin kabajiin hafe hidhaa waggaa sadii ykn addabbii maallaqaa gara doolara 55,000 (birrii miiliyoona 1.8) akka adabamu beeksisteetti.

    Biyya lakkoofsa uummataa miliiyonaa sadii qabdu kana keessatti namootni 30,000 ol ta’an koronaavaayirasiin qabamaniiru.

    Addunyaa keessatti biyyoota dureeyyi jedhaman keessa tokko kan jedhamtu Qataar keessatti masjiidoti, manneen barnootafi gamoowwan dabalatee suqii gurguddoon cufamanii jiru.

    Qophii Waancaa Addunyaa 'Fifa' 2020’f of eeggannoo barbaachisan gochuun nannooleen ijaarsaa garuu hojii itti fufanii jiru.

  7. Shamarree Itoophiyaa hir'ina 'maaskii' furuuf tattaafataa jirtu

  8. Keeniyaan daangaa lafaa Taanzaniyaafi Somaaliyaa waliin qabdu cufte

    Pirezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaatta geejjiba fe’uumsaan alatti daangaan lafaa Taanzaniyaafi Somaaliyaa akka cufaman ajaje.

    Ajaji kun kan hojirra oole Sanbata halkan walakkaa irraa eegaluuni.

    Qorannoon koronaavayirasii daangaa irratti taasifamu konkolaachistoota hundaaf dirqamadha.

    Torban darbe keessa konkolaachistoonni 78 koronaavayirasiin irratti argame akka biyya hin seenneef dhorkamuu isaanii PirezIdaant Keeniyattan dubbataniiru.

    Dabalataaniis biyyattiitti murtee sochii sa’atiin ugguruufi sochii magaalota gidduu taasifamuu dhorkamee jiru yeroo lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa dhufe kanatti akka itti fufuuf dheeressaniiru.

  9. Mariin siyaasaa ol-aanaan Itoophiyaa fi Sudaan gidduutti gaggeeffamaa jira

  10. Koronaavayirasiin godaantotaaf rakkoo dabaleera

    Godantoonni Afrikaa kumaataman lakka’aman lafa deemuu barbaadan osoo hin ga’in sababa koronaavayirasiin karaa irratti danqamanii jiru.

    Dhabbata Mootummoota Gamtoomanitti ga’een dhimma godaantoota hordofu IOM akka beeksisetti lakkoofsi godaantota gara Awuroppaa seenanii guddaa hir’iseera.

    Ji’oottan darban keessatti fakkeenyaaf Bitootessa keessa godaantota 7223, Guraandhala 9624 fi Amajjii keessa ammoo godaantonni kuma 11 ol ta’an Yaman seenaniru.

    Ji’a Caamsaa keessa garuu lakkoofsi kun gara 1725tti hir’ateera.

    Waggaa darbe keessa bidiruu xixiqqaa fayyadamuun godaantota kuma 138 Yaman keessa darbuun Sa’udii Arabiyaa galan keessaa harki caalan lammilee Itoophiyaadha.

    Jireenya foyya’aa argachuuf jecha gara Awurooppaatti imaluu kan eegalan godaantoti hedduu socho’uu waan hin dandeenyeef yeroo ammatti Somaaliyaa magaalaa Bosasoo keessatti argamu.

    Akka IOM jedhutti godaantonni hundi kana dura imalaa waan turaniif sodaan koronaavayirasii qabaachuu danda’u jedhu namootni akka isaan hin gargaarre taasiseera.

    Yeroo biyyootiin Awurooppa murtee sochii ugguruu isaanii hir’isaa deemanitti lakkoofsi godaantotaa hedduu dabaluu dana’a jedhamee eegama.

  11. Baaraak Obaamaan ammas ittisa koroonaavaayirasii irratti bulchiinsa Tiraamp qeeqan

    Pirezidaantiin duraanii US Baaraak Obaamaan ammas koroonaavaayirasii qolachuu irratti bulchiinsa Tiraampi qeeqan.

    Obaamaan sirna eebbaa barattoota kolleejjii irratti ergaa karaa interneetaa dabarsaniin weerarri kun ''hoggantootni baay'een inumaayyuu bakkichaaf akka hin taane nutti agarsiise'' jedhan.

    Qeeqni ittisa vaayirasichaa ilaalchisee bulchiinsa Tiraampi irratti kaasan erga yeroo dhiyootii asitti kanaan yeroo lammaffaa tahuu isaati.

    Konfiransii torban darbe gaggeeffamee irraa odeeffannoon bahe akka agarsiisutti ittisa vaayirasichaa '' gonkuma qindoomina kan hin qabne'' jechuun ibse.

    Sirna eebba barattoota irra caalaan isaanii gurraachota tahanii irratti Obaamaan Covid-19 hoggansi biyyattii kufaa tahuu isaa saaxile jedhan.

    Sa’a 24 darban keessa namoota 1200 tahantu Ameerikaatti vaayirasichaan du’e.

    Walumaagalaan ammoo namoota 89,000 tahuu isaaniiti.

  12. Kanneen Covid-19n haalan dhibaman irratti itituun dhiigaa hamaa argame

    Namoota koronaavaayirasiin qabamanii akka malee dhibaman keessaa dhibbeentaa 30 kan ta'an irratti itituun dhiigaa hamaa ta'e argame jedhan ogeeyyiin fayyaa.

    Itituun dhiigaa 'tiroomboosis' jedhamu kun namni hedduun akka du'u gumaachaa jiraachuus himan.

    Kan uumaman ammoo wayita qaamni namaa vaayirasicha ofirraa loluuf jedhu kulkula somba keessatti uumamuuni.

    Rakkoolee adda addaa dhibamtoonni Covid-19 biyyoota adda addaa keessatti isaan mudatu keessaa kuni tokko.

    Ititi dhiigaa kun caccabee ujummoo dhiigaa duuchuun gaaga'ama lubbuuf nama saaxiluu kan danda'udha.

  13. Amma nu gahe, Itoophiyaatti sa'atii 24 darban keessatti namoonni 19 Covid-19n qabaman

    Itoophiyaa keessatti sa'atii 24 darban keessatti qorannoo namoota 4,044'f taasifameen namoota 19 irratti koronaavaayirasiin argamuu Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa ibsan.

    Namoota qabaman keessaa 15 seenaa imalaa kan qaban yoo ta'u namoonni lama ammoo kanneen vaayirasichaan qabamanii turan waliin kan tuttuqqii qabaachaa turaniidha.

    Lamaan hafan ammoo seenaa imalaas ta'e kanneen vaayirasicha qaban waliin walitti dhufeenya kan hin qabnedha.

    Namoonni vaayirasichi irratti argame hunduu lammiilee Itoophiyaa umuriin isaanii 16-55 gidduutti argaman yoo ta'u dhiira 15 fi dubara 4'dha.

    Namoota qabaman keessaa lama jiraattota magaalaa Finfinnee, lama naannoo Oromiyaa magaalaa Giincii, sadi naannoo Tigraay, tokko naannoo Amaaraa fi 11 ammoo naannoo Somaalee irraati.

    Itoophiyaa hanga ammaatti namoota 306 vaayirasichaan qabaman keessaa 5 kan du'an yoo ta'u kan har'aa tokko dabalatee namoonni 113 bayyanataniiru.

  14. Bundasliigaan Jarman eegale

    Liigiin tapha kubbaa miilaa Jarman Bundasliigaan sababa koronaavaayirasiin adda citee ture dorgommiitti deebi'e.

    Kilaboonni bakka deeggartoonni isaanii hin jirretti karra cufatanii taphatu.

    Har'a taphoonni jaha kan taphataman yoo ta'u, Borushiiyaa Dortimund fi SHaalki, akkasumas dursaan liigichaa Baayarn Muunshin Yuuniyan Barlin waliin taphatu.

    Deeggartoonni akka gara istaadiyamii hin seenne poolisiin ni eega.

    Taphattoonni hundi kan qorataman yoo ta'u abbootii seeraa fi leenjistoota dabalatee nama 300 hin caalletu istaadiyeemiitti argama.

  15. UK'tti saroonni vaayirasii adda baasuu danda'uu isaanii yaalii eegalan

    UK keessatti saroonni dhimma fayyaa irratti leenji'an koronaavaayirasii suufanii adda baasuu danda'uu isaanii yaaliin eegalameera.

    Saroonni kunneen duraan foolii kaansarii, malaariyaa fi dhukkuba paarkiinsan jedhamu akka adda baasan kan leenji'anidha.

    Fooliin namoota vaayirasichaan qabamaniifi hin qabamnee saamudni erga fudhatamee booda sarootni jaha suufanii akka adda baasan taasifama.

    Yaalii kana 'London School of Hygiene & Tropical Medicine' Yuunivarsitii Durhaam waliin ta'uun kan dursan yoo ta'u mootummaan UK maallaqaan deeggara.

    Saroonni kunneen ariitiin bu'aa qorannoo kan himan waan ta'eef galma mootummaan qorannoo waliin gahuuf qabate ni deeggara jedhamee abdatameera.

  16. Ogeeyyii fayyaa Sudaan meeshaalee of eeggannoo dhabuun yaaddesse

    Sudaanitti doktara meedikaalaa kan taate Saaraah Alii isa Dhaabbati Fayyaa Addunyaa lammiileen Afriikaa miiliyoona 250 ta'an waggaa tokkotti koronaavaayirasiin lubbuu dhabuu malu jedhe homaa ishee hin ajaayibne.

    ''Koronaavaayirasiin dhibee akka malee balaafamaadha'' kan jette Dr Saaraan, Sudaan ammoo durumaanuu sirni fayyaa ishee dadhabaa waan ta'eef daranuu saaxilamuu malti jette.

    Mallattoon koronaavaayirasii irratti waan argameef adda of baastee jiraachuu kan dubbattu Dr Saaraan,''meeshaan dhukkubsataan akka harganuuf deggeru(ventilator) guutuu biyyattiitti 200 qofatu jira. Hospitaalonni hedduun sababa hanqina gilaaviitiin durumaanuu cufamaniiru'' jetti.

    Kanarraa kan ka'e ogeeyyiin fayyaa dhukkubsataa qixa sirrii ta'een yaalaa hin jiran kan jettu Dr Saaraan lakkoofsi namoota qabamanii kan mootummaan gabaase caaluu mala shakkii jedhu qabdi.

    Biyyattiin hanga ammaatti namoonni 1964 vaayirasichaan qabamuu mirkaneessite.

  17. 'Talaalliin argamus, argamuu dhabus' US deebitee banamti - Tiraamp

  18. Gosa hojii kamtu koronaavaayirasiif daran saaxilamaadha?

  19. Ministirri Fayyaa Biraaziil sababa Covid-19 aangoo gadi dhiisan

    Ministirri Fayyaa Biraaziil Nelson Teich aangoo qabatanii ji'a tokko osoo hin guutin gadi dhiisan.

    Aangoo gadi dhiisuu isaaniif waan sababa ta'e ifatti dubbachuu baatanis, qondaalli kun tarkaanfiiwwan ittisa weerara koronaavaayirasii irratti pirezidaantii biyyattii Jair Bolsonaro waliin wal dhabaa akka turan himaniiru.

    Wayita pirezidaantichi mana ispoortii, mana bareedinaa fi manneen nyaataa akka banamaniif iyyaman murtee kanarra ga'uus dubbatan.

    Pirezidaanti Jair Bolsonaro uggura sochii uummataa haalaan mormaa turan.

    Ministirri Fayyaa kun erga weerara koronaavaayirasiitii as aangoo gadi dhiisuudhaan biyyattii keessatti nama lammaffaadha.

    Kanaan duras ministira fayyaa kan turan Luiz Henrique Mandetta walirraa hiiquu hawaasaa fi namni akka mana turuu qabu waan ajajaniif pirezidaantii biyyattiin hojiirraa har'aman.

    Biraazill keessatti yeroo ammaa tatamsa'inni koronaavaayirasii biyya kamuu caalaa yaaddoo uumeera.

    Sa'atii 24 darbe keessatti namoonni 15,305 qabamuudhaan lakkoofsa namoota qabamanii 218,000 irraan ga'eera.

    Hanga ammaatti namoonni 14,814 du'aniiru, kanneen keessaa namoonni 824 ta'ansa'atii 24n darban keessa du'an.

  20. Italiin uggura ji’oota lamaa booda balaliinsa eegaluuf

    Biyyoota Awurooppaa keessaa koronaavaayirasiidhaan daran kan hubamte Italiin sochii hawaasaa hunda uggurtee ji’oota lama booda balaliinsa eegaluuf jetti.

    Mootummaan biyyattii akka ibsetti Waxabajjii dhufu gaafa bultii 3 irraa eegalee balaliinsi gara biyyoota alaa, gara biyya keessaa fi kutaalee biyyattii gidduu ni eegalama.

    Tuuristoonnis gara biyyattii seenuun ni daawwatu.

    Suuqonnii fi manneen nyaataa ammoo Wiixata dhufurraa gara hojiitti deebi’u jedha mootummaan Italii.

    Kaatolikii dabalatee hordoftoonni amantiiwwan jiraniis guyyuma kanarraa eegalanii akkuma duriitti walga’anii waaqeffachuu akka eegalan iyyamameera.

    Garuu of-eeggannoon akka walirraa hiiquu fi maaskii godhachuu akkuma jirutti itti fufa.

    Italiin akkaataa baay’ina uummataa isheetiin baay’ina namoota vaayirasichaan du’aniitiin addunyaarraa jalqabarra jirti.

    Garuu dhiyeenya kana miidhaan vaayirasichaa kan salphate waan fakkaateef uggura keessee turte hedduu salphisuu eegalteetti.

    Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoonni 31,600 koronaavaayirasiin kan du’an yoo ta’u, lakkoofsi kun US fi Uk’tti aanee sadaffaarra jira.