Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paaraalimpikii Tookiyoo: 'Biyyakoo Itoophiyaaf kabaja horuu kiyyaaf baay'een gammade' - Tigist Gazzaahany
Paaraalimpikii Tookiyoo biyya Jaappaan Magaalaa Tookiyootti adeemsifamaa jiruun Itoophiyaan seenaa keessatti yeroo jalqabaaf warqii argatteetti.
Paaraa atileetiin medaaliyaa kana fiddemmoo Tigist Gazzaahany Mangistuu dha. Dorgommiin itti injifattees 1500m T13 jedhamuufi kanneen rakkoo ijaa qaban irratti hirmaataniini.
Dorgommiin Paaraalimpikii kuni Tigistif kan jalqabaadha. Dorgommii idil -addunyaa yoo taasistu garuu Paaraalimpikiin Tookiyoo kan lammataati.
Waggaadhuma baranaa dorgommii sadarkaa Afrikaatti Tuuniziyaatti taasifameen fageenyuma amma itti injifatteen shaampiyoonaa taateetti.
Osoo dorgommii biraarrattillee hirmaatte medaaliyaa fiduu akka dandeessu turtii BBC waliin taasisteen himteetti. Turtiin waliin taasifne kunooti.
BBC: Baga gammadde! Tookiyootti wanta guddaa biyyaaf hojjette. Mee miira kee nutti himi?
Tigist: Baay'ee gammadeera. Kana jedhee dubbachuu hin danda'u. Kaniin miniimaa (ulaagaa) guutuf fiige booda dorgommiin kuni dorgommii idil-addunyaa lammataati.
Anarraa kan ka'e biyyakoof kabaja horuu kootti baay'ee na gammachiiseera.
BBC: Durumaa asiiti yoo deemtu warqiin fida jettee yaaddee turtee?
Tigist: Keessakootti warqii nan fida jedhee yaadeera. Osoollee warqii fiduu baadhe lammaffaallee nan baha jedhee yaaden ture.
Ta'us, dorgommichi osoo hin beekamin (taasifamin) kanan fida jedhee namoota kaaniif hin dubbanne.
Dorgommicha irratti eenyu akka jiru, eenyu maal akka ta'es akkasumas morkataan [cimaan] haa jiraatu hin beekun ture.
BBC: Itoophiyaan kana dura Paaraalimpikiidhaan warqii fiddee hin beektu. Kana beekta turtee?
Tigist: Nan beeka. Leenjistoonnis nutti himu ture. Barana warqiin jalqabaa dhufa jechaas tura. Kanaaf, kana dura warqiin dhufee akka hin beekne natti himaniiru, dhagaheera.
BBC: Dorgommii gulaallii Tookiyootti taasiftes kan xumuraas ga'umsaan injifatte. Yeroo warqii injifatte fagootti isaan gattee deemte. Osoon dorgommii biraarrattillee hirmaadhe nan injifadha jettee yaaddaa?
Tigist: Ga'umsa qabuun osoo dorgommiin biraa jiraatee hirmaadhe nan injifadha jedhee nan yaada.
Dorgommii kanaaf waanin qophaa'aa tureef ga'umsa gaariirran ture. Dorgommii fiige kana irrattis riikardii cabsuuf xiqqoo ture kan na hafe [sakandii lama qofa duubatti hafte].
Riikardiin (kan paaraalimpikii) meeqa akka ta'e hin beekne ture. Garuu natti himaa turani. Isaan hin dhageenye malee.
Dorgommii seenuu koon dura itti yaadee waan hin seennefi waanin hin agarreefu hin cabsine. Osoo dorgommiin biraa jiraate bareeda nan fiiga jedhee nan yaada.
BBC: Kan fiiguu dhabde waan miinimaa (ulaagaa) hin guunnefidhaa?
Tigist: Fageenya 1500 T-13'n namni biraa hin turre. Minimaa fiduufis hin fiigamne natti fakkaata.
Amma ani 5000m fiigu nan danda'a ture. Miinimaa guutuf yeroo fiigame 5000m'nis osoo fiigame jiraate silaa asittis ni fiigama ture.
Tigist Gazzaahany eenyu?
BBC: Mee gara keetti deebina. Dhaloonnikee eessa? Akkamiin fiigicha eegalte? Fakkeenyikee eenyu?
Tigist: Ani Naannoo Amaaraa, Godina Shawaa Kaabaa , Aanaa Caaccaa, ganda baadiyyaa Ilaan Naqarsaa jedhamuttin dhaladhe.
Durumaa fiigichaa baay'en jaaladha. Ijoollee taanee osoo mana barumsaa jirruu Xurunash fa'i fiiganii alabaa yoo uffatan baay'ee na gammachiisa ture.
Sababa sanaan mana barumsaa osoon jiru ture fiigicha kaniin eegale.
BBC: Ergasii kilaba kam seente?
Tigist: Ani fiigicha kaniin eegale ALI bara 2006'ttidha. Magaalaa xiqqoo Caaccaa jedhamtu dhaqeeni fiigicha kaniin eegale. Achitti yeroos pirojektin xiqqoo ijoolleen jalatti walitti qabaman turte. Jalqaba achiin seene.
Achi hojjetaa ture bara 2010 achiitii bahee Dabra Birhaan seene. Osoon achi dalagaa jiruu bara 2011 kilaba poolisii Federaalaa seene. Amma kilabiin koo Poolisii federaalaadha.
BBC: Fageenya 1500 T-13 jedhuun dorgomte. T-13 jechuun maal jechuudha?
Tigist: T-13 jechuun guutummaa guututti qaroo dhabeessa kan hin taane garuu kan xiqqoo ilaaluu rakkatu jechuudha.
BBC: Paaraalimpikii Tookiyootti biyyoonni hedduu atileetota hedduu hirmaachisaniiru. Atileetonni medaaliyaa daddabalaniis fudhatan jiru. Wanti isaan irraa gartee osoo nutis qabaanne jettu maali?
Tigist: Biyyoonni hedduu atileetota 20 yookiin 30 fidanii dhufan jiru. Nuti Itoophiyaati kan dhufne sadii qofaadha.
Lakkoofsi atileetota keenyaa osoo dabalee, deeggarsi osoo jiraate dorgommiin Itoophiyaanonni injifachuu danda'an baay'etu jiru.
Dabalataan, osoo dorgommii minimaa guutuu irratti hirmaachuuf Koree Paaraalimpikii Idil-addunyaaf osoo namoonni dabalataa filamanii fi carraan kenname gaariidha.
Atileetonni Itoophiyaa cimoodha, fiiguu kan danda'anidha.
Inni ammaa darbeera fuuladuraaf garuu deeggarsi taasifamee osoo lakkoofsiifi deeggarsi atileetotaaf taasifamu osoo dabale gaariidha.
Akkasumas atileetiksii qofaan osoo hin taane ispoortii gosa kami irrattuu osoo hirmaachuun danda'ame bareedadha.
Qabxii baay'ee bareeda ni fidna jedhee nan yaada. Ammaan achi osoo akkas taasifame gaariidha.
BBC: Guddaa galatoomi!
Tigist: Isiniis galatoomaa.