Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bireentfoordi v Arsenaal-Tapha jalqabaa Piriimer Liigii Ingiliz 2021/22
Taphni Piriimer Liigii Ingiliz bara 2021/22 har'a Birentifordii kilaba erga 1947 yeroo jalqabaaf Piriimer Liigii seenee fi Arsenaal gidduutti jalqaba.
Kilabootni Landan lamaan morkii cimaa kan taasisan yoo tahu Arsenaal tapha jalqabaa dirreen ala taasisuun rikardii gaarii qaba.
Bireentford Shaampiyoonshippii irraa bara kana kan ol guddate yoo tahu, Arsenaal baroota dhiyoon as sadarkaa ittiin beekamu hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii keessaa bahaa dhufe gamanumaan morkii isaa tokko jedhee jalqaba.
Taphataan sarara duraa Bireentfordi Ivaan Toonii tapha kanaaf ni gaha jedhameera. Miidhama jilba isaa irra gaheen tapha michummaa xumuraa Vaalensiyaa waliin taasisan irraa hafee ture.
Taphataa haaraan kilabichaaf mallatteesse Yowaanee Wiisaa akkasuma qophiidha.
Arsenaal ganna kana kan ittisa irratti paawondii miliyoona 50'n mallatteesise Been Waayit, Albert Lokonga fi Nuunoo Tavaares tapha jalqabaa isaani taasisu jedhamee eegama.
Haa tahu malee, Toomaas Paartee, Edii Nikeetaa fi Gabri'eel tapha har'aaf hin gahan. Inumaa hanga ji'a Fulbaanaatti miidhama irraa bayyaannachuun taphatti hin deebi'an.
Bireentfordi
Bireentifordi tapha dorgommii cimaan Arsenaal waliin taphattee 1 fi 0'n mo'amte bara 1947 kan gaggeeffamedha.
Dhiyeenya kan wal argan ammoo Liig Kaappii irratti bara 2018 yoo tahu, galchii Daanii Welbeekii fi Aleeksaander Laakaazetiin 3 fi 1'n Arsenaal mo'ate.
Birentifoordi kilaba Piriimer Liigii keessatti hirmaate 50ffaa yoo tahu, Landan keessaa kilaba kudhanaffaadha.
Dorgommii cimaa PL keessatti hirmaachuun isaanii kun isa jahaffaa yoo tahu, erga 1947 as isa jalqabaati. Kilaba dirree isaa irratti tapha jalqabaa PL mo'achuuf morkatu kan tahe Bireentifoordi har'a kan mo'u yoo tahe, erga Haal Siitiin bara 2008-09 Fuulham mo'atee kan jalqabaa taha.
Bireentifoordi Komunitii Istaadiyeem, dirreen Birentfoordi dorgommii PL keessummeessuun dirree 60ffaa yoo tahu, Arsenaal dirreewwan 59 keessaa 53 irratti mo'atee beeka.
Arsenaal
- Bara 2020-21 taphoota xumuraa shanan walitti aansee mo'atus Arsenaal sadarkaa hanga torbaa keessa waggaa lammaffaaf walitti aansee osoo hin galiin xumure. Kun erga 1977 yeroo jalqabaaf kilabicha kan mudatedha.
- Arsenaal bara darbe carraa taphoota injifachuu malan irraa qabxii saddet gatan.
- Arsenaal tapha jalqabaa dirreen alaa erga bara 2000 Sanderlaandin 1 fi 0'n mo'amanii hin injifatamne.