Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Euro 2020: Ibsa miidiyaaleerratti dhugaatii ofduraa fageessuun adabbii qabaachuu mala jedhe Uefa
Gareewwan dorgommii Euro 2020 irratti hirmaatan yoo taphattoonni isaanii qaruuraa dhugaatii isponsarootaan dhiyaate ofduraa achi butan adabamuu malu jedhe qaamni kubbaa miilaa Awurooppaa.
Gaafa Wiixataa taphataan gameessi Porchugaal Kiristiyaanoo Ronaaldoo qaruuraawwan Kokaa-Kollaa lama of duraa fageessuun, namoonni bishaan akka dhugan jajjabeesse.
Guyyaa ittaanu ammoo taphataan Firaans amantii Islaamaa hordofu Pool Pogbaa, qaruuraa biiraa Heineken haala ofeeggannoo qabuun ofduraa fuudhe.
Guyyaa Roobiis, taphataan Itaalii Maanu'el Lokaateliis qaruuraa Kokaa-Kollaa bishaaniin bakka buuseera.
''Uefa'n gareewwan biyyaalessaa dorgommicharra hirmaatan [waliigalteen dhaabbilee daldalaa wajjin godhamu] dorgommichaaf murteessaa tahuusaa yaadachiiseera.
Kana malees dargaggootaafi dubartoota dabalatee guddina kubbaa miilaa Awurooppaaf daran murteessaadha,'' jedhan qopheessitoonni dorgommichaa guyyaa Kamisaa.
Daarektara dorgommii Euro 2020 kan tahan Martin Kallen waan jedhan, ''taphattoonni gama federeshinii isaaniitiin qajeelfamoota dorgommichaa hordofuuf dirqama kontiraataa qabu.''
Haa tahu malee, taphattoota kanneen akka Pogbaa amantiif jecha waan akkasii maaliif kana akka raawwatan nan hubadha jedhan.
Gareewwan hirmaatan kunniin qajeelfama waliigaltee isaanii yaadachiisneerra kan jedhan Kallen, adabbiin sirreessaan fudhatamuun filannoo keessa jira jedhan.
Waldaan Federeshinoota Kubbaa miilaa Awurooppaa kan tahe Uefa'n kallattiin taphattoota akkas tolchan adabuuf karoora hinqabu. Adabbiin gosa kamuu federeshinota kubbaa miilaa biyyaaleessaa kan ilaallatu taha.
''Gama Uefa'n taphattoota kallattiin adabuuttii hinjirru. Kana kan goonu gama waldaa biyyaaleessaa hirmaataniini. Isaan akka barbaachisummaa isaatti taphataa isaanii wajjin haasawuu danda'u, malee nuti ammaaf kallattiin taphataa sana adabuuf hinjirru,'' jedhan Kallen.
''Qajeelfamoota federeshinoota hirmaachaa jiraniin mallattaa'an qabna.''