Tilmaama Piriimer Liigii: Bara 2020-21 kilaba kamtu mirgaan gala, isa kamtu ammoo meeqaffaan xumura?

Maxxanfame

Barri kun akka bara kaanii miti. Sababa weerara koronaavaayirasiin haalli dirree kubbaa jijjiirameera. Ta'us garuu akkuma barri fidetti tooftaa baafachuun taphoonni yeroo isaanii eeggatanii ni jalqabu.

Kanaaf, akkuma kanaan dura barametti Pirimer Liigii waggaa bara kanaa eenyu akka mo'atu tilmaamuuf yeroon isaa ammadha.

Barreessaan kubbaa miillaa BBC Sport Fiil Maknaltii kilaboota Piriimer Liigii Ingilizii keessaa isa kamtu mo'ata ykn isa kamtu meeqaffaan xumuruu danda'a jechuun tilmaama waggaa kan bara 2020-21 kaa'eera.

Tilmaamni barreessaa kubbaa miilaa kun hangam tilmaama keessanitti dhiyaata?

Barri dorgommii kubbaa miillaa Piriimer Liigii Ingiliiz ammaa kun erga Liiverpuul waggoota 30n booda shaampiyoonaa ta'ee guyyoota 48 booda jalqaba. Manaajarri kilaba kanaa Yeergan Kiloop fi taphattoonni isaa mo'icha kana dabalatuu?

Dorgommii bara 2020-21 kana eenyu akka mo'atu tilmaamuuf jijjiirraan taphattootaa kilaboonni torbeewwan hafan keessattitaasisan kan murteessu ta'uu ni danda'a.

Haata'u malee, haala amma kilaboonni itti jiraniifi taphattoota isaan qabaniin eenyu meeqaffaa ta'ee akka xumuru akkasiin tilmaama koo nan kaa'a jedha Fiil Maknaaltiin.

1. Liiverpuul

Bara darbe - 1ffa

Liiverpuul Piriimer Liigii bara darbee mo'achuudhaaf ciminaa agarsiise itti fufsiisuun hojii guddaa akka gaafatu nan beeka garuu gareen kun ammallee hanqinni guddaadha jedhamu irrati mul'ataa hin jiru.

Sararawwan murteessoodha jedhaman irrattis taphattoota qaqqaxalee qaba.

Erga Kostaas Tsimikaas £11m baasuun mallatteesisees Kiloop ammallee gabaa jijjiirraa keessa sirriitti seenee jira.

Taphataan cimaa Baayern Muniik Tiyaagoo Alkaantiraa ammoo warra qalbiin manaajara Liiverpuul kun irra buufate keessaa isa tokkodha.

Liiverpuuliif akkuma bara darbee shaampiyoonaa Piriimer Liigii ta'uun hojii cimaa gaafata ta'a garuu qophii sammuufi dandeettii kana milkeessuu kilabichaatti nan amana.

Kanaaf, Liiverpuul bara 2020-21 kana keessas shaampiyoonaa Piriimer Liigii Ingliiz ni ta'a.

2. Maanchester Siitii

Bara darbe - 2ffaa

Maanchester Siitiin sarara ittisaa isaatiin bara darbe baay'ee laafaa waan ta'eef mo'achuu hin dandeenye.

Ittisarraa taphataa Vinsent Kompanii bakka bu'u argachuu dhabuun qaawwa guddaa uumeera.

Peep Gaardiyoolaa rakkoo sarara ittisaa furachuuf Bornmaawozirraa Naataan Akee baasii £41m ta'uun mallatteessuun fudhateera.

Kana gochuudhaan sadarkaa lamaffaa bara darbee kana qabachuu danda'a.

3. Chelsii

Bara darben - 4ffa

Akkuma yeroo kaanii abbaan qabeenyaa kilaba Chelsii Roomaan Abraamoovich baasii ramadaniiru.

Garuu kilabichis taphattoota ciccimoo akka Edeen Hazaard fi Alvaaroo Moraataa gurgurachuun maallaqa baasii gochuun bitatu gahaa ni qaba.

Manaajarri Chelsii Laampaard maallaqa guddaa kana sochoosuun kilabicha akkamiin akka cimsu kan ilaalamu ta'a.

Abraamoovich ammoo maallqa baaseef deebii eega. Laampaard kana milkeessaa laata? Anaaf sadaffaa ta'ee xumura.

4. Maanchester Yunaayitid

Bara darbe - 3ffaa

Maanchester Yunaayitid erga Birunoo Fernaandees mallatteessifateen booda Shaampiyoonsi Liigii keessa galuu danda'eera.

Ayaaksirraa Doonii vaan de Beek fidachuun isaas sarara gidduu duraanuu cimaa ture amansiisaa taasiseera.

Sararri duraa Yunaayitid baay'ee cimaadha. Boorsiyaa Doortimond irraa Yaadon Saanchoo yoo argatee ammoo caalaa jabaata.

Sadarkaa 1-4 keessa ni gala garuu kan shaampiyoonaa ta'u Liiverpuulitti garuu hin dhiyaatu.

5. Tootenhaam

Bara darbe - 6ffaa

Joozee Moriinhoo Tootenhaam akka foyyaa'u taasiseera. Sarara duraa taphattoota jiran akka Harii Keenii fi Heung-Min Son jabeessuudhaaf Piyeeree-Emilee Hojbjeraa mallatteesiseera.

Kanaaf, sadarkaa bara darbe 6ffaa irraa bara kana ammoo 5ffaa qabachuun xumura.

6. Arsenaal

Bara darbe - 8ffaa

Milkaa'inni Mikaa'el Arteettaa Waancaa FA Cup irratti argate injifannoo guddaa ofitti amanamummaa Arsenaaliif dabaledha.

Rakkoon furamuu qabaatu osooma jiruu akka haaraatti gurmeessee kilaboota gurguddoo akka Liiverpuul, Maanchester Siitii fi Chelsii mo'ateera.

Taphattoota Awurooppaatti barbaadamoo ta'an Chelsiirraa Wiliyaaniin, Liilirraa ammoo Gaabri'eel Magalha'es fudhateera Arsenaal.

Arteettaan osoo yeroon jijjiirraa taphattootaa ganna kanaa hin xumuramiin taphatattoota dabalachuu barbaada.

Taphataa yeroo ammaa cimina gaariirra jiru Piiyeer-Emeriik Awubameyaang akka turuuf waliigaltee haaraa mallatteessuun garuu dhimma ijoodha. Akka mallatteessus abdiin jira.

Isinis dandeettii kilaboonni yeroo ammaa irra jiran, taphattoota haaraa jijjiirraan argatanii of cimsuun qophaa'aa jiran, manaajerootaa qabanii fi qophii biroo taasisaa jiran ilaaluun tilmaama keessan kennaa.