Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mariin dhimma hidha abbayyaa marroo lammaffaa Finfinneetti taa’amaa jira
Mariin dhimma hidha abbayyaa biyyoota sadeen Itoophiyaa Masirii fi Sudaan gidduutti Itoophiyaatti taa’amaa jiraachuu Ambaasadar Silashii Baqqalaa himan.
Mariin kun erga Itoophiyaan hidhicha yeroo arfaffaa fi isa dhumaaf guutuu ishee ibsitee torbanootaan booda taa’amaa jira.
Dursaa dhimma marii hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa fi lageen daangaa qaxxamuran irratti gorsaa tahuun kan hojjetan Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa fuula X [Tiwiiterii duraanii] irratti qajeeltoo waliigaltee hidha abbayyaa irratti biyyoonni sadeen marii jalqabuu himan.
Itoophiyaan itti fayyadama hidha Abbayyaa irratti qajeeltoo itti fayyadama bishaanii wal qixaa fi sababa gahaa tahe hordofuun bu’aa gaarii argamsiisuuf hojjetti jedhan.
Itoophiyaan bu’uura qajeelfama bara 2015 irratti hundaa’uun hidhicha bishaaniin guuteera jetti.
Dhiyeenya magaalaa Kaayirootti yeroo mari’atan biyyootni lameenuu yeroo gabaabaatti waliigaltee tokkorra geenya jedhaniiru.
Kun Kanaan osoo jiruu MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed haroo hidha Abbayyaa irra odolli bakka bashannanaa fi turizimiif oolan 70 ol jiraachuu fuula X [Tiwiiterii] irratti barreessaniiru.
Itoophiyaan hidhicha marroo arfaffaaf bishaan guutuun ishee Masirii dheekkamsiisee ture.
Biyyootni sadeen hidha waggaa kudhan dura jalqabe kana ilaalchisee haala oppireeshinii hidhichaa fi guutinsa isaa irratti osoo waliigaltee tokkorra hin gahiin as gahan.
Masirii fi Sudaan hidhichi osoo guutamee hin xumuramiin dura waliigaltee seeraa dhaabbataan mallattaa’uu qaba jedhu.
Itoophiyaan hidha Abbayyaa Doolaara biliyoona shanii oliin hojjechaa jirtu kana uummata ishee walakkaan ol dukkana keessa jiruuf humna ibsaa maddisiisa jetti.
Mariin biyyoota sadeen giduu jaarsummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamaa ture rega addaan cite dhiyeenya ture Kaayirootti deebi’ee kan jalqabe.
Biyyoonni Sadan: Sudaan, Masriifi Itoophiyaan faayidaa waloo, haala seerota idil-addunyaa bu’uurreffateefi hundumaa injifattoota taasisuutiin fedhii biyyoota yaa’aa gubbaafi gadii irratti bu’uureffachuun hojiirra oolchuuf waliigalan.
Waliigaltee biyyoonni sadan kunneen magaala guddoo Sudaanitti irra gahan irratti, kaayyoon Hidha Haromsa Guddichaa kan guddina diinagdee deeggaruu, wal ta’insaa daangaa qaxxaamuruu fi walitti dhufeenya kan cimsuufi humna anniisaa amansiisaa walitti fufaafi faalamarraa bilisa ta’e maddisiisuu ta’u irratti waliigalanii jirru.