Awustiraaliyaan Lammii Faransaay namicha aalbeen nama jaha ajjeese dhaabsiseef viizaa kennuuf

Deemiyaan Geehoo

Madda suuraa, Supplied

Maxxanfame

Lammii Faransaay nama haleellaa aalbee wiirtuu daldalaa Siidinii keessatti raawwachaa tureefi namoota jaha galaafatee dhaabsiseef lammummaan kennamuuf.

Deemiyaan Geehoo Sambata xiqqaa darbe moolii magaalaa guddoo Awustiraaliyaa Siidinii keessatti namni maqaan isaa Jo'eel Koochi jedhaamu dubartoota addatti aalbeen waraanaa ture wayita adamsu viidiyoon agarsiisuu baayyee qoodamaa ture.

Namichi albeen nama waraanaa ture, namoota hedduu waraane keessaa jaha du'aniiru, 12 ammoo miidhamaniiru. Boodas rasaasa poolisiin itti dhukaasteen ajjeefameera.

Biyyattiin haleellaa kanaan riifaatuu fi gadda guddoo keessa jiraattus, namicha lammii biyya Faransaay ta'eefi yakkamaa qabuuf aalbee dura dhaabatee waldhaansoo qabeen dinqisiifatteetti.

Namni ''goota'' jedhamee leellifamaa jiru kun viizaan isaa ji'a tokko kessatti dhuma.

Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Antonii Albanees garuu Deemiyaan Geehoo hamma yeroo barbaadeetti Awustiraaliyaa keessa jiraachuu danda'a, dhimmi viizaasaa rakkoo akka hin taane nan mirkaneessa jedhan.

''Namni kun warra Awustiraaliyaan akka lammiitti simattu keessati, Faransaayitti ni hira'ata'ullee. Gootummaasaa adda ta'eef isa galateeffanna'' jedhan Albanees ibsa miidiyaaleef kennaniin.

Lammiin Faransaay gootummaan leellifamaa jiru kun Sambata darbe nam aalbeen nama fixaa ture kan dhaabsise liiftiirratti danquun ture. Viidiyoon gabaabduun wayita inni waldhaanso qabuun mul'isuu miidiyaalee idila addunyaan qoodama ture.

Namni kun hojjetaa hojii ijaarsaa akka ta'e himuun, hiriyyaasaa kan bira waliin namicha qabuutti kan adeeman osoo itti hin yaadiin miira naasuu keessa(sababa hormoonii adireenaliin) ta'uu dubbateera.

''Yeroo gara keenya dhufu argine ...isa dhaabsisuuf yaaluu qabna jenne yaadne'' jechuun miidiyaa Awustiraaliyaa Chaanal 7 jedhamutti hime.

Lammiin Faranasaay kun utubaa gabaabaa pilaastikarraa hojjetamee karaa cufaa agarsiisuuf oolu qabatee hidhataa aalbe kana adamse.

''Liiftii irraa gadee itti darbachuuf yaallee nuu milkaahuu hin dandeenye'' jedhe.

Osoo lama ta'anii namicha adamsanii poolisiin dubartiin tokko qaqqabde dhukaasa takka itti dhukaafteen ta'ii sukkaneessaa sanitti xumura gooteetti.

Namichi ajjeechaa kana raawwatee Awustiraaliyaa kutaa Kiwinsilaand irraa wayita ta'u maaliifi akkamiin gocha kana raawwachuu akka danda'e qoratamaa jira.

Ammoo namni kun umrii ganna 17 ta'ee osoo jiruu rakkoo fayyaa sammuuf waldhaansa argachuu Poolisiin Kiwiinsilaand ibseera.