Gaazaa: 'Ijoolleen suuraa maatiikoo keessa jiran hedduun du’aniiru'

Ahmad Al-Nawuuq fi maatiisaa

Madda suuraa, AHMED AL-NAOUQ

Ibsa waa'ee suuraa, Ijoollee suuraa kana irratti mul’atan keessaa harki caalaan isaanii amma du’uu Ahmad ni dubbata.
Maxxanfame

Haleellaa qilleensaa Isra’eel bakkeewwan Gaazaa namootni hedduu jiraatan, manneen maatii Filisxeemota dhaloota hedduu keessa jiraatan irratti gaggeessiteen maatiin hedduu guutummaa guutuutti ajjeefamaniiru.

Lammileen Filisxeem UK keessa jiraatan sadii akka BBC’tti himanitti, haleellaa tokkichaan firootni isaanii 20 ol ajjeefamaniiru, hedduun ammoo ammallee jijjiga gamoolee jalatti danqamanii jiru.

Waggaa afur dura Jimaata waaree booda irratti Ahmad al Nawuuq suuraa mana abbaasaatti, suuraa ofee (selfie) miseensota maatiisaa waliin kaasee ture.

Ijoollee suuraa sana irratti mul’atan keessaa harki caalaan isaanii amma akka du’an Ahmad ni dubbata.

Haleellaa qilleensaa Onkololeessa 22 irratti mana maatii isaa rukuteen ajjeefamani. Abbaasaa, obbolaan dubaraa sadii, obbolaan dhiiraa sadii fi ijoollee isaanii 14 dabalatee walumaa galatti namoota 21’tu ajjeefame.

Akka ministeerri fayyaa Gaazaa ibsetti haleellaa Isra’eeliin lammileen Filisxeem 12,000 ol ajjeefamaniiru.

Isra’eel karoorri ishee Gaazaa keessaa Hamaas baasuudha, kanaan ammoo lammilee nagaa irratti miidhaan ga’uu danda’a jetti. Hamaas ummata nagaa keessa dhokatee socho'a jechuunis Isra’eel ni himatti.

Suuraa Ahmad irratti, ijoollee ajjeefaman keessaa torba qofatu mul’ata. Gariin isaanii guyyaa sana achi hin turre, kaan ammoo yeroo sana hin dhalanne.

Akkuma lammilee Filisxeem hedduu, akka aadaa isaanitti obbolaan Ahmad mana maatii isaanii mana abbaa isaanii gubbaatti ijaarratani – kana jechuun haleellaa tokkichaan dhalootni walumaan badaa jiru jechuudha.

Abdullaa

Madda suuraa, AL NAOUQ FAMILY

Ibsa waa'ee suuraa, Abdullaan yemmuu ajjeefame daa'ima umurii ganna ja'aa ture

Obbolaan isaa dubaraa Aya, Walaa fi Alaan ijoollee isaanii waliin mana maatii isaaniitti baqatani. Manni isaanii giddugaleessa Gaazaa magaalaa Deyer al -Balaag jedhamu keessa ture. Bakki kun kana dura haleellaan irra ga’ee hin beeku. Kanaaf nagaa taana jedhanii yaadan.

“Yeroo soodachisaadha garuu homaa hin ta’an jedheen yaadee ture,” jedha Ahmad, amma gowwummaa isaa yeroo sanaan ajaa’ibsifachaa.

Ahmad waggaa afur dura dhaabbata miti mootummaaf hojjechuuf gara Landanitti imalee, erga sanaa manatti hin deebine. Yeroo dhumaaf ijoollee sana kan arge bilbila viidiyoon ture.

“Gara qarqara galaanaa deemuu akka barbaadan, godoo kireeffatanii waliin nyaachuufi shubbisuu akka barbaadan natti himani,” jedha. Kanaaf achumaa kireeffatee irbaata biteefi.

Ijoolleen sun guyyaa sana gara qarqa galaanaa deemanii, bilbilaan isa hasoofsisaniiru.

Harki caalaan isaanii amma waan du’aniif Ahmad maqaa fi umurii hunda isaanii yemmuu yaadatu ni tirata.

Mucaan obboleettii isaa Eslaam umurii ganna 13 barataa qaxalee akka tureefi akka eessuma isaa UK deemuuf cimee Ingiliffa barachaa akka ture Ahmad ni hima.

Eslaam obbolaan isaa dubaraa quxisuusaa ta’an, Dimaa umurii ganna 10, Taalaa umurii ganna sagal, Nowuur umurii ganna shanii fi Nasmaa umurii ganna lamaa, akkasumas durbii isaa Ragaad (ganna 13), Bakir (ganna 11, Eslam fi Saraa lamaanuu ganna sagal, Mohaammad fi Basemaa umurii gana saddeet akkasumas Abdullaa fi Tamin lamanuu umurii ganna ja’aa ta’an waliin ajjeefame.

Malaak fi obbolaanshee

Madda suuraa, AL NAOUQ FAMILY

Ibsa waa'ee suuraa, Intallii hangafaa Malaak, jijjigaa jalaa baafamtee turte
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaa kana booda, addunyaan maal akka isaan irra ga’e akka baruuf, Ahmad suuraa ijoollee kanaa tokko tokkoon miidiyaa hawaasummaa irratti maxxanseera.

Isaan keessaa tokko daa’ima umurii ganna sadii Omaar jedhamudha. Daa’imni kun harmee isaa Shimaa fi abbaa isaa Muhammed – obboleessa Ahmad- waliin rafaa ture yemmuu boombiin isaan rukute.

Sana booda obboleettii isaa lubbuun oolte irraa bilbilameefi: Omaar lubbuun ooleera. Obboleessi Ahmad, Mohammeed ni ajjeefame Shimaa fi daa’imni kun garuu ajaa’ibaan lubbuun oolani.

“Yeroon sun jireenyakoo keessatti yeroo gammachuu ture,” jedha Ahmad.

Jijjigaa manaa jalaa kan lubbuun oolfamte intala ganna 11 Malaak qofadha. Guddaa miidhamtee ture, qaamni ishee walakkaan gubateera.

Yemmuu manni isaanii rukutame abbaan Malaak mana hin turre, lubbuun oole. Haati warraafi ijoolleen isaa biroo lama garuu ajjeefamaniiru. Yeroo Ahmad akkam jechuun ergaa barreeffamaa erguuf: “Qaamaan jira, lubbuu hin qabu,” jedhee deebiseefi.

Daa'ima Gaazaa ganna Afuritti ajjeefama Yuseef

Madda suuraa, ALNAJJAR FAMILY

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensota maatii tokko 20 ajjeefaman keessa Yuseef isa tokko. Daa'ima ganna afurii ture

Haleellaa sana torban tokko booda, Isra’eel haleellaa ishee yemmuu cimsitetti kominikeeshiniin Gaazaa guutummaatti adda cite ture, Ahmad eenyuniyyu argachuu hin dandeenye. Yemmuu tajaajilli guyyaa lama booda deebi’e, Malaak akka duute bare.

“Guyya guyyaan si’a dhibban irra deebiin du’a,” jechuun abbaan ishee, yemmuu intallli isaa hangaftiifi ijoolleesaa keessa kan lubbuun turte yemmuu duutu waan itti dhaga’ame Ahmaditti hime.

Kominikeeshiniin addaan cituu dura, Ahmad manni eessuma isaas akka rukutame bare. Hanga ammaatti eenyu achitti akka ajjeefame hin beeku.

Kibxata darbe, manni hiriyyota isaa Mayisaraa fi Loora akka rukutame dhaga’e. Ammas dhaloota hedduutu ajjeefame – Looraan lubbuun oolteetti Mayisara garuu ammallee jijjigaa jalaa hin argamne.

Walumaa galatti namoota UK keessa jirataan sadii kan tokkoon tokkosaanii miseensooti maatiisaanii 20 ol Gaazaatti ajjeefaman dubbifneerra.

Darwiish al-Manaama miseensoti maatiisaa 44 akka ajjeefaman BBC’tti himeera. Kanneen ajjeefaman keessaa mucaa eessuma isaa Salmaa fi abbaa warraashee, ijoollee isaanii gurguddoo afuriifi mucaa mucaa isaanii umurii ganna tokkollee hin gunneedha.

Fatimaa, umurii ganna 5, Anaas umurii ganna 3

Madda suuraa, ALNAJJAR FAMILY

Ibsa waa'ee suuraa, Fatimaa, umurii ganna 5, Anaas umurii ganna 3

Darwish maatiin isaa ajjeefamu kan bare, tarree maqaa namoota du’aa WhatsApp irratti ergameef irraadha. Yeroo muraasaaf erga haasa’ee booda, miira gaddaa guddaa keessa seenuun dubbachuu dadhabe.

Yara Shariif ogeettii arkiteektiifi hayyuu Landan keessa jiraattu yoo taatu, waraanni eegalee torban tokko booda mana maatii adaadaashee haleellaa Isra’eeliin barbadaa’e suuraa isaa nutti agarsiiste.

“Mana baayyee bareedaa ture,” jetti Yaaraan. Akkuma maatii Ahmad, ilmaan isaa mana maatii isaanii kan ijaarratan mana abbaasaanii irratti.

Firootni ishee 20 ajjeefamuu Yaaraan kan barte Feesbuukii irratti. Adaadaafi eessumashee, durbiishee lamaaniifi ijoollee isaani 10, akkasumas firootashee ja’a birootu ajjeefame.

Samaa umurii ganna 16, Omarifi Gaamii lakkuu umurii ganna 14, Abdulrahmaan ganna 13, Fatimaa ganna 10, Obayidaa ganna torba, durbiishee Alemaanifi Faatima lamaanu ganna shan, Yuseef umurii ganna afur, akkasumas Saaraafi Anaas lamaanu daa’imman umurii ganna sadii turani.

Durbiiwwan Yaaraa lama qofatu lubbuun oole. Obbolaan lamaan Gaazaa keessa bakka adda addaa waan jiraataniif wal argatanii gadda taa’uus ta’e, maatiisaaniif sirna awwaalchaa qopheessuu hin dandeenye.

Darbeemmoo durbiinshee akka Yaaratti himtetti: “reeffi Mohaammad fi Maamaa [harmee] akkasumas kan ijoollee lamaanii ammallee jijjiga jala jira.”

Gaazaa keessatti konkolaataa lafa qotu [excavotar] sochosuuf boba’aan ga’aan hin jiru, kan ammatti hojiirra jiran ammoo namoota lubbuun oolan baraaruuf barbaadamu.

Abdulramaanfi durbiisaa lakkuu Omaarfi Faamii

Madda suuraa, ALNAJJAR FAMILY

Ibsa waa'ee suuraa, Abdulramaan durbiiwwan isaa lakkuu Omaarifi Faamii waliin ajjeefame. Reeffi Faamii ammallee jijjiga jalaa hin baafamne

Jimaata darbe, yemmuu oduu irratti maqaan namoota ajjeefamanii ibsaman, Ahmad al-Nawuud tarree sana keessa “maqaa maatiisaa 12 qofa” akka jiru himuun, reeffi maatiisaa sagal biroon ammallee akka jijjiga jalaa hin baafamne hime.

Ahmad obbolaansaa dubaraa lubbuun oolan waliin wal argachuuf ni rakkata. Yeroo hedduu bilbilli waan hin hojjenneef hin argatuuni.

Erga haleellaa kanaa maal akka itti dhaga’amu ibsuuf jecha akka dhabu himuun, onneen isaa qaamasaa keessa akka hin jirreetti itti dhaga’amuu hima.

Bo’ichi bu’aa hin qabu, homaa hin jijjiiru waan ta’eef jedha.

“Dhaabbachuu hin danda’u, taa’uu hin danda’u. Galgala rafuu hin danda’u,” jedha.

“Wanta sitti dhaga’amu kana dhaabuuf homaa waanti gochuu dandeessu hin jiru.”

Saara, 9, Raghaad, 13, Abdullaa, 6, and Eslaam, 8

Madda suuraa, AL NAOUQ FAMILY

Ibsa waa'ee suuraa, Saara, 9, Raghaad, 13, Abdullaa, 6, and Eslaam, 8

Ahmad abbaan isaa nama baayyee gaarii, taaksii ofuufi hojii ijaarsaa hojjechuun ijoollee isaa barsiisuufi mana isaaniif ijaaruuf nama cimee hojjetu akka ture hima.

Abbaan isaa waraana kana furuuf furmaatni jiru, biyya tokkicha, bakka sabni Yihuudaa fi Filisxeem nagaan waliin jiraatan hundeessuu akka ta’e amana ture jedha.

Yemmuu waa’ee mucaa obboleessa isaa lubbuun oolee tokkicha yaadu garuu Ahmad akkas jedha: "erga waraanni kun namoota inni jaallatu hedduu jalaa ajjeesee booda, Omaar maal amanaa laata?"