Dooniin waraanaa US handaara gaalaanaatti buufata ijaaruuf gara Gaazaa qajeele

Maxxanfame

Dooniin waraanaa Ameerikaa imala gara Baha Giddugaleessaa eegaleera. Gaazaatti buufata galaanaa ijaaruuf meeshaalee barbaachisan qabatee imala akka eegale humni waraanaa US ibse.

Dooniin Jeneraal Firaank Beeson jedhamu kun Sambata kaleessaa buufata waraanaa Varjiiniyaa irraa imala eegale.

Kun kan ta'e erga Pirezidant Joo Baayidan galaanarraan Gaazaaf gargaarsa qaqqabsiisuuf buufata galaanarra bololi'u ijaaruun akka barbaachisu ibsaniiti.

Dhaabbati Biyyoota Gamtomanii beelli Gaazaa keessatti waan hin oolle jedhe, daa'imman beelaan du'uu eegaluu ibse.

Lafoodhaan yookiin qilleensarraan gargaarsa gara Gaazaa erguun akkaan ulfaataa ta'eera.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa erga konolaattonni fe'umsaa meeshaalee waraanaa gurguddaan jalaa haleelamee fi saamichi irratti raawwatamee gargaarsa gara Gaazaa erguu dhaabeera.

Jimaata darbe paaraashuutiin ittiin qilleensarraa bu'uun sirnaan hojjechuu dhabuun namoonni gargaarsa kennan shan du'aniiru.

Joo Baayidan waa'ee handaara galaanaatti buufata ijaaruu erga ibsanii sa'atii 36 keessatti dooniin waraanaa meeshaalee barbaachisan qabattee garas qajeelte jechuun Ajaji Giddugaleessaa US fuula X irratti barreesseera.

Dooniin waraanaa kun meeshaalee riqicha gargaarsi irra geejjibsiifamee uummata Gaazaaf qaqqabu ittiin ijaaran qabateera, jedha ibsi humna waraanaa US kun.

Riqicha kana galaanarratti ijaaruuf guyyaa jaatama fudhata, loltoonni 1,000 ta'an irrattpi hirmaachuu qabu.

Tola ooltonni ammoo yeroo ammaa uummanni Gaazaa haala guyyaa hanga kana eeggachuu isa dandeessisu keessa hin jiru jedhan.

Qaamoleen addunyaa garaagaraa uummata Gaazaaf gargaarsa namoomaa erguutti akka jiran ibsaa jiru, garuu riqichi galaanarraa US eegalte kun ijaaramu malee gargaarsa qaqqabsiisuun waan danda'amu miti.

Gaazaan buufata galaanaa hin qabdu, galaanni ishee marsee jiru gadi fageenya waan hin qabneef yabala dooniif mijataa miti.

Israa'el hojii Ameerikaan eegalte kana, akkasumas deeggarsa namoomaa qaamoleen addunyaa garaagaraa taasisan hin mormine, garuu to'annoo cimaa fi sakatta'iinsa ishee keessa akka darban ibsite.

Onkoloolessa 07, 2023 erga Hamaas haleellaa Israa'el irratti raawwatee waraanni Gaazaa fi Israa'el adda citee hin beeku.

Waraana kanaan Israa'eoloonni 1,200tu ajjeefaman, kan Hamaasiin butaman 253 jetti Israa'el.

Uummata Gaazaa keessaa garuu namoota kuma 30 fi 900 caalantu ajjeefaman.

Miiliyoona lamatti kan siqan qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru. Dhaabbati Fayyaa Addunyaa daa'imman beelaan du'uu ibseera.

Uummanni kuma 300 hanqina nyaataa fi bishaan dhugaatiif saaxilamee jiraachuus ibse.