Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gadameessa namtolchee: Daa’imman yeroo malee dhalataniif furmaata haaraa?
Gadameessi namtolchee lubbuu daa'imman yeroo malee dhalatanii baraaruu danda'a. Garuu qormaanni namaa osoo hin jalqabin dura yaadonni naamusaa ilaalamuu qaban jiru.
Yeroon turtii ulfa fayya qabeessa tokkoo giddu-galeessaan torban 40 ykn guyyoota 280 ta'a. Ammoo torbaan 37tti daa'imman guutuutti uumamaniiru.
Haa ta'u malee yeroo garii ulfa keessatti rakkoon mudachuun daa'imni dafee akka dhalachuu qabu taasisuu danda'a.
Sababa guddina qoricha daa’immanii waggoota kurnan darban keessatti argameen, daa’imman yeroo malee dhalatan irra caalaan isaanii lubbuun kan hafan yoo ta’u, rakkoolee muraasaan hospitaalaa gadhiifamu.
"Dhugaa dubbachuuf, daa’imman torban 28 fi torban 27tti dhalatan haala gaarii ta’en guddachuu danda’u," ogeettiin daa'immanii Isteefaanii Kukoraa jedhamtu.
“Kanneen torbaan 22 fi 23 gidduutti dhalatan garuu rakkoon cimaan waan mudatuuf qulqullinni jireenyaa isaanii fudhatama qabaachuu fi dhiisuu isaa mirkaneeffachuu hin dandeenyu."
Daa’imman yeroo malee dhatalan kunneen yeroo baay’ee rakkoo fayyaa cimaatti isaan mudata.Yeroo dhalatan ulfaatina giraama 900 gadi kan qaban yoo ta’u, qaamoleen murteessoo ta’an kanneen akka onnee, somba, qaamolee bullaa’insa nyaataa fi sammuun guutummaatti kan hin uumamne
Kanaaf kunuunsa fayyaa cimaa malee daa’imman jiraachuu hin danda’an.
Daa’imman umuriin kana keessa jiranis infekshinii dhiibbaa dhiigaa lubbuu namaa balaa irra buusu kan somba, tiruu, kalee fi qaamolee biroo miidhuu danda’un qabamu.
Teeknooloojiin lubbuu daa’immanii baraaruuf qophaa’e kan akka deeggarsa oksijiinii fi qilleensa somba daa’immanii miidhuu danda’a.
"Umurii sanatti sombi ammallee guddachaa waan jiruuf dhangala'aan guutamuu hin qabu," jedha Joorji Maayikaaliska, piroofeesara baqaqsanii hodhuu fi da'umsaa fi dubartootaa Hospitaala Daa'immanii Yunivarsiitii Michigaan.
"Garuu yeroo baayyee qilleensaa fi oksijiinii dhiibbaa olaanaadhaan somba isaaniitti dirqisiifna - kunis miidhaan akka geessisu sirriitti galmaa'eera."
Yaadni gadameessa namtolchee dhimma kana furuudhaan hanga daa’imni hafuura jalqabaa fudhachuuf qophaa’utti naannoo nageenya qabu keessatti guddina isaa akka itti fufuuf yeroo kennuudha.
Gareewwan sadiiti teeknooloojii kana irratti hojjetaa jiru.Sadan isaaniiyyuu kaka'umsa isaanii yaala jiru kan extracorporeal membrane oxygenation (Ecmo) jedhamu irraa fudhatan.
Yaalli kun deeggarsa jireenyaa namtolchee kan nama sombaa fi onneen isaa sirnaan hin hojjenne gargaaruu danda'u.
Saayintistoonni CHOP, kan ogeessa baqaqsanii hodhuu Alaan Filekiin durfamanii ammaa daa'imman yeroo malee dhalatan, dhangala'aa gadameessaa fakkeessuuf qophaa'e keesssa kaa’uuf karoorfataniiru.
Sana booda ogeeyyiin baqaqsanii hodhuu ujummoo dhiigaa xixiqqoo handhuura daa'imaa meeshaa Ecmo fakkaatuun wal qunnamsiisu.
Dhiigni akkuma uumamaan jiru onnee daa’imaa fayyadamuun sirna qaamaa akka gahu godhama
Bara 2017 Filekii fi waahillan isaa hoolaawwan yeroo malee dhalatan saddeet fudhatanii gadameessa namtolchee fayyadamuun torban afuriif lubbuun tursiisan.
Yeroo kanatti hoolaawwan kunnee akka gaaritti guddatan.
Kanaafuu yeroo dhiyootti gadameessa namtolchee hospitaala keessatti argina?
Gareen kun dhiheenya kana yaaliin namaa akka jalqabu hayyama Bulchiinsa Qoricha Federaalaa (FDA)tti iyyataniiru