Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tapha Liiverpuul fi Maanchestar Siitii eegamaa jiruun eenyu mo’ata?
Taphoota Piriimer Liigii Ingilizii torban kanaatiin warra eegaman keessaa tokko tapha kan Liiverpuul fi Maanchester Siitii gidduutti taasifamudha.
Eenyuti mirgaan gala jettu?
“Osoo gara dirree Arsenaal, Emirats hin deemiin dura warri Liiverpuul gara dandeettii isaanii duraatti deebi’u jechuun tilmaameen ture,” jedha Saatan.
“Haata’u malee, hin milkoofne. Liiverpuul tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaatiin Liiverpuul Reenjarsiin 7 fi 1n mo’atullee fuuldura isaa tapha cimaatu isa eeggata.“
Saatan tapha kana dabalatee taphoota torbee 10ffaa hunda eenyu akka mo’atu tilmaameera.
Tilmaama isaa kana sababa dhiyeesse waliin ilaaluun isinis of ilaalaa.
Jimaata
Bireentfoord vs Biraayitan
Bara dorgommii kana dandeettii cimaatiin kan jalqaban warri Bireentfoord, tibba kana garuu hin milkoofne. Torban darbe Niiwukaasiliin eegalamaniiru.
Leenjisaa haaraa kan muudatan warri Biraayitan ammoo imala akkamii akka qabaatan tilmaamuudhaaf rakkisadha.
Yeroo hunda cimoo ta’anii waan dhiyaataniif tapha kana ni mo’atu jedheen tilmaama.
Tilmaama: 1 - 2
Sambata
Leester Siitii vs Kiristaal Paalaas
Leester Siitiin dirree isaaniirratti Nootingihaam Forest waliin tapha taasisaniin gahumsa ajaa’ibaa argisiisanillee, Barnimaawoz waliin garuu dadhabanii ture.
Wanti jiru waan jijjiiramu natti hin fakkaatu. Sarara isaanii duubaa laafee jennaan Wilfireed Zahaan carraa kanatti gargaaramuu malu.
Kiristaal Palaas Liidsiin hanga mo’atanitti duubatti sigigaachuu jalqabanii ture.
Gareen lamaanuu qabxii qooddatanii bahu jedheen tilmaama.
Tilmaama: 2 - 2
Tootenhaam vs everten
Tapha Maanchester Yunaayitid waliin taphataniin, keessumaa erga goolii lakkoofsisanii booda warri Everten hanga maluu gadi ture kan socho’na.
Everten toorri ittisaa isaa fooyya’insa agarsiisullee, ammayyu banaa akka ta’e tapha Maan Yunaayitid waliin ture irratti mo'ateera.
Tootenhaamiin dhaabuun salphaa ta’us Harii Keen fi Saan Iyuung-miin gahumsa gaariirratti arga.
Kanaaf, kan milkaa’u yoo ta’u hangi goolii galchanii kan murtaa’u garuu daqiiqaa goolii jalqabaa itti lakkoofsisan irratti hundaa’u.
Tilmaama: 3 – 1
Fuulhaam vs Barnimaawoz
Warri Fuulhaam tapha Westihaam waliin taphataniin boqonnaa duraarratti gaarii turan.
Leenjisaan Fulhaam Maarkoo Silvaa adabbiin peenaaliitii kennamuu isaatti aaranillee, kan inni aaruu qabu akeekkachiisa irra deddeebiin kennamee diduun dogoggora kan raawwate Andiriiyaas Perees irratti ta’uu qaba ture.
Tilmaama: 2 – 1
Wolvis vs Niitingihaam Forest
Warri Woolvis hanga ammaatti leenjisaa qabaachuu baatanillee hanga isaaniif malu kan hin socho’iin taphattoota ciccimoo qabataniiru.
Sadarkaa gadiirra bu’uutti dhiyaatee kan jiru ta’ullee akka garee dandeettii qabu agarsiisanillee dadhabeettin ilala.
Nootingihaam Forest ammoo haala kanaan addatti kanan ilaalu yoo ta’u, torban darbe Astonviilaa waliin qabxii argachuu isaaniitiif carraa qabeeyyii isaan taasisa.
Taphattoonni Forest kan wal hin simatiin jiran yoo ta’an ofitti amanamummaan qabanis waan laafeeru natti fakkaata.
Tilmaama: 2 – 0
Dilbata
Aston Viilaa vs Chelsii
Dhimmi leenjisaa warra Aston Viilaa Isteefen Jeeraarid deeggartoota biratti murtoo ifa ta’e waan argateeru hin fakkaatu. Sababiin isaa ammoo akkaataa taphaa filatanidha.
Piyeer-Emeriik Obaamiiyaang goolii lakkoofsisaa kan jiru yoo ta’u leenjisaa Girihaam Pooteriim dandeettii madaquu agarsiisaa jiru.
Viilaan diibbaan dirree isaarratti mo’achuu qaba jedhu kan irra jiru yoo ta’u, dhiibbaan kun ammoo taphattootallee ni miidha.
Tilmaama 0 – 2
Liids vs Arsenaal
Warri Liids tapha warra Paalaas waliin taphataniin boqonnaa dura baayyee cimanii ture garuu hanga dhumaatti hin fullaane.
Tapha kana irrattis ammoo Liids muddee taphachuuf carraaqullee itti baasuu hin danda’u.
Sochii jiruufi bu’aa torban darbeen booda warri Arsenaal taphicha olaantummaadhaan akka xumuran tilmaama kooti.
Akkan tilmaamutti warri Liids haleelanii taphachuudhaaf erga yaalaniin booda Gaabri’eel Maartineel fi Bukaayyoo Saakaa banaa argatu. Kun ammo Gaabr’eel Jeesus akka carraa uumu gargaara.
Tilmaama:1 – 3
Maanchester Yunaayitid vs Niiwukaasil
Tapha kana Maanchester Yunaayitid ni mo’ata jedhee hin tilmaamu. Gaaffiin jiru Niiwukasil qabxii tokkomoo qabxii sadii argata kan jedhudha.
Maanchester Heriik Teen Haga jalatti foyyaa‘aa jiraachuu isaa nan fudhadha.
Kana caalaa Niiwukasil haleelanii taphachuu jalqabuu isaaniifi tophoota lamaan darban irratti gooliiwwan sagal lakkoofsisuu isaaniiti.
Leenjsisaan isaanii Hedii Hawii Oltiraafoorditti tapha isaanii ni jijjiiru jedhee hin tilmaamu.
Kun ammo taphichi akka banamaa ta’u godha waan ta’eef Maanchester fayyadamuu danda’a.
Tilmaama: 1 – 1
Saawozhampitan vs West Haam
Kun tapha cimaadha.
Saawozhampitaniin tapha Maanchester Siitiitiin gamaaggamuun cimaadha.
Dhiibbaan leenjisaa Raalf irra jiru waan hin hir’anneef tapha kanarraa bu’aa eeggatu.
Taphni kun walqixxeen xumurama jedhee tilmaamullee wanti jira gara warra West Haam jira. West Haam gara mo’ichaatti deebiyaniiru.
Tilmaama: 1 – 2
Liiverpuul vs Maanchester Siitii
Liiverpuuliin morkii waancaatiin ala taasisuun cimaa ta’ullee Siitiin gara Anfiild deemee mo’achuu dandeenyaan carraa hin qabaatan.
Warri Siitii waan kana beekaniif itti fayyadamu. Eerliing Halaand walakkaa turban darbee kana boqonnaa waan argateeruuf tapha kanaaf qophii ta’a.
Akkaataan tapha Liiverpuul Halaandiif waan mijatuuf of eeggannoo barbaachisa.
Liiverpuul carraa uumuu danda’anillee dandeettii Maanchester Siitii qabuun ol ta’uu hin danda’an.
Bara 2021 gareen Peep gaardiyoolaa goolii afur kan lakkoofsisan yoo ta’u, tapha kanaanis kanuman eega.
Tilmaama: 1 - 4