Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mesiin Saawudiitti imaluusaaf dhiifama gaafate, Manasaa duratti mormiin gaggeefame
Liyooneel Mesiin hayyama kilaba isaa malee gara Saawud Arabiyaa imaluu isaaf waahillan isaa PSG dhiifama gaafate. Imala isaa kana duuba murtee kilabichaa akka eegus beeksise.
Kilabichi Mesii torbanoota lamaaf tapharraa adabuu beeksisee erga tokko buleeti Mesiin kan dhiifama gaafate.
Mesiin gara Saawudii kan imale kilabni isaa PSG'n Dilbata darbe dirree isaatti Loriyeenteen injifamuu booda. PSG'n dhiyeenya bakka Mesiin daqiiqaa 90 guutuu taphatetti taphota jaha keessaa sadii injifatameera.
''Waaniin godheef dhiifama, wanta kilabichi murteessu nan eega'' jedha viidiyoo gabaabaa Mesiin dhiifama gaafate irratti.
''Dhugumatti akkuma yeroo kaanii taphaan booda guyyaa boqonnaa waan qabaannu natti fakkaatetin imale.
Imala Saawudii Arabiyaa amma dura haqeen tureen imale. Amma haquu hin dandeenye.''
Mesiin ji'oota booda kontiraatin isaa PSG wayita xumuramu kilabicha gadhiisuuf jedha.
Jifataan ganna 35 kun kilaba isaatiin haa adabamuyyuu malee gahee dabalataa ambaasaaddar turizimii Saawdii Arabiyaa ta'uu isaatiin qabu bahachuuf garas imale.
Leenjisaan PSG Kiristoofer Gaatleer adabbii Meesii keessaa hin qabuu jedhee, mormii deeggartootni mana jireenyaa isaa fuulduratti godhan balaaleffateera.
''Adabbiin Liyoo gahuumsa gad-aanaa amma qabnu ittuu hammeessa sana duuba dhokachuu hin dandeenyu'' jedhe leenjisichi.
Murticha keessa hin jiru ''natti himameetu'' kan jedhu Gaatleer yeroo gaariitti murtee darbe jedhee akka hin amanne dubbate.
PSG'n osoo taphni shan hafuu liigicha garaagarummaa qabxii shaniin dursa. Garuu ammoo Shaampiyoonsi Liigii keessaa baheera. Fireench Kaappiinis garee saddeet marsaa itti aanutti ce'an keessa galuu hin dandeenye. Dilbata Liyooreneteen erga injifatamee ammoo deeggartootni isa balaaleffachuutti jiru.
Deeggartootni mana Mesii qofa osoo hin taane mana michuu isaa lammii Biraaziil Neeyamaarittis walitti qabamanii mormii dhageessisaniiru. Kilabicha akka gadhiisuus gaafatan.
Gochi deeggartootaa kun kilabichi mana Mesii, Neeymaar, Veraatiif leenjisicha Gaatleer dabalatee bakka leenjiitti eegumsa akka cimsu dirqisiiseera.
''Mana jireenyaa taphattootaa fuulduratti mormii godhamu ilaalchisee eeggannoo gochuu barbaachisa. Jireenyi dhuunfaa jireenya dhuunfaati'' jedhe leenjisaan ganna 54 Gaatleer.
''Aariifi mufii deeggartoota keenyaa nan hubadha. Bakka leenjiitti ykn waajira PSG'tti zykn ammoo tapha booda dirree Parc des Princes mormii ibsachuu dandeessa Mana jireenyaa eenyuu biratti garuu hin fudhadhu.''
Mormiin manneen jireenyaa taphattootaarratti godhamu bal'achuu kaasuun to'annoon ala ta'ee hamaa fiduu danda'aa jedheera.