Ramafoosaan waraanni Yukireen dirqama dhaabachuu qaba jechuun Pireezidant Putiinitti himan

Maxxanfame

Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Ramaafosaa waraanni Yukireen dirqama dhaabbachuu qabaa jechuun gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Putiinitti himan.

Yaadni pireezidantii Afrikaa Kibbaa kun kan dhagaahame pireezidantichi jila isaanii biyyoota biroo jaha waliin magaalaa St Piterisberg kessaatti pireezidant Putiin waliin walarganii wayita mariyatani.

Pireezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii jilajaarsolii araaraa Afrikaa Kiiv turanitti Raashiyaan hamma lafa Yukireen weerarte hin gadhiifnetti mariif akka hin teenye himan.

Pireezidantiin Raashiyaa Putiin ammoo Yukireen yeroo maraawuu mariif fedha qabaachaa hinjirtu jedhan.

Marii St Piiterisbeerg tureen Raamafoosaan biyyootni lameenuu booji'amtoota waraanaa isaanii akka deebisan Raashiyaan daa'imman Yukireen maatii jalaa butte akka deebistu gaafataniiru.

Putiin wayita humnoonni isaanii magaalaalee Yukireen to'atan ijoollee maatii jalaa fudhachuun dhoksaniiruu jedhamuun dabalatee yakka waraanaan Mana Murtii Yakkaa Idila Addunyaatti himatamaniiru.

Hoogganoonni Afrikaa waayee ijoollee Yukireen deebisuu wayita haasa'an Putiin adda kutuun waayee nageenya ijoollee dubbataniiru.

''Ijoolleen kabaja qabu. Iddoo waraanaa keessaa isaan baafnee lubbuu isaanii baraarree, fayyaa isaanii eegne'' jedhan Putiin. Dhaabbatni biyyoota Gamtoomanii Raashiyaan ijoollee Yukireen dhibbaa lakkaawaman fudhattee Raashiyaatti dabarsuuf ragaa akka qabu hima.

Ramafoosaan waraanni kun dhiibbaa Afrikaarraan gahu akeekkachiisuun karaa dippiloomasii akka furamu Putiinitti himaniiru.

''Waraanichi barabaraan itti hin fufu. Waraanni hunduu sadarkaa wayiitti tasgabbaa'ee gara dhaabachuutti dhufa. Nutis ergaa ifa ta'e, waraanichi amma akka dhaabatu, jedhu dhaamuufi.''

Waraanni biyyoota lamaanii lubbuu namaafi dinagdee biyyoota lammanii gaaga'uurra darbee Yukireen midhaan alatti akka hin ergine, Raashiyaanis xaa'oo akka hin ergine danqaa uumeera. Darbees tasgabbii dhabuu gabaa nyaataa addunyaa uumeera.

Putiin garuu rakkoo midhaan nyaataa kan uume waraanicha caala warra lixaati jechuun qeeqan. Qaamni UN al-ergii midhaanii karaa Galaana Gurraacha godhamuuf 3% qofa hayyama kennee jedhe.

Raashiyaan omihsaalee qonnaa ishee alatti akka hin ergine qoqqobbiin biyyoota Lixaa rakkoo uumuus dubbatan.

Dubbii himaan Kireemliin Dimiitrii Peskoov ''sababiin waliigaltee midhaan erguu dheeressinuuf hin jiru. Wanti waadaa nuu galame hang ammaa hin raawwatamne'' jedhan.

Pireezidant Putiin ejjennoo biyyootni Afrikaa waraan Raashiyaafi Yukireen irratti qabataniin madaalawaa jechuun jajaniiru.

Hoggantootni jaarsummaaf gara Yukireeniifi Mooskoo imalan kan Afrikaa Kibbaa, Masrii, Senegaal, Koongoo Biraazaaviil, Komoroos, Zaambiyaafi Ugaandaadha.

Gareen kun gama lamaan irraayyuu fudhatama akka argatan ta'ee kan ijaarameedha.

Jimaata wayita hooggantootni kun Kiiv turan magaalittiin haleellaawwan misaayelaa Raashiyaa hedduu keessummeessaa turte.